Ayyaan HD

Ayyaan HD Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ayyaan HD, College & University, Arbaa, Hirna.

πŸ’™πŸ’šβ€πŸ’šπŸ’™πŸ’›β€πŸ’™JAALALA HALAALAA!yaa tokkittii waan ofiikan baayyee na marartuuonnee kiyya hatattee..kan yaadaan na darartuu!πŸ’™πŸ’šβ€...
21/01/2023

πŸ’™πŸ’šβ€πŸ’šπŸ’™πŸ’›β€πŸ’™
JAALALA HALAALAA!
yaa tokkittii waan ofii
kan baayyee na marartuu
onnee kiyya hatattee..
kan yaadaan na darartuu!
πŸ’™πŸ’šβ€πŸ’šπŸ’™πŸ’›β€πŸ’™
erga Dirqama jiruun
ati fagaattee narraa...
onneen koo si gaafatti
kunoo haguma har'aa
oksijiinii somba koo
πŸ’™πŸ’šβ€πŸ’šπŸ’™πŸ’›β€πŸ’™
sabboontuu beektu safuu
osoo akka garaatii
silaa sibiraan hafuu....
Yeroon irraan
sagalee kee dhaga'u
akka garaan na na'u
sitti himuun danda'u
πŸ’™πŸ’šβ€πŸ’šπŸ’™πŸ’›β€πŸ’™
borii keenya bareechuuf
halkaniif guyyaa kaattaa
beelaaf dheebuu hin jettu
waanuma argatte nyaattaa
ati naaf qaama kooti....
muddama koo gaggabdaa
gammachuus ta'ee rakkoo
πŸ’™πŸ’šβ€πŸ’šπŸ’™πŸ’›β€πŸ’™
dursitee na qaqqabdaa!
gubaan Jaalala keetii
akka giimiif rasaasaa
na bira jirta se'een
utubaatti asaasaa......
abshir woluma geenyaa
yoo fagaates karaanii
takkaayyuu addan baane
nuti qalbiif garaanii......
yoomuu gargar hin baanu
abdii kunnee jiruurraa....
bulchinee bubbulchinee
lafee uumna tiruurraa!......
ati gama jiraattee.......
an jiraadhus gamana
Gaafa tokko wol geenya
hin shakku nan amana
πŸ’™πŸ’šβ€πŸ’šπŸ’™πŸ’›β€πŸ’™
yoo sitti tole like share Follow
Gochu hin dagatinaa

NAN SOBEEOro koo
01/01/2023

NAN SOBEE
Oro koo

29/12/2022
Kana Bektuu laataAkkuma nyaata nyaanneen dafnee ciisuun Miidhaa Fayyaa akkamii nurraan gaha?1. Rakkoo Dhibee garaachaa. ...
22/11/2022

Kana Bektuu laata

Akkuma nyaata nyaanneen dafnee ciisuun Miidhaa Fayyaa akkamii nurraan gaha?
1. Rakkoo Dhibee garaachaa. Akkasumas Asiidiin garaachaa hanga qoonqootti dhufuun gubaatii lapheef nama saaxila (GERD)
2. Ulfaatina qaamaa ni dabala
3. Rakkoo Hirriba dhabuu ykn qulqullinni hirriba keenyaa akka jeeqamu godha!
Kanaaf utuu hin rafin dura yoo xiqqaate sahaa 2-3 dursaa Irbaata keessan nyaadhaa!

Fayyaa hin dhabinaa

Barraaqa bariiti Akka ifa biiftuu Miidhaga uumamaaTakka si madaaltu Bururii blichaatte Kokkurfoon ija tee Argaa ijaa qof...
21/11/2022

Barraaqa bariiti
Akka ifa biiftuu
Miidhaga uumamaa
Takka si madaaltu

Bururii blichaatte
Kokkurfoon ija tee
Argaa ijaa qofaan
Onnee too bojitee

Burtukaana bilchoo
Dhumbushni mallaalee
Haalalaa na yaama
An ofiin wallaalee

Hidhii tantee lamaan
Qidhiip waliin gootee
Osoo siin dhungatiin
Afaan kiyya keessaa
Gorora harcaafte

