25/10/2023
Masjiidul-Aqsaan maalif Muslimtoota biratti Kabajamaa tahe !?:
1.Qiblaa jalqabaa ture muslimtootaaf, Makkaan dura,
2.Idoo israa fi Mi'iraajni(Ol bahinsa Nabi Muhammad .S.A.W gara Samii)
3.Mana Rabbii(Masjiida) 2ffaa Makkaan booda ijaarameedha,
4.Idoo Nabiyyoonni hedduun ittiin Awaalamaniidha,
5.Idoo Sahaaboonni hedduun ittiin Awaalamaniidha,
6.Idoo Rabbiin Kabajamtuu ykn Ebbifamtuu godheedha,
7.Idoo Qur'aana keessatti yeroo 70 ol Kabajaan dubbatamteedha,
8.Idoo malaa'ikaan Wahyii ittiin buusaa turteedha,
9.Idoo Nabiyyoonni hundi Nabi Muhammad S.A.W boodaa dhaabatanii itti salaataniidha,
10.Masjiida Maqaan saa Qur'aana keessatti dubbatamteedha
11.Masjiida Muslimtoota hunda biratti jaalatamaadha!
Namni Masjiida kana jaalattan "Yaa Rabbi Bilisoomsi" ja'aa!