Latera Mulatu page

█▓▒L░I░K░E░M░E▒▓█ Follow me 💚┊┊┊▕▔╲▂▂▂╱▔▏╭━━╮╭┈╮⠀╭┈╮╭━━╮╰╰╰┃▏╭╮⠀╭╮▕┃╯╯╯┈┃⠀┃▏┈┈▅┈┈▕┃⠀┃┈┃⠀┃▏┈╰┻╯┈▕┃⠀┃┈┃⠀╰█▓▒░M░E░▒▓█👆
18/02/2024

█▓▒L░I░K░E░M░E▒▓█ Follow me 💚
┊┊┊▕▔╲▂▂▂╱▔▏
╭━━╮╭┈╮⠀╭┈╮╭━━╮
╰╰╰┃▏╭╮⠀╭╮▕┃╯╯╯
┈┃⠀┃▏┈┈▅┈┈▕┃⠀┃
┈┃⠀┃▏┈╰┻╯┈▕┃⠀┃
┈┃⠀╰█▓▒░M░E░▒▓█👆

Yoh. 15¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¹⁵ Ani garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku'o; ani garuu firoota koo...
23/07/2023

Yoh. 15
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁵ Ani garboota isiniin hin jedhu, garbichi waan gooftaan isaa godhu hin beeku'o; ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga'e hundunaas isin beeksiseera.
¹⁶ Isin ana hin fo'anne, anatu isin fo'ate; dhaqxanii akka ija godhattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf, maqaa kootiin abbaa waan kadhattanis akka inni isiniif kennuuf, ani isin kaaseera.

03/05/2023

Qofakoo Mitii ani

03/05/2023
              (Via_Eebbisaa_Baayisaa)Kaffaaloo Tufaa Yaadatee haala akka malee rakkisaa keessa ture. Rakkoo baay'een kee...
01/05/2023


(Via_Eebbisaa_Baayisaa)
Kaffaaloo Tufaa Yaadatee haala akka malee rakkisaa keessa ture. Rakkoo baay'een keenya hin hubanneef. Yeroo bal'aa fudhannee waliin dubbanneerra. Wantonni irraa dhageenye nu gaddisiisaniiru.

Rakkoon isaa inni guddaan hubatamuu dhabuudha. Gar tokko akka nama siyaasaatti isa hubatu. Kaan akka nama amantaatti isa fudhatu. Warri Habashaa immoo akka bulguutti isa balaaleffatu. Gidduutti nama of biraa dhabe.
Yeroo murtaa'ee asitti ololli sobaa akka malee isa irratti oofamaa ture. "Kaffaaloon Biltsiginnaa ta'e; bakka baay'eedhaa lafa kennaniif; mana illee ni qaba. Kana irraa kan ka'e abbaa qabeenyaa ta'eera!" jedhamee haasa'amaa ture. Namni kamuu ilaalcha mataa isaa qaba. Kaffaaloon itti amannaan Biltsiginnaa deggeruuf mirga guutuu qaba. Deggertoota paartichaa keessaa hundi keenya firootaa fi hiriyyoota ni qabna. Itti amananii deggeran waan ta'eef filannoo fi ejjennoo isaanii kabajnee waliin jiraanna.

Dhimmi kun rakkina kan ta'u garuu otoo inni keessa hin seeniin akka waan inni seenee fi fayyadamaa ta'eetti sobaan yeroo ololamudha. Wanti Kaffaaloo irratti raawwatames kanadha. Namoonni kanaan dura isa deggeraa turan siyaasa keessa seenuu isaa haala dogoggoraan dhageenyaan harka irraa dachaafatan. Amantoonni inni tajaajilaa ture immoo akka waan inni nama siyaasaa ta'eetti ilaalanii irraa baqatan.
Wareegamuu Haacaaluu booda siyaasatti haalaan kan seenee fi miidiyaa irratti kan beekame Kaffaaloon gara boodaa kana hojii amantaa irratti xiyyeeffachuuf yaada isaa jijjiiree ture. Miidiyaafis ibsa kenneera. Haaluma kanaan Waldaa Kiristaanaa jalqabuuf mana kireeffatee hojii eegalee ture. Yeroo xiqqoo booda garuu abbaan manichaa kiraa ji'aa qarshii 100,000 (kuma dhibba tokko) naaf kaffaltu malee jennaan manicha gad dhiise. Teessumni 350, sagalee guddistuu fi kiiboordiin isaanii hanga ammaayyuu ni jiru. Isa kana namoonni tokko tokko, "Kaffaaloon Waldaa gurgurate!" jechuun haala hamilee isaa miidhuun irratti ololan. Kun

Dhangaa‼======================Dhangaa Hafuuraa kun Sambata Xiqqaa (qidaamee) dura Keenya jiru kana Sa'ati 7:30 irraa kaa...
27/04/2023