Unkaa bareedina
Rabbii sumaaf keenne
Dambooba intalaa
Waa sittii qusannee

Ashiita boqolloo
Reefu tan qaxarte
Anaatu cabsataa
Atiinaaf uumamte

Silaas harkaa qabda
Waan namaan boojitu
Siif jadheen maraadhe
Akka naaf dirmattuu

Jaalalli keennadham
Keennaa keennaa caaltu
Lubbuun si badhaasaa
Daddafii naaf koottu

Si dhudhungadhee
Copseen si unadhaa
Dheebuu jaalalaatee
Arra bulgaafadhaa

Add mee


Durbi kabajaa qabdu Duufuun ishee sh*ttoodha πŸ™„~~~~~~~~~~~~~~~Jaartiin Jaarsa jaallattu Isheen  Beektu kabajaa ..Fincaani...
20/11/2022

Durbi kabajaa qabdu
Duufuun ishee sh*ttoodha πŸ™„
~~~~~~~~~~~~~~~
Jaartiin Jaarsa jaallattu
Isheen Beektu kabajaa ..
Fincaaniif gadi Ba'uuyyuu
Jaarsa Isheetu Ajajaa πŸ™„

Yeroo Tokkicha waamnaan
Owwaanaan shee sagalii ..
Ni ga'a jechuu malee
Hin beektu Itti dabalii !

Deebii siif hin kennitu
Sagaleesii ol fuutee ..
Suuta dhokattee boosii
Yoo aariin keessa guutee πŸ₯Ί

Gabaatti gadi baatee
Hiccitiisiin sharaftuu ..
Gumaarreedhaaf Uleenis
Hanga feete garaftuu !

Isheen kabajaa qabdu
Eegdee guddatte safuu ..
Sagalee ol hin kaastu
Yoo Abbaan manaa rafuu πŸ₯°

Aannan buuftee fiddiifi
Yoo dheebote Bishaanii ..
Kabaja irraa kan ka'ee
Maqaa keeyyuu isaanii !

Haqa kan kee eeggatti
Dukkana ta'us Ifaa !
Yoo dhabdes yoo qabaattes
Sitti hin jijiirtu bifaa !

waan ati irraa dhorkite
Si dhageesai dhiisii kee ..
Birrii sirkaa funaantee
Duwwaa hin gootu kiisii kee !

Garaa Guuttattee nyaattus
Yoo Bulteyyuu Agabuu ..
Waan fedhe dhufa malee
Hin barbaaddu si dhabuu..

osoon qoosaaf barreessaa jiruu
Dubbii dhugaa narkatti ta'aa jira 🀣🀣🀣

Rakkattee raafuu nyaattus
Quuftee gattus Bargarii ..
Eessattuu suma faana
Sirraan baatu gargarii !

Jiruu kee miidhagsitee
Hawwii kee arguu feetii !
Sababa si jaallachuu
Kuftee cabda si seetii πŸ’”

Gammachuu kee gammaddee
Gadda kan kee gadditii ..
Akkuma ooltee bultuun
Jaalala kee madditii !

Ishee akkasii qabaannan
Gororri ishee Ittoodhaa !!
Durbi kabajaa qabdu
Dhuufuun ishee sh*ttoodhaa πŸ™„

Add me Ayyaan HD hiriyoomfadhaaLubbuu koo sin jaallaSiin jedhee tiruu kooFeetu siifan du'aaSiif dhiisee jiruu kooSi fayy...
18/11/2022

Add me Ayyaan HD hiriyoomfadhaa

Lubbuu koo sin jaalla
Siin jedhee tiruu koo
Feetu siifan du'aa
Siif dhiisee jiruu koo

Si fayyada taanaan
Lubbuu koon siif laadha
Jaalala kee uruurseen
Mataa kootti baadha

Miira kiyya maraan
Ittiin waa dubbisi
Onnee koo banadhuu
Keessatti shubbisi

Qaamni koo kan keetii
Ittiin dhimma ba'ii
Fayyaa kankoo fudhuu
Akka feete ta'ii

Harki kiyya keetii
Ittiin waa hojjedhu
Miilli koo, koo miti
Fudhuu ittiin ejjedhu

Fudhu qaama koo hunda
Hin eegin mallattoo seeraa
Mallattoof falmii malee
An of siif laadheeraa

Of siif kennee ka'ee
