Abdulqee Ahmad

Abdulqee Ahmad Cidha gannaa abbaatu ofiin dida
Du,a gannaa immoo rabbiitu namaan dida.

When theoretical knowledge changes to practical knowledge..........We have done some research.
08/03/2023

When theoretical knowledge changes to practical knowledge..........
We have done some research.

OBBOLEESSA KOO ATUU DAMMAADHA.●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●~yaa dammee damma nadhii kanniisaa.   Kan dhandhamee beeka    mi,a...
20/01/2023

OBBOLEESSA KOO ATUU DAMMAADHA.
●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●
~yaa dammee damma nadhii kanniisaa.
Kan dhandhamee beeka
mi,aaf miidhagina saa
~Haldureen jireenyaa
Siif mijaawuu dhabdee.
Ol qabdee gad qabdee
Gaafa fala dhabde
Ergas of yaadattee
Gamaa rabbii gorte
As bira sitti hin kuttuu
Amna ijoo qabdee.

Yo feetellee tahi
Intiraansiif qophaawaa
Rabbiin siif haa godhu
Garee warra milkaawaa.
~ammallee yo taatee.
Eeggataa intiraansii
Rabbiin siif haa fidu
Qabxii haalaan dasii
~Atiis sumaan baana.
Barataa kooman korsii
Kan teenshinni qabee
Nyaachuu dhoorke qursii.
Wal afaan sihaa fidu fildiis
Tan ati feetu isii.
=qophaawaa si,oosii
Sin daganne jiisii
Barriis bara fakkaataa
Namuu numa use isii .
Laffaate boo dhiirti
Gaafa gadaa isii.
Ijoolleen teenyaa tuniis
Hunduu darbuu qabdii.......

~Atiis yaa qotataa
Abbaa lafa qabuu
Abba jimaa dhaabee
Kan kuduraallee qabu
Oomisha keetitti
Gatiis siif haa qabu.
Siduraa tiqqaattullee
Barakhaan siif haa kabu.
~Atiis yaa horsiisaa
Abbaa horii qabu
Abba gaala horsiisee
Kan loonille qabu
Abba re,ee horsiisee
Kan lukkuullee qabu.
Gatiin horii keetii
Miiliyeena siif dhaqu......
~Atilleen hojjataa
Abbaa miindaan jiru
Federaalarraa qabii
Kan hamma araddaaa jiru
Hidhaa harka namaa
Kana rabbiin sirraa haa ciru......
~Atilleen hojjataa
Yaa nama barbaadu tirfii
Amma jalqabdullee
Olguddadhu dafii.
Addunyaas dhaqqabii
Hulaa cinqiis cufi
Gadiis sin deebisinii
Achumaan itti fufi ....
~Atiis yaa baqataa
Roorrifamaa namaa
Gaaf tokko ni dabartii
Obsi firraa humaa.
~Yooniif taatellee
Baqataa ikkonoomii
Baqa roorroo dhabaatiif
Bahar tarkaanfatte dooniin
Abshir numa galtaa
Duroomtee doolaariin
~Ammallee yo taatee
Baqataa siyaasaa.
Roorroo saaykoolojjiitiin
Hacuucamtee caasaan
Akka waan bineensaa
Reebamtullee rasaasaan.
Biyyarraa fagaattee
Jiraattullee biyya ambaa san.
Obsi arguuf jirtaa
Bilisummaa dhugaa san............................

Guyyaanis guyyaadhaa
Wal afaan sihaa fidu
Tan yaaddees arkadhu ....

28/11/2022

Ati milkaawaa tahuun mudannoon kee muuxannotti jijjiramuu isaati ,kanaaf hubannoo mudannoorra argatteen kaayyoo keessoo keetii milkeessuuf carraafi carraaqqii jiran mara fayyadamnaan fedha rabbbiitiin inuma milkoofta........

☆Hubadhuu hojjadhu.Har'atti wanti hundi siif mijate hin jiru ta'a.Karaan galma bira ittiin geessu sun siif hin mijnne ta...
25/10/2022

☆Hubadhuu hojjadhu.

Har'atti wanti hundi siif mijate hin jiru ta'a.
Karaan galma bira ittiin geessu sun siif hin mijnne ta'a.
Jireenyi kee kufaatiidhaan guutamee jiraa?
Dhaba malee argachuun siif akka abjuutti sitti ta'eera ta'a.
Mul'ata kee waraqaarratti yookiin yaada sammuu kee keessatti malee taatee argamuu hin dandeenyee? Obbolaa Koo, ati kana mara kan argite deemsa waan hin dhaabnefi dha. Eeyyeen, deemaa jirta. Sosocho'aa jirta. Garamittis socho'i garuu sosocho'aa jiraachuu kee bari. Ammas abdii kutachuun dhiisuu dha. Ammatti galmi yaadde harka keerratti bu'ee siif argamuu dhiisuu mala garuu deemsa kee keessatti akka milkooftu bari. Deemsa hin dhaabin. Dhabuun kee deemsi kee akka adda citu taasisuu hin qabu. Deemsa kee qoradhu. Garamitti, Akkamitti akka deemaa jirtu ilaali. Galmi har'a bira hin gahamne boru itti aggaamuun kee hin hafu. Har'a milkaa'uu dhabuun kee jireenya kee guutuu milkiin hin jiru jechuu akka hin taane hubadhu. Har'a kufaatiin si nufisiisuu danda'a. kuftee ka'uu hin dagatin. Imala kee iddoo kufteetti akka dhaabbatu hin taasisin. Ka'i.
Deemsa kee itti fufi.

Jigjiga University at first time.
23/10/2022

Jigjiga University at first time.

★Ýàa obboleeysa kiyya sirraa haa qabu rabbiin •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••○•••••°waan beektu wallaa...
16/05/2022

★Ýàa obboleeysa kiyya sirraa haa qabu rabbiin
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••○•••••°waan beektu wallaaluu
°waan qabdu dhabuu
°hamtuu firraa quba hin qabne
°balaa tasaa
°rabbii keetiin wal dhabuu
°shariika/hiriyaa badaa
°zabana abaar ollaa doyna
°zabana roorroo obboleeysa luyna

Address

Harar

Telephone

+251936462594

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdulqee Ahmad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Abdulqee Ahmad:

Share