08/11/2025
𝐉𝐞𝐜𝐡𝗼𝗼𝐭𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐎𝐟𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐇𝐢𝗺𝐢! Nana biroof hin himiin.
1️⃣ Yeroo namni nama biraa sitti hamatu, gurra hin kenniniif didi!
? Innis boruu nama biraatti si hamata.
2️⃣Namoota akkasitti Iccitii kees itti hin himatin!
? Hamachuun amala isaa waan ta’eef, icciitii keetis hin qabatu sababa ta'eef!
3️⃣ Nama tokkotti mi’aawuuf ykn qulqulluu fakkaachuuf, hiriyyaa kee qulqulluu hin xureessin!
? Dhugaan si gaafataati!
4️⃣ Yeroo hundaa waanta haqa qabu dubbadhu!
? Sobni yeroo sana qofaan si fayyada, boruu ammoo si miidha waan ta'eef!
5️⃣ Yoo sobamte hin aariin
? Guyyaan dhugaan itti ifaa ba’u ni dhufa; yeroo sana dhugaan ati dubbattu ragaa siif ta’a.
6️⃣ "Jette-jettee” hin amaniin, amantus dabarsitee hin himin!
? Tarii sobaa ta’ee si qaanessa.
7️⃣Yeroo namni si arrabsu, deebistee hin arrabsiin!
? Yeroo jalaa callistu inni ofumaa qaana'ee kiiloom isaa gad bu’a sababa ta'eef!
8️⃣ Daftee murtoo hin fudhatin!
? Yoo murtoo sana hin dandeenye, boodarra ni gaabbita.
9️⃣ Waanta humni kee hin dandeenye waadaa hin seeniin!
? Yoo raawwachuu dadhabde ni qaanofta.
🔟Hiriyyaa kee si jaallatu hin gowwoomsin!
? Waan si jaallatuuf jecha kee fudhata.
1️⃣1️⃣ Baay’ee jaalladhuu garuu of hin miidhin!
? tasa akkuma wal jaalachuun jiru gargar bahuunis ni jira. yeroo sana ni miidhamta!
1️⃣2️⃣ Hiriyyaa kee isa icciitii kee itti himtuun tasa yoo wal loltan, wal lolle jettee icciitii isaa hin baasin!
? Boodarra yoo araaramte icciitii sana si hin fayyadu; ofitti qaanofta.
1️⃣3️⃣ Waa’ee namaa hin haasa’in!
? Irra nama malee keessa namaa waan hin beekneef.
Namni bilchinna qabu lubbuu isaa, icciitii isaa fi quuqama nama biraa tiksa.
of-eeggannoo fi dammaqinaan dubbataman nagaa, kabaja fi ulfina namaa guddisu!
afaan nama tokkootii bahu ammoo ulfina namaa balleessuu danda’a.
yeroo dubbattu, murtoo fudhattu, fi nama waliin jiraattu, of-eeggannoo fi gara laafina itti fayyadami.
@@@@@@