Sin gaafadhu lamuu
Homtuu nan fudhatu sirraa
Jabaaf beekaan kamuu

Homtuu na sin gaafatu
Tokko sin seenin mamiin
Ani dhuunfaa keetii
Ragaadha decheef samiin

Of siif laadheera tiruu koo
Kee qofan ta'ee hafaa
Si qofaafan jiraadha
Dhugaa waaqaaf lafaa

Eenyummaan kiyya keetii
Qulqulluun hin faalamne
Situ na horatee
Kan lamuu hin dhaalamne
Ani of siif laadheera dhugaa
Kan booda hin haalamne

Ana ana ha urgaa'u
Hafuurri ati baafattu
Deebiin kee ana ha ta'uu
Gaaffiin ati gaafattu

Lafa nan kaayin tasa
Na dhiistee manatti
Homaas na cinaa hin kaa'in
Hin qixxeessin anatti

Ani keeti siin jedheeraa
Na hin ilaalin akka ormaatti
Lafa na keessee hin imalin
Na fannifadhu mormatti

Erga na dhuunfattee
Eenyuunuu nan caalchisin
Duutu na fudhuu du'i
Homaa nan dhaalchisin
πŸ’—πŸ’—πŸ’—πŸ’—πŸ’˜πŸ’–πŸ’–β€οΈβ€οΈ

11/08/2022

●BAAY'EEN_JIBBA●
β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β˜†β˜†β˜†β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’
Gaafa wal baran wal tuffachuu
Har'a arganii wal dhungachuu!
Aduu dhiiteen wal beellamu
Osoo hin beekin dheekkamuu!
Shakkii jaalala keessaa
Hacuuccaa ilma hiyyeessaa!
Daree keessaatti muguu
Humna ofii ol dhuguu!
Jette jettee haasa'uu
Dargaggummaan raata'uu!
Dargaggeessa gagamaa
Nyaata marqaa fi dhamaa!
β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β˜†β˜†β˜†β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’
●BAAY'EEN_JAALLADHA●
β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β˜†β˜†β˜†β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’
Hirriba barii gubbaa
Garaa laafettii durbaa!
Kopheef kaalsii qullaa'aa
Dhugaatii diilallaa'aa!
Dadhabanii boqachuu
Wanta haaraa barachuu!
Mushurraa morma lamaa
Jaalala ilma namaa!
Haasaan dubbii qolaa
Hundarra natti tola!
β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β˜†β˜†β˜†β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’

20/07/2022

Rasaasa jaalalaa
Anatti dhukaaftee
Seerallee cabsitee
Onnee na waraante

Lubbuutoo takkittii
Maallaqni hin binne
Maaliif na dhukaafte?
Osoon badiin qabne

Ijaan laaleen arguu
Qabame hin beekuu
Tirika osoo taatee
Akkan arguu beeku

Hidhaa jaalala teetii
Wabiin kootis sumaa
Koottuu na gargaari?
Hirkoon kiyya sumaa

Dhaabbattee nan laalin
Miidhama jaalala teetii
Anaan na gabroomsitee
Lubbuunkee maal feetii?

Seeraan ala baatee
Yoo cabsites heera
Kan si gaafatun jiruu
Aangoo siif kenneeraa

Silaa waa'ee kee malee
Kan namaa sin miidhuu
Hanga yoomitti garuu?
Kan na gabroomsituu?

Lakkisii naaf beeki
Wal taanee jiraannaa
Carraa waaliif eegnee
Onneen wal jaalannaa

Address

Arbaa
Hirna
BOKE

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ayyaan HD posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share