05/09/2024
Mandara tokkoo keessaa Lukkuu abshaala kan obboroo namoonnii sagalee isaatti gargaaramuun hirribaa dammaqan tokkotu turee.
Guyyaa tokkoo yeeyyiin gara lukkuu kanaa dhufee "Yaa Lukkuu sagalee kiilolee sagaleen kee fagoorra akkaa nama hawwatu dhaga'een dhufee" jedheen. Lukkuchis yemmuu kana dhaga'ettii gammachuun guutamee mormasaa ol kaase iyyuu eegalee.Yeeyichis carraa kanattii gargaaramuun Lukkuchattii utaale ilkaan isaatin murma isaa hudhee fudhatee gara bosonaattii arreede(fiige).
Namoonnii naannoo yemmuu kana argan Lukkuu Yeeyyii harkaa buusuf duuka didichani(fiigani). Lukkuchis yemmuu kana argettii mala wayiitu dhufeefi Yeeyidhaan akkana jedheen "Yaa Yeeyyii dugda duubakeedhaan namoonnii naannoo si harkaa na buusuf si duuka fiiga jiruu gara isaanittii garagaliiti ani kankee akkan ta'ee ittii himii si dhiisanii haa deebi'aniiti" jedheen. Yeeyiinis yaada isaa waliin walii galee akkuma lukkuun jedhe namootattii dubbachuuf yemmuu afaan banuu lukkuuchi harkaa ba'ee gara namootattii barrisee lubbuusa oolfatee jedhama.
Hubadhu:- Jireenya keessattii haalota addaa addaan booji'amtee kufteeta ta'aa haa ta'uyyuu malee kan ati miidhamtu gatii kufteef utuu hin taane gatii kufaatikee keessaa ka'uuf abdii kutatteefidhaa. Kufaatin jireenya dhalan namaaf carraa isa dhumaa utuu hin taane sadarkaa barumsa jireenya isa jalqabaati. Kanaafu gatii kufteef of ceepha'uu dhiisi iddoo kuftee ka'uuf karaa barbaadi. Kufaatikee irraa baradhuu malee gaabbii kufaatidhaan jireenyakee haguugdee ifa jireenya utuu hin argin akkaa hin duune follow taasisaa
GALATOOMAA