Chala Shebera Gedefa

Chala Shebera Gedefa Credit Analyst & Appraiser at Siinqee Bank

   Ijaarsi   Giincii-Shukkutee-Culluxxee akkuma dhaabatetti waan jiruuf qaamni dhimmi ilaalatu akka xiyyeeffannoo itti k...
20/02/2023


Ijaarsi Giincii-Shukkutee-Culluxxee akkuma dhaabatetti waan jiruuf qaamni dhimmi ilaalatu akka xiyyeeffannoo itti kennu ni gaafanna.

Harkifannaafi xiyyeeffannoo dhabuun ijaarsa daandii Shukutee-Culluxxee uummata Aanaa Abuunaa Gindabarat, Aanaa Gindabarat fi Aanoolee ollaa kan baroota durii caalaa waggoota lamaan darban keessa aarsaa hin malle kanfalchiiseera.
daganneef saaxileera.

Rakkoon daandii kanaanis dararamni hamaan kanneen akka:
✍️Deessuufi dhukkubsataan rifeerii dhabuu akkasumas qorichi gahaan manneen yaalaa keessaa dhabamuu,
✍️Tajaajilli geejjibaa rakkoo hamaa ta'uu,
✍️Meeshaalee Finfinneerraa galan humnaa olitti qaala'uu,
✍️Baroota kam keessatti ta'ee kan hin beekne Uummatichi magaalota biyyattiirraa adda cituu.
✍️ Midhaan oomishan gabaa giddu galeessaaf gatii gahaan dhiyeeffachuu dhabuu,
✍️ Bu'uuraaleen misoomaa biroo akka hin hojjetamneef danqaa ta'uu,
✍️Jaarraa 21ffaa keessatti uummanni keenya KM 60 ol miilaan deemuun dhibee biraaf saaxilamuu,
✍️Ummanni ijoollesaa barsiifachuun adda dureen beekamu, ijolleesaarraa adda cituu,
✍️Daldaltoonni ciccimoon aanicharraa godaanuufi kkf rakkoolee hamtuu kan turaniifi ammas caalatti hin sirranne yoo ta'e rakkoon uummata keenyatti aggammamee jiru akka laayyootti kan ilaalamu miti.
Rakkoon daandii kanaa dhabamuu (hanqina) tajaajila geejjibaa fi qaala'insa gatii meeshaaleetifis sababa guddaa ta'ee waan jiruuf qaamni dhimmi ilaalatu akka dafee gaaffii fi komii uummataaf deebii laatu cimsinee ni gaaffanna.

Daandiin kun humnaa'ol manca’uusaarraan kan ka’e bara kanammoo (Ganna dhufu) uummanni keenya hanga bara darbeeyyuu manaa bahuu akka hin dandeenye soda guddaa uumeera. Uummanni keenyis hedduu yaadda'uu isaanii irraa kan ka'e Koree Maanguddoo Aanaalee lamaan irraa walitti dhufan hundeessuudhaan qaamolee fi qamolee gara garaaf iyyataa fi komii qaban dhiyeessaa jiru.

====


: Qaamoleen mootummaa sadarkaa ol'aanaa Kaampaanichi ariitiin ga

28/10/2022

Meeshaan ittiin yeroo kee to’attu tokkichi karooradha. Hojii kee karoorsi, karoora kee hojjedhu!!

27/10/2022

Duroomuuf karaa sirriin hojjechuudha!!

27/10/2022

Mo’icha yaadi, Mo’icha dubbadhu, Mo’icha abju’adhu, Mo’icha hojjedhu!
Jireenyi mo’ataan bu’aa sammuu Mo’ataati

Address

Finfinnee, Oromiyaa
Addis Ababa

Telephone

+251911765928

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Chala Shebera Gedefa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Chala Shebera Gedefa:

Share