28/01/2024
WAAMICHA DEEGGARSAA...
===
Luba Fayyisaa Tolasaa jedhamu. Waggoottaan 40 darbaniif hojii Wangeelaa, hojii Mootummaa Waaqayyoo babal'isuu keessatti of kennanii Magaalaa Ijaajjii fi naannoo isaattis bal'inaan hojjachaa turan. Tajaajila waggaa hamma kanaa keessatti gatii guddaa baasaniiru, miidhaa fi dhiibbaa baay'ee jala darbaniiru. Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa, Sinoodoosii GidduGaleessa Gibee keessattis, akkasumas sadarkaa sabakaa Ijaajjii fi naannoo isaattis hojii gaggeessummaa sadarkaa garagaraatiin tajaajilaa turaniiru. Barumsaa fi muuxannoo tajaajilsaanii ka'umsa godhachuudhaan kitaaba Mata Dureen isaa "Gaaffii Waldaa Kiristaanaa Irratti Ka'uu fi Deebii Isaa" jedhuun barreessanii maxxansiisaniiru. Kitaaba kan biraa maxxansiisuudhaaf qophiirra turan. Karaa miidiyaas carraa Waaqayyo isaaniif kennetti fayyadamanii karaa TV MO'AA, akkasumas karaa Raadiyoo Sagalee Misiraachoo ergaa Wangeelaa dhiyeessaa turan.
Haala kanaafi kkfn tajaajilaa osoo jiranuu bara 2015tti tasuma dhibee 'Stroke' jedhamuun qabamanii ciisan. Dhukkubni kun baay'ee itti cimee, qaamasaanii guutuu sochii dhoowwe, harkii fi miillisaanii qabamee socho'uu dide. Dhukkuba kanarraa fayyuudhaaf ji'oottaan baay'eedhaaf hospitaalatti deddeebi'anii yaalamaa tura. Ammayyuu Magaalaa Finfinneetti deddeebi'uudhaan yaalamaa jiru. Maatiinsaanii waan harkaa qabu mana yaalaatti fixatan, firoottaanii fi amantootni Ijaajjiis hamma danda'an deeggarsa godhaniiru. Akkuma suuraa irratti argitan kana harkii fi miillisaanii hojjachuu didee rakkina guddaa keessa jiru, dhukkubni kun garmalee miidhee, qabeenyas harkaa fixatanii osoo hin jaalattin haala humnaa oli ta'een deeggarsa keenya barbaadu. Biyya keessaa fi biyya alaa kan jiraattan, waan qabdaniin deeggarsa akka isaaniif gootan jaalala Gooftaatiin isin gaafanna.
Deeggarsa gochuudhaaf lakkoofsa akkaawuntii baankii asii gadii kana fayyadamaa:
Feyisa Tolessa (Rev.)
CBE 1000065421511
Oromia Bank 1331898800002
Coop. Bank of Oromia 2204833