Guji Girja Campus

  • Home
  • Guji Girja Campus

Guji Girja Campus Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Guji Girja Campus, College & University, Adola Woyu,Oromia,ethiopia, .

12/11/2024
09/04/2024
Oduu Tibbanaa Ministeera Barnootaa irraa gara Yuunivarsitii Bulee Horaa gaaffii dhimma beekkamtii Kaampaasii Gujii Girja...
08/04/2024

Oduu Tibbanaa
Ministeera Barnootaa irraa gara Yuunivarsitii Bulee Horaa gaaffii dhimma beekkamtii Kaampaasii Gujii Girjaa Magaalaa Adoolaa Woyyuu keessatti argamu irratti qorachuun yaada murtee kennuuf ta’u wolitta qabachuuf woltajjii marii yaada ummataa uumuudhaan bakka bu’oota hawaasaa woliin marii taasisan.
********
Gareen Ministeera Barnootaa irraa gara Yuunivarsitii Bulee Horaa dhufan kunniin Pirezidaantii dhaabbatichaa Dr.Birhaanuu Lammaatiin durfamanii gara Magaalaa Adoolaa Woyyuu kan dhufan yoo ta’u;bulchiinsa godina Gujii, Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa woyyuu fi bakka bu’oota hawaasa godinichaa garagaraa woliin marii taasisuun ijaarsa kaampaasichaa daawwatanii jiru.

Woltajjiin marii kuni dubbii ijoo marii kanniin akka ‘’Kaampaasiin Gujii Girjaa kuni asi jiraachuu isaatiin ilaalchi hawaasaa maal akka ta’e; ga’ee fi shoorri hawaasni qabuu fi bahachaa jiru maal akka fakkaatu; Kaampaasiin kuni qabeenna uumamaa gara garaa kan akka Albuudaa, Bunaa, Bosonaa fi Sirna Gadaa fi kkf woliin wolitti hidhaminsi inni qabaachuu danda’u maal akka ta’ee fi Hawaasni itti fufinsaan gara fuul-duraatti Mootummaa fi Ministeera Barnootaarraa maal eega?’’ jedhan irratti qorannoo bifa marii ummataa woliin taasisuudhaan yaadota galtee qaama mootummaa murtee kennuuf gargaaran wolitti qabachuu irratti kan xiyyeeffate ture.
Woltajjichi bakka saditti kan gaggeeffame yoo ta’u; isaanis bulchiinsa Godina Gujii, bulchiinsa magaalaa Adoolaa Woyyuu dabalatee bakka bu’oota hawaasaa adda addaatii fi Barsiisotaa fi hojjattoota kaampaasii Gujii Girjaa woliin mariin taasifamaa ture.

Hirmaattotni marichaa hooggansa Godinaa, Hoggansa bulchiinsa magaalaa , hooggantoota manneen hojii mootummaa, dubartoota, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, abbootii qabeennaa, Barsiisotaa fi hojjattoota faa dha.

Woltajjicharratti garee marii qorannoof Ministeera Barnootaa irraa dhufaaniin qabxiileen ijoo mariif ta’an kanniin akka “Kaampaasiin Gujii Girjaa kuni asi jiraachuu isaatiin ilaalchi hawasaa, ga’een isaa fi shoorri ummanni taphachaa jiru maali?; Dhaabbanni kuni asi jiraachuun isaa qabeenya uumamaa fi eebba Godinni kuni qabu woliin wolitti hidhaminsi ykn hariiroo maalii qabaataafi Dhaabbanni kuni asi jiraachuu isaan wolqabatee itti fufinsaan hawaasni mootummaa fi ministeera barnootaa irraa maal eega?” kanniin jedhan irratti mariisifamaa ture.

Woltajjii marii hundarratti yaadaa fi gaaffiiwwan gara garaa kan ka’aa turan yoo ta’u; yaadota ka’aa turan keessaa fknf: bakka kaampaasichi itti argamu Godina Gujii magaalaa Adoolaa Woyyuu irraa kallatti afranuu fageenna km 300 oli ta’uu asitti dhaabbanni barnootaa olaanaan tokkolle kan hin jirre ta’uun; kutaaleen hawaasaa kanniin akka dubartootaa, hojjattoonni mootummaa fi miti-mootummaa, abbootii qabeennaa, hooggantoonni fi kkf dhiyeennatti mirga carraa barnoota olaanaa keessatti barachuun sadarkaa barnootaa isaanii fooyyeffachuu kan hin qabne ta’uu;
akkasumas akka imaammata barnootaa Itoophiyaatti dhaqabinsaa fi itti fayyadamummaa carraa barnootaa olaanaa mirkaneessuuf bahe keessatti yuunivarsitiin hawaasa Gujiitiif waan isa barbaachisuuf osoo hin taane waan isaaf maluuf gaaffii gaafachaa akka turamee yaadota ka’aa tureedha.