Dhangaa‼
======================
Dhangaa Hafuuraa kun Sambata Xiqqaa (qidaamee) dura Keenya jiru kana Sa'ati 7:30 irraa kaasee walda FBI finfinnee naannoo Abboo Makanniisatti argamutti qophaa'era!irratti argamuun eebbicha qooddadha eebbifamaa

Waldaa Kristaanaa Enoon   Haaruu.Waa'ee Waldaa kanaan dubbachuu barbaada...................................................
31/01/2023

Waldaa Kristaanaa Enoon Haaruu.
Waa'ee Waldaa kanaan dubbachuu barbaada.........................................................
Akkuma beekamu Waldaa kana keessatti Waaqayyoo Hidhaa namoota baayee hiikeera. Yeroo ammammoo Ijaarsi Waldaa kanaa jalqabamee waan jiruuf Namootni Alaas Keessaas kan jirtan adaraa akka bira dhaabbattaniin isiniin jedha! Eebbifamaa
Bankii Daldalaa Itoopiyaa #1000421847294

Raajii Ammaa Haayiluu
Nama Guddaa
Nama jaalalaa
Nama Mul'ata Dheeraa Qabudha
Baay'ee si Jaallanna Nuuf jiraadhu.

Maal egaa maal jedhu, nadhiiga, nanboo’a, nan iyya caraane,Maal egaa maal jedhu, sijalaa hindhokanne arfiin nawaraane.Ma...
18/01/2023

Maal egaa maal jedhu, nadhiiga, nanboo’a, nan iyya caraane,
Maal egaa maal jedhu, sijalaa hindhokanne arfiin nawaraane.
Maal egaa maal jedhu, eessatti baqadhu miixuu dhalootakoo..
Maal egaa maal jedhu waanan gurraa hinqabnen argekaa barakoo.

1.Haqni godaaneera michootasaa faana,
Dhaloonni harca’ee akka baala bonaa.
Kun maaf ta’e jedhees kan gaafatu hinjiru;
Ilbiisa funaanu tikseen garaa hiru.

Gaagurree gabbataa gaagurtuun abdatu,
Alaan yandoo baachaa keessatti damma baatu.
Ilmoon namaa maaliif garaansaa manca’e
Waan uumameef dhiisee haqaan diina ta’e?

Siin maaltu dhibaree,
ilaal Obsa fixachiisaa
Daba daangaa darbe
Ulfina namummaa
Toora uumamaa cabe; Siin maaltu dhibare
Siin maaltu dhibaree,
Addunyaa maallaqaa,
Dhaloonni ganame;
Dudhaa hoboof coora
Itti wal’aalame, Siin maaltu dhibaree
2.Dhukkubanii himachuun akka yakka ta’ee
Miindeffamanii sobuunis erga buddeen ta’ee
Walii-itti galtemoo karaakee hin dabarre
Naanoo hundumatu dhibee Siin maaltu dhibaree...

Naabot dhaalasaarraa gaafa ajjeefamu,
Gabaa dukkanaatti haqni daldalamu
Dhaloonni abdii kutee beekaan qalbii dhabu,
Harkikee diriire sun nurraa ol-haqabu.

Siin maaltu dhibaree..
Caba Sabakootii,
Diigumsa badiisaa
Harkakeen abdadha,
Isatu cabsee fayyisa,; Siin maaltu dhibare.
Siin maaltu dhibaree..
Beenyaa wagga dhibbaa,
Joora marsaa kumaa
Haqa abboota kootii
Nuuf maraaci gumaa; Siin maaltu dhibare

Gammadi Guyyaa har'a kan keeti❤️❤️❤️Addunyaan har'a keessa jiraacha jirru kun tokko Gammachifte tokko immo kan Gaddisift...
15/01/2023

Gammadi Guyyaa har'a kan keeti❤️❤️❤️
Addunyaan har'a keessa jiraacha jirru kun tokko Gammachifte tokko immo kan Gaddisiftu dha. Ati garu Gammadi!. Sababni isaas baay'een Fayyaa ati amma qabdu kana dhabee ganamaaf galgala rakkachaa Jira. baay'een immo guyyaa har'aa Arguf utu hawwu akkuma rafe jirutti utu hin ka'in rafee hafera. Ati garu Amma lubbun jirta. kanaaf haala rakkisaa keessa jirtu dagadhu Gammadi!.
Yeroo hundaa Uumaakettii/Waaqakeettii Gammachuu guddaa qabadhuu jireenyakee keessaattii
Yeroo hundaa Uumaakee/Waaqakee Galatteeffaadhuu Umuriikee Guutuu❤🙏

Address

Jesus Name
Dubai
SINGER

Telephone

+251921151969

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Latera Mulatu page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Latera Mulatu page:

Share