17/10/2024
፦ Ulfinni kabaja guddaadha. Akka safuu uummataatti namni tokko yoo waan gaarii namaaf raawwate ulfaadhu jedhuun. Kuni bartee abbootii keenya irraa achii as dhufeedha. Namni ulfina qabu iddoo salphinaatti hin argamu. Bakka isaaf malu oola. Hiriyoota akkasaa filata. Nama kabaja. Ofiifis ni kabajama. Jaalala kennee jaalala fudhata. Safuu uummataa eega. Safuu barsiisa. Aadaa fi duudhaasaa kabaja. Kan namaattis hin bu'u. Ofitti qaba. Ni guddifata.Arjaadha. Gaarummaa labsa. Walumaa gala namni akkasii akka tulluutti halaalaa mul'ata. Akka hiddaatti latee akka coqorsaatti lalisa.Akka kanniisaatti huursee qubata.Akka kormaatti barooda. Namoonni akkasii eebba qabu. Ni eebbisus. Kan kana qabu immoo gadi hin deebi'u. Moo'ee moosisa. Mul'atee mul'isa. Maqaa abbaasaa dhoofsisa. Qomoosaa mataa ol qabachiisa. Kanaafuu akka naaf jettaniin nama ulfina qabu sanaan bakka jirtu sanatti 'ammas ' naaf jedhaanii.Atis waan dubbisteef ❤
:-