19/04/2026
Ebla 11/2018
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa Namoota Harka- qalleeyyii Ta'aniif Tajaajila Gorsa Seeraa Tolaan Kennuuf Walii Galtee Mana Murtii Aanaa Dugda Daawwaa Woliin Mallatteesse.
Yuunivarsiitichatti waltumsa Daayirktoreetii Tajaajila Hawaasaa fi Mana Barumsaa Seeraa waliin taasifameen tajaajilli gorsa seeraa tolaan namoota harka qalleeyyii ta'an kanneen Aanaa Dugda Daawwaa keessa jiraataniif akka kennamu walii galteen Mana Murtii Aanaa Dugda Daawwaa woliin mallattaa'eera.
Kaayyoon walii galtee kanaa hawaas galii gad aanaa qaban sababa hanqina maallaqaatiin murtoo seeraa akka hin dhabne tajaajiloota seeraa kamiiyyuu kennuu, lammiileen hubannoo tajaajila seeraa akka argatan barnoota hubannoo tolaan kennuu, tajaajila gorsaa seeraa fi abukaatoo ta'uu fi kanneen biraa yommuu ta'u, Kun akka raawwatamuuf walii galticha waajjira Mana Murtii Aanichaatti wali harkaa fuudhiis taasifameera.
Daayirektera Daayirektoreetii Tajaajila Hawaasaa kan ta'an barsiisaa Nigusee Godaanaa hawaasa naannoo Yuunivarsiitiitti argamu karaa qonnaa, fayyaa, barumsaa fi kanneen birootiin fayyadamaa taasisuuf hojiiwwan bal'aa hojjatamaa jiran cinaattii gama tajaajila seeraatiinis hawaasi harka qalleeyyii ta'an akka hin miidhamne waajjiraalee manneen murtii naannawa Yuunivarsiitichaatti argamu wajjiin itti dhiheenyaan hojjataa jiraachuu hubachiiseera.
Dabaltaanis barsiisaa Nigusee yommuu dubbatan Yuunivarsiitiin Bulee Horaa Mana Murtii Aanaa Bulee Horaa waliin wolii galtee taasiseen namoonni harka qalleeyyii 24 ta'aniif tajaajilli seeraa tolaan kennamuu ibseera.
Damee Itti Aanaa Pireezidaantii Dhimmoota Akkadaamii,Qoranoo, Ce'umsa Teeknooloojiifi Tajaajila Hawaasaatti itti gaafatamaa kan ta'an Dr Taasifaayee Dajanee gama isaaniitiin lammiileen sababa maallaqa dhabiisaatiin tajaajila seeraa akka hin dhabne, hojiin namoota harka qalleeyyii ta'an tola ooltummaan tajaajila seeraa kennuuf taasifame jabaatee itti fufuu akka qabu ibsuun, barattoonni seeraas hojii qabatamaan agarsiisuu manneen murtii irratti ba'anirraa muuxannoo kan argatanii fi Yuunivarsiitichis meeshaan kan deeggaru jechuun dubbataniiru.
Pireezidaantii Mana Murtii Aanaa Dugda Daawwaa obboo Baanataa Barbaree, gumaacha taasifameef Yuunivarsiiticha galateeffachuun ,walii galtichi rakkoolee duraan murtoo kennuuf danqaa ta'an kan furu ta'uu ibsaniiru.
Itti dabaluunis pireezidaanchi mana murtichaa, carraa kanatti akka fayyadamaniif , gandoota aanichaa odeeffannoo akka dhaqqabus kan taasifamu ta'uu himuun Yuunivarsiiticha woliin sagantaa qopheeffannee raawwii hojichaa gamaaggamaa kan deeman ta'uus dhaamaniiru.
Yuunivarsiitii Bulee Horaa