07/05/2024
Kolleejjii BLTO Asandaaboo
*
Eebla 24/2016 Ministeera Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Federaalaa fi Wajjiira Carraa Hojii Uumuu Godina jimmaa fi Wajjiira Carraa Hojii Uumuu Aanaa omoo Naddaa irraa dhufan waliin mar'ii gaggeesse.
*
mariin kunis dhimmaa dhiheessii humna nama baratee fi oomishaa fi oomishtummaa Paarkii Industirii Jimmaaf dhihessuu irratti kolleejjiin BLTO Asandaaboo akka humna ga'aa qabaachuu isaa qorannoo gaggeessuf turee.
**
Akkaataa qorannoo fi cheekilistii qorannoo isaanii irratti hundaa'uudhaan kolleejjiin BLTO Asandaaboo dhiheessii humna nama baratee industirii paarkii Jimmaatif yeroo gabaabaa keessa humna nama barateefi oomishuu danda'u akkata fedhii industirii keenyaatin dhiheessuuf humna gahaa fi qophii barbaachisu hunda qabaachuu isaa hirmaattonni kaasanii jiru.
****
mariin keenya ministeera carraa hojii uumuu federaalaa irraa dhufan Obbo Zariihun fi Obbo Marqoos waliin taasifne haala gaariin goolabameera.
****
Dhuma irrattis Daawwaannaa hojiiwwaan garaa garaa kolleejjicha keessatti hojetamaa jirus daawwataniiru.
****
Galatooma !
๐ Ministeera Carraa Hojii Uumuu Fi Ogummaa Federaalaa.
๐ Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godina Jimmaa
๐ Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aanaa Omoo Naddaa
** Kolleejjii BLTO Asandaaboo*