Itti fufuudhaan, hawaasichi yeroo gara yerootti hanga gaaffii yuunivarsitii mootummaan isaaf deebisutti Bara 2007-2010tti yuunivarsitii Bulee Horaa hoogganaa kan turan Dr.Abdurqaadir Huseen akka kaampaasii kana Adoolarratti isaaf banuuf bakka bu’oota isaatiin gaaffii dhiyeeffatus deebii argachuu hin dandeenne.

Bara 2010 irraa kaasee erga Dr.Caalaa Waataa gara yuunivarsitii Bulee Horaatti hooggansaan dhufee asi ammo gaaffiin kaampaasii kuni isaaf dhiyaatee deebii hawaasichaaf kennee jira.

Dr.Caalaa Waataa hawaasaa Gujiitiifis ta’ee biyyaafis nama galataati. Kana jechuun hawaasa Gujii qofaaf osoo hin te’in hawaasa olla isaa woliin jiraatu hunda woliiin wolii yaadaa, wol-deeggaraa nageyaan woliin jiraachuun isaanii akka cimuuf sagantaalee gara garaatiin carraa barnootaa godinaalee olla jiran keessatti babaldhisaa tureera; fknf: Yaaballotti, Konsootti, Burjiitti, Amaarootti, Guwaanguwaatti, Uraagaatti; kanaan alatti “Guyyaa hawaasaa” jechuun moggaasuun woltajjii marii sabaaf sab-lammii wolitti fiduun aadaa nageyaan woliin jiraachuu isaanii akka cimfatan irratti hojjachuun rakkoowwan nageenyaa mootummaaf dhukkubbii mataa ta’an furmaata itti godhaa turee jira. Kanaaf hawaasni kuni isaaf galata guddaa qaba.

Akkasumas hawaasichii fi godinichi qabeenna uumamaa kanniin akka Albuudaa, Bunaa, Bosonaa fi Sirna Gadaatiin kan badhaadhe yoo ta’u; kennaa uumamaa ittiin badhaadhe kana guddinna diinagdee biyyaa fi Addunyaatiif gumaacha olaanaa gumaachaa tureera gumaachaas jira. Garuu, hamma gumaacha isaatti carraa dhaabbata barnoota olaanaatiin dhaqqabamaa fi itti fayyadamaa ta’uu fi kallatti hundaan godinicha keessatti lammiin barate akka bahu gochuu fi hawaasa sammuun isaa dammaqe uumuudhaan jireenna fooyya’aa akka gaggeessuu danda'uu fi baadhaadha qabeenna uumaamaa naannoo isaa jiru kanniin beekkumsaan akka bulchu dandeessisuuf hojiin hojjatame akka hin jirre woltajjicharratti ka’aa ture.

Karaa biraatiin yuunivarsitiin Bulee Horaa fageenna km 300 irraa kaampaasicha bulchuuf rakkisaa akka itti ta’e; akkasumas sagantaa barnoota torbaanii digirii jalqabaa hanga sadaffaatti barsiisuuf barsiisota gara Booree, Adoolaa fi Nageelleetti deddeebisuun akkasum rakkisaa ta'uu; gama biraatiin barattoota idilee digirii jalqabaa qorannoo albuudaa, qonnaa fi kkf daawwannaa dirreetiif gara godina Gujiitti geejjibaan deddeebisuun baasii garagaraatiif saaxiluun kkf yaadota ka’aa turan kanniiniif akka furmaata ta’uuf kaampaasii Gujii Girjaatiif osoo beekkamtiin kennamee akka gammadan waltajjii hundarraa yaadonni ka’aa turan ni muldhisu.

