𝗛𝗲𝗲𝘆𝗱𝗮𝗿 𝗮𝘀𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮

𝗛𝗲𝗲𝘆𝗱𝗮𝗿 𝗮𝘀𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮 𝗮𝘀𝗯𝗴𝗷

24/02/2026

“Gaachanni Sirnaa hundaa'uun Uummanni Oromoo gurmaa’uun nageenya qe’ee isaa akka eeggatu taasiseera" Obbo Abarraa Bunnoo
==

Mootummaan Naannoo Oromiyaa humnoota waloo sirnooomsuun humna misoomaa dabalataa taasisuufi Sirna Ummataa cimaa ijaaruurratti xiyyeeffannaan hojjechaa jira. Nageenyi bu’uura waan hundaa waan ta’eef Uummanni Oromoo dammaqee gurmaa’uun nageenya waloo isaa akka tikfatu akkasumas Aadaa, Safuufi Duudