23/07/2024
irraa gara
fi Abba qabeenyaa ta'uu!
Mucaan Suuraa irratti argitan kun maqaan dhaloota isaa (Raangoo) jedhama dhalataa Yugaandaa yoo ta'u, daa'ima Waggaa 11ti. Namoonni hedduun sababa ijji isaa gurguddaa ta'een itti qoosu ture. Mana barnoota keessatti ijoolleen bifa isaatiin tuffatanii itti qoosuus ture. Namoonni naannoo isaa hedduun, "Ati Ampuuliidha, Ati maraatuudha, Fuulli kee baayyee nama jibbisiisa..." Jedhanii Uumama Waaqayyoo isaaf kenneen isa xiqqeessanii Aarrabsu ture.
Mucaan kun garuu Uumama Waaqayoo isaaf kennetti fayyadamee Tiitookii irratti viidiyoo garaa garaa gadhiisuu jalqabe. Guyyaa tokko utuu itti hin yaadin sagalee isaa qofa fayyadamuun Tengee Tengee jedhee Viidiyoo daqiiqaa 5 hin geenye tokko Post godhe. Viidiyoon isaa kunis Namoota miliyoona 120 daawwatame. Nama beekkamaa hordoftoota hedduu qabu ta'e. Mucaan kun har'a namoota dur isatti qoosanu hunda caaleera, Dhaabbilee fi kaampaaniin gurguddoon Addunyaa kanaa mucaa kanaaf doolaara Kumaatamaan Kaffalanii beeksisa hojjechiisaa jiru. Mucaan Xiqqoon kun Yeroo kana Biyyoota Addunyaa hedduu keessa naanna'ee Bashannanaa jira. Fakkeenyaaf biyyoota inni Daawwate keessaa Dubaa'i, Iraan, Indiyaa fi Ameerikaan isaan muraasa. Gurbaan kun yeroo gara biyyoota kanaatti imalu namoota gurguddoodhaan keessummaa kabajaa ta'ee simatamaa jira
Biyyoonnii fi Hoteelonni gurguddoon Addunyaa kanaa maaloo gara biyya keenyaa Koottu jedhanii mucaa Kanaaf affeerraa godhaa jiru. Maqaan isaa yeroo ammaa, Rango Tenge Tenge Jedhamun beekkama, tiiktookii irratti hordoftoota miliyoona 7 ol qaba, Instagramii irratti hordoftoota miliyoona 2 Ol qaba. Haadhaa fi Abbaa isaatiif mana jireenyaa gamoo anbaa darbii 2 ijaaree jiruu Qananii jiraachisaa jira. Maqaan arrabsoo duaanii hundi yeroo kana jijjiiramee amma warqii Afrikaati jedhamaa jira. Warri dur isatti qoosan hundi amma ijaan isa arganii suuraa wajjin Ka'uuf hawwu.
Yeroo waa namaan jettu arrabakee eeggadhu. Akka bor wanti si gaabbisiisu hin uumamne of Eegi!
Egereen ilma namaa hin beekkamu. Namni ati amma of biratti ilaaltee tuffattu tarii bor guddatee nama ati Ijaan arguu hin dandeenye ta'uu danda'a ta'a. Via Tadele Fikadu