08/12/2022
Dhuma dubbi!!!
Wal-gahiin xumurameera:
Hubachiisa!, Jalqaba irratti:
'n dhaaba siyaasa k**a irraayyu bilisa. ' n amantii, gisa, laga/ganda fi garee ykn dhaabbata k**a irraayyuu bilisa. "n kan taliigamus ta'e qajeelfamu hawwaasa bal'aa Oromiyaa jiruuni. Kessattuu gurmuu qeerroo Oromoon hoogganama.
Uummanni Oromoo aggamiin kallattii hedduu fi qaama garagaraan yeroo dha gara gara yerootti, waan irratti banamee jecha:- Aggami kana karaa qindahe fi tarsiimawaa ta'een qolachuuf gurmuu. labsii kana labsateera.
Of baraaruun, oromiyaa fi Oromummaa baraaruun dirqama Oromoo maraati. Hiree Oromoon qabu tokkichi aggammii kallatti maraan nutti aggaamame kana irraa of baraaruu qofa dha. Labsiin kun guyyaa boruu, Sadaasa 9, 2022, ( sa'aa 2:00 akka lakkofsa Impaayera Itiyoophiyaa) irraa eegaluun hojii irra ni oola. Labsiin duula akka aaan gadii ta'a.
1ffaa: Boru ganama, Sadaasa 9, 2022, irraa eegalee manna barnoota KG irraa kaase haga mana barnoota ol-aanotti cufaa ni ta'u. Sababiin isaas:-
a) Barattoonni karaa isaanii danda"ame kamiinu duula irratti ni hirmaatu.
b) Baratoonni keenya hedduun hidhamanii waan jiraniif haga isaan bahanitti barnoonni hin jiru.
2ffaa: Sadaasa 10, 2022. ganama irraa eegaluun karrii Finfinnee geessu shananuu bakkeewwan barbaachisoo ta'anitti cufaa ni ta'u. Sababiin isaas Finfinneen baattoo sirna dhufaa darbaa Oromoo nyaatu waan taateef sana sirreessuun barbaachisaa ta'ee argameera. Uggurrii kanaanis:-
a) Kuduraa fi Muduraan tokkolleen Finfinnee seenuus ta'ee bahuun dhorkaa dha.
b) Midhaan callaa, dhugaati fi kanneen biroo Finfinnee seenuus ta'e bahuun dhorkaa dha.
c) Walumaa gala Ambulaansii fayyaan ala wanti Finfinnee seenee bahu tokkolleen hin jiraatu. .
3ffaa: Sadaasa 11, 2022, kaasee uggurriin dinagdee guutummaa Oromiyaatti ni gaggeefama. Bittaa fi guegurtaan yeroof addaan ni cita. Kun dhaabbata fi kaampaniwwan gurguddaa irratti xiyyeeffata.
4ffaa: Sadaasa 12, 2022, (ganama sa'aa 3;00 akka lakkoofsa impaay