Dhumarrattis Dr.Biraanuu Lammaa Pireezidaantii YBH yaadotaa fi gaaffiiwwan ''kaampaasiin Gujii Girjaa beekkamtii haa kennamuufii qofa osoo hin ta’in yuunivarsitiin nuuf mala'' jedhuun wolqabatee woltajjicharratti hirmaattotaan ka’aa ture yaadaa fi gaaffii sirrii akka ta’e ibsuudhaan Ministeera Barnootaa fi qaamolee mootummaa dhimmi isaan ilaallatu woliin hojjachuun deebisuuf hojjachaa akka jiranii fi woltajjiin kunis tarkaanffii hujii isaanii isa jalqaban keessaa tokko akka ta’e ibsanii deeggarsi ummataa akka isaanirraa duubatti hin jenne gaafatanii jiru.
Dabaluunis woltajjii gaggeeffamaa ture irratti hirmaannaa hoo’aa hirmaattotaan taasifamaa tureef maqaa isaaniitii fi maqaa hojjataa guutuu YBH fi Kaampaasii Gujii Girjaatiin galateeffatanii jiru.
“Misiisoma Neenqi jalqabsiise Neenqatti itti fufsiisee xumursiisas!” jedhan.
Yaada Bulchaan Bulchiinsa Godina Gujii Obboo Nagaash Bullaallaa “Yuunivarsitiin waan nubarbaachisuuf osoo hin taane waan nuuf maluuf gaafanne!” jedhanii woltajjii marii irratti kaasan cimsuudhaan;
“Yuunivarsitiin waan nubarbaachisuuf osoo hin taane waan nuuf maluuf gaafanne!” jechuudhaan Dr.Biraanuu Lammaa dhaamsa isaanii qaama dhimmi ilaaluuf dabarsanii jiru.
Gareen Ministeera Barnootaa irraa dhufan kunniinis dhumarratti woltajjicharratti marii kutaalee hawaasaa garagaraa woliin taasisaniin gaaffilee fi yaadota ka’aniif yaadota hubaannoo fi iftoomina barbaadaniif ibsa gabaabaa erga kennaniin duuba; akka armaan gadii kanatti yadaa marii irratti ka’aa ture barbaachisummaa beekkamtii kaampaasii Gujii Girjaatiin wolqabatee akkanatti cunfanii gudunfanii jiru.

1ffaa. Kaampaasichi bakka itti argamu magaalaa Adoolaa Woyyuutii hanga Hawaasaa, Adollaa hanga Dooloo, Adoolaa hanga Bulee Horaa fi Adoolaa hanga Yuunivarsitii Madda Walaabuutti; kallattii afraniinuu dhiyeennaan dhaabbileen barnoota olaanaa kan hin jirre ta’uu;

2ffaa.Hawaasa Gujiitii fi Godinni Gujii Qabeenna uumamaa kanniin akka Sirna Gadaa, Bunaa, Bosona uumamaatii fi Albuudota gosa garagaraatiin badhaadhaa kan ta’ee fi gudina dinagdee biyyaa fi addunyaatiif gumaacha olaanaa kan gumaachaa turee fi gumaachaa jiru ta’uu;

3ffaa.Hawaasichi dhiyeennatti dhaqabinsaa fi itti fayyadamummaa carraa barnootaa olaanaatti fayyadamaa ta’uun kallattii hundaan godinicha keessaa lammiin barate akka baahu gochuu fi hawaasa sammuun isaa dammaqe uumuudhaan jireenna fooyya’aa akka inni gaggeessu dandeessisuudhaan baadhaadha qabeenna uumaamaa naannoo isaa jiru beekkumsaan akka bulchu dandeessisuuf hojiin hojjatame akka hin jirre;

4ffaa.Karaa biraatiin yuunivarsitiin Bulee Horaa fageenna km 300 irraa kaampaasicha bulchuuf rakkisaa akka ta’e; akkasumas sagantaa barnoota torbaanii digirii jalqabaatii haga sadaffaatti barsiisuuf barsiisota gara Booree, Adoolaa fi Nageelleetti deddeebisuu; ammas barattoota idilee digirii jalqabaa qorannoo albuudaa, qonnaa fi kkf daawwannaa dirreetiif garanatti geejjibaan deddeebisuun baasii garagaraatiif saaxilamaa jiraachuu;

5ffaa.Yaadaa fi Rakkoowwan Kanniiniif akka furmaata ta’uuf kaampaasii Gujii Girjaatiif osoo beekkamtiin kaampaasummaa kennamee dhiyeennatti furmaata akka argatu godhamuuf; yaadota qaama murtee kennuuf yaada ka’umsaa fi galteef ta’u akka argatan; hawaasichilleen kanarraa ka’uudhaan murtee haqaa fi dhugaa ta’ee fi isa gammachiisu akka argatuuf qaama mootuummaa fi ministeera barnootaatiif waan qabatan kana hunda qindeessanii akka dhaqabsiisan waadaa galanii; yeroo turtii woltajjii marii hirmaattota hunda woliin dabarsaniif maqaa isaanii fi ministeera barnootaatiin galateeffatanii woltajjichi xumurameera.

Jijjiirama fulla’aaf hojjanna!
Kaampaasii Gujii Girjaa
30/7/2016
Adoolaa Woyyuu
Kan Gabaase: Daani’eel Seefuu Didaati.

የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ጉጂ ግርጃ ካምፓስ ሳምንታዊ ዜና****ከትምህርት ሚኒስቴር ወደ ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ የመጡ ልኡካን ቡድን አባላት በዩኒቨርሲቲዉ ፕሬዝዳንት ዶ/ር ብርሃኑ ለማ  በመመራት ...
08/04/2024

የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ጉጂ ግርጃ ካምፓስ ሳምንታዊ ዜና
****
ከትምህርት ሚኒስቴር ወደ ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ የመጡ ልኡካን ቡድን አባላት በዩኒቨርሲቲዉ ፕሬዝዳንት ዶ/ር ብርሃኑ ለማ በመመራት ወደ አዶላ ወዩ ከተማ በጉጂ ግርጃ ካምፓስ እዉቅና ጥያቄ ጉዳይ ከተላያዩ የማህበረሰብ አካላት ጋር ምክክር እና የሳይት ጉብኝት አደረጉ፡፡
*********
በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዝዳንት ዶ/ር ብርሃኑ ለማ የመራ የትምህርት ሚኒስቴር ልኡካን ቡድን ወደ አዶላ ወዩ ከተማ በመምጣት ከተላያዩ የማህበረሰብ አካላት ጋር፣ ከአካባቢዉ አመራር ጋር፣ ከካምፓሱ መምህራንና የአስተዳደር ሠራተኞች ጋር ስለ ጉጂ ግርጃ ካምፓስ ጉዳይ ምክክር እና የሳይት ጉብኝትም አደረጉ፡፡
የምክክር መድረኩ ዓላማ ለካምፓሱ ህልዉና(እዉቅና) ይሰጠዉ ዘንድ ካምፓሱ በአካባቢዉ በመኖሩ የአካባቢዉ ማህበረሰብ እይታ፣ ሚናዉ እና አስተዋጽዖ ምን እንደሚመስል እና ካምፓሱ በአካባቢዉ በመኖሩ ከአካባቢዉ የተፈጥሮ ፀጋዎች ጋር ሊኖረዉ የሚችለዉ ቁርኝት ምን እንደሆነ፤ እንዲሁም ካምፓሱ በአካባቢዉ በመኖሩ በቀጣይ ማህበረሰቡ ከመንግስትና ከትምህርት ሚኒስቴር ወደፊት የሚጠብቀዉ ምን እንደሆነ በመለየት የዉሳኔ ሀሳብ ማሰባሰብ እና ዉሳኔ ለመስጠት ያለመ ነበር፡፡
በአዶላ ወዩ ከተማ ሶስት የተለያዩ መድረኮች የተካሄዱ ሲሆን፤የመድረኩ ተሳታፊዎች የጉጂ ዞን አስተዳደር፣ የአዶላ ወዩ ከተማና አካባቢዋ የተዉጣጡ የተለያዩ የማህበረሰብ ተወካይ አካላት ማለትም የመንግስት ሰራተኞች፣ የሴቶች፣ የአገር ሽማግሌዎች፣ የሀይማኖት አባቶች እና ወጣቶች እና የጉጂ ግርጃ ካምፓስ መምህራንና የአስተዳደር ሠራተኞች ናቸዉ፡፡
በመድረኩ ላይ በትምህርት ሚኒስቴር ልኡካን ቡድኑ ለተሳታፊዎች፡- ካምፓሱ በአካባቢዉ በመኖሩ የአካባቢዉ ማህበረሰብ እይታ፣ ሚና እና አስተዋጽዖ ምን ይመስላል? ካምፓሱ በአካባቢዉ በመኖሩ ከአካባቢዉ የተፈጥሮ ፀጋዎች ጋር ሊኖረዉ የሚችለዉ ቁርኝት ምንድነዉ? እንዲሁም ካምፓሱ በአካባቢዉ በመኖሩ በቀጣይ ወደፊት ማህበረሰቡ ከመንግስት እና ከትምህርት ሚኒስቴር የሚጠብቀዉ ምንድነዉ? የሚሉ የመነሻ ሀሳቦችን በማቅረብ አወያይተዋል፡፡
በየመድረኮቹ ከተሳታፊዎች እንደ ጉጂ ዞን፣ ከአዶላ ወዩ ከተማ፣ ካምፓሱ ከሚገኝበት ስፍራ በአራቱም አቅጣጫ ከ300 ኪሜ በላይ በቅርበት ምንም ዓይነት የከፍተኛ ትምህርት ተቋም ባለመኖሩ የተለያዩ የማህበረሰቡ አባላት ማለት በመንግስት መሥሪያ ቤት ዉስጥ የሚሰሩ ሴቶች፣ በአካባቢዉ ላይ ያሉ ምሁራንና ሠራተኞች፣ ባለሀብቶች፣ የመንግስት እና የግል ተቋማት ሠራተኞች እና አመራሮች በከፍተኛ ትምህርት በአቅራቢያቸዉ ካለማግኘታቸዉ የተነሳ የትምህርት ደረጃቸዉን ለማሻሻል ለዘመናት ሲቸገሩ መኖራቸዉን፤ እንዲሁም በመንግስት የትምህርት ተደራሽነትና ተጠቃሚነት አንፃር ለጉጂ ዩኒቨርሲቲ ስለሚያስፈልገዉ ብቻ ሳይሆን ስለሚገባዉ በመንግስት በኩል ምላሽ እንዲሰጠዉ ማህበረሰቡ በተለያዩ ጊዜያትና ባለፉት ስርዓቶችም ዉስጥ በተደጋጋሚ ፍትሃዊ የትምህርት ተደራሽነትና ተጠቃሚነት ጥያቄዉን በተወካዮቹ በኩል ለመንግስት ሲያቀርብ እንደነበር አስታዉሰዋል፡፡
በመቀጠልም ለጉጂ ዩኒቨርሲቲ ጥያቄ መንግስት መልስ እስከሚሰጠዉ ድረስ ከ2007-2010 ዓ.ም መግቢያ ድረስ በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ የቀድሞ ፕሬዚዳንት ለነበሩ ዶ/ር አብዱርቃዲር ሁሴን ካምፓስ በአዶላ ከተማ ላይ እንዲከፈትለት ማህበረሰቡ በተወካዮቹ በኩል ጥያቄ አቅርቦ መልስ እንደተነፈገ በማስታወስ፤ ይህ በእንዲህ እንዳለ በ2010 ዓ.ም ዶ/ር ጫላ ዋታ ወደ ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ በፕሬዚደንትነት እንዲመራ ተመድቦ መምጣቱን ተከትሎ ይሄንኑ ጥያቄ በማህበረሰቡ ተወካዮች በኩል አቅርቦ መልስ አግኝቷል፡፡

ዶ/ር ጫላ ዋታ ለጉጂ ማህበረሰብ እና ለአገርም ባለዉለታ ነዉ በማለት ለጉጂ ማህበረሰብ ብቻ ሳይሆን፤ በአጎራባችነት አብሮት ለሚኖር ማህበረሰብ በመተሳሰብና በመደጋገፍ አብሮ በሰላም የመኖር መስተጋብሩን ለማጠናከር በያቤሎ፣ በቡርጂ ሶያማ፣ በኮንሶ ካራት፣ በአማሮ ኬሌ፣ በአባያ፣ በኡራጋ እና የመሳሰሉት አካባቢዎችን ያካተተ የትምህርት ማስፋፋትና ተደራሽነትን የማረጋገጥ ስራ ተሰርቷል፤ ቅርንጫፎችን ከማስፋፋት በዘለለ የማህበረሰብ ቀን በማለት የህዝብ ለህዝብ ግንኙነትን ለማጠናከር የጋራ የምክክር መድረኮች ሲተገበሩ እንደነበር ከተሳታፊዎች ተነስተዋል፤ ከዚህ ሁሉ ተጠቃሚ መሆናቸዉን ጠቅሰዉ፤ ለዚህ ደግሞ ከፍ ያለ አድናቆት፣ አክብሮትና ምስጋና አለን በማለት አንስተዋል፡፡
እንዲሁም የጉጂ ማህበረሰብ እና ዞኑ በተፈጥሮ ፀጋዎች ማለትም በተለያዩ ዓይነት ማዕድናት፣ ደን እና ቡና የበለጸገ እና በአገር በቀል ዕዉቀት እና ዲሞክራሲያዊ የሆነዉን የገዳ ስርዓትን ጠብቆ ያማቆየ እንደመሆኑ መጠን ለአገር ኢኮኖሚ እድገት ብሎም ለአለም እያበረከተ ያለዉ አስተዋጽዖ ከፍተኛ መሆኑን በመግለጽ፤ በዚሁ ልክ ማህበረሰቡ በቅርበት ፍትሃዊ የከፍተኛ ትምህርት ተደራሽና ተጠቃሚ ሆኖ በሁሉም ዘርፍ ከአካባቢዉ የተማሩ ዜጎች እንወጡ በማድረግ እና የነቃ ማህበረሰብ በመፍጠር የተሸሻለ ኑሮ እንዲመራ በማስቻል በዙሪያዉ ያለዉን የተፈጥሮ ፀጋዎች በእዉቀት እንዲያስተዳድር ለማድረግ አለመቻሉንም በመድረኩ ላይ በተሳታፊዎች ተነስቷል፡፡
በሌላ በኩል ደግሞ የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ከአዶላ ወዩ ከተማ ከ300 ኪሜ በላይ ሆኖ ካምፓሱን ማስተዳደር እና በየሳምንቱ ለመጀመሪያና ለሁለተኛ ዲግሪ የሳምንታዊ ትምህርት መርሃግብር ተማሪዎች መምህራንን እያመላለሰ የመማር-ማስተማሩ አገልግሎት ማከናወን እና የከርሰ-ምድር ማእድን ጥናት፣ የገዳና ባህል ጥናት ተማሪዎች እና ሌሎችንም ለመስክ ጥናትና ጉብኝት ማመላለስ አዳጋች እና ለተጨማሪ ወጪዎች እየዳረገዉ ያለ በመሆኑን በማዉሳት፤ ለነዚህና ለመሳሰሉት ችግሮች መፍትሄ ለማበጀት ያመች ዘንድ ለጉጂ ግርጃ ካምፓስ በካምፓስነት ደረጃ እዉቅናዉ ቢረጋገጥ ወይንም ቢሰጠዉ እጅግ ደስተኞች እንደሆኑ በሁሉም መድረክ ተሳታፊዎች የተነሱ ሀሳቦች አመላክተዋል፡፡
በስተመጨረሻም ዶ/ር ብርሃኑ ለማ የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚደንት በመድረኩ ላይ በተሳታፊዎች ለተነሱት የካምፓሱ የይቀጥልልን ጥያቄ እና ከካምፓስ በዘለለ ዩኒቨርሲቲ የይገባናል ጥያቄ ትክክል እና ተገቢ መሆኑን አንስተዉ ከትምህርት ሚኒስቴር እና ከሌሎች ጉዳዩ ከሚመለከታቸዉ የመንግስት አካላት ጋር በመስራት ለመመለስ እየተሰራ እንደሆነ እና ይህ መድረክ የስራቸዉ አንድ አካል መሆኑን በመግለጽ የህዝቡ ድጋፍ እንዳይለያቸዉ አደራ ብለዋል፡፡በዉይይት መድረኮቹ ሁሉ ላይ በተሳታፊዎች ለነበረዉ በሳልና በአስተዉሎት ሲደረግ ለነበረ ተሳትፎ ሁሉ በራሴና በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ እና በጉጂ ግርጃ ካምፓስ አጠቃላይ ማህበረሰብ ስም ምስጋና አቀርባለሁ ብለዋል፡፡
የትምህርት ሚኒስቴር ልዑካን ቡድኑም በማጠቃለያቸዉ፡- በመድረኮች ከተለያዩ የማህበረሰቡ አካላት ጋር ባካሄድነዉ ዉይይት ላይ ለተነሱ አንዳንድ ጥያቄዎች እና አስተያየቶች የግልጽነትና የግንዛቤ ማብራሪያ በመስጠት የሚከተሉትን ስለ ካምፓሱ ቀጣይነትና አስፈላጊነቱን የሚወስኑ የዉሳኔ ሃሳቦች ማጠቃለያ እንደሚከተለዉ በማስቀመጥ አመላክተዋል፤
1ኛ፡ካምፓሱ ከሚገኝበት ስፍራ ከአዶላ እስከ አዋሳ፣ ከአዶላ እስከ ዶሎ፣ ከአዶላ እስከ መደወላቡ ዩኒቨርሲቲ እና ከአዶላ እስከ ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ በአራቱም አቅጣጫ ከ300 ኪ.ሜ በላይ ባለዉ ራዲየስ ዉስጥ በቅርበት ምንም ዓይነት የከፍተኛ ትምህርት ተቋም ባለመኖሩ፤
2ኛ፡የጉጂ ማህበረሰብ እና ዞኑ በተፈጥሮ ፀጋዎች ማለትም በተለያዩ ዓይነት ማዕድናት፣ ደን እና ቡና የበለጸገ እና በአገር በቀል ዕዉቀት እና ዲሞክራሲያዊ የሆነን የገዳ ስርዓትን ጠብቆ ያቆየ እና ለአገር ኢኮኖሚ እድገት ብሎም ለአለም እያበረከተ ያለዉ ገጸ-በረከት እና አስተዋጽዖ ከፍተኛ መሆኑ፤
3ኛ፡ማህበረሰቡ በቅርበት ፍትሃዊ የከፍተኛ ትምህርት ተደራሽ እና ተጠቃሚ ሆኖ በሁሉም ዘርፍ ከአካባቢዉ የተማሩ ዜጎች እንወጡ በማድረግ እና የነቃ ማህበረሰብ በመፍጠር የተሸሻለ ኑሮ እንዲመራ በማስቻል በዙሪያዉ ያለዉን የተፈጥሮ ፀጋዎች በእዉቀት እንዲመራና እንዲያስተዳድር ለማድረግ አለመሰራቱ፤
4ኛ፡የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ከአዶላ ወዩ ከተማ ከ300 ኪሜ በላይ ሆኖ ካምፓሱን ማስተዳደር እና በየሳምንቱ ለመጀመሪያና ለሁለተኛ ዲግሪ የሳምንታዊ ትምህርት መርሃግብር ተማሪዎች መምህራንን እያመላለሰ የመማር-ማስተማሩ አገልግሎት ማከናወን እና የከርሰ-ምድር ማእድን ጥናት፣ የገዳና ባህል ጥናት ተማሪዎች እና ሌሎችንም ለመስክ ጥናትና ጉብኝት ማመላለስ አዳጋች እና ለተጨማሪ ወጪዎች እየዳረገዉ ያለ በመሆኑ፤

5ኛ እና የመጨረሻዉ ለነዚህና ለመሳሰሉት ችግሮች መፍትሄ ለማበጀት ያመች ዘንድ ለጉጂ ግርጃ ካምፓስ በካምፓስነት ደረጃ ለእዉቅና መረጋገጥ ወይንም መሰጠት ጋር ለተያያዘ ጥያቄ መልስ እና ዉሳኔ ሰጪ ለሆኑ የመንግስት አካላት ከበቂ በላይ የሆነ የግብዓት ሃሳብ ማግኘታቸዉን፤ ማህበረሰቡ አስደሳች እና ትክክለኛ መልስ እንደሚያገኝ በሙሉ ተስፋ እዲጠባበቅ እንጂ በመንግስት እና በትምህርት ሚኒስቴር ላይ ተስፋ ሳይቆርጥ፤ ሆኖም ግን ለማህበረሰቡ ትልቁ ተስፋዉ እግዚአብሔር እንደሆነ ማወቅ አለበት በማለት ምክረ-ሃሳባቸዉን በማንሳት፤ በመቀጠል ለሚመለከተዉ የመንግስት አካላት በሙሉ ትክክለኛ እና እዉነተኛ ሪፖርት አጠናቅረዉ እንደሚያቀርቡ ቃል በመግባት፤ ከሁሉም የመድረኩ ተሳታፊዎች ጋር ለነበራቸዉ ቆይታ በራሳቸዉና በትምህርት ሚኒስቴር ስም አመስግነዋል፡፡

ለላቀ ለዉጥ እንተጋለን!!!
30/7/2016 ዓ.ም
ጉጂ ግርጃ ካምፓስ
አዶላ ወዩ
ዘጋቢ፡ዳንኤል ሠይፉ ዲዳ

Address

Adola Woyu,Oromia,ethiopia

ADOLA POST OFFICE

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Guji Girja Campus posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your university to be the top-listed University?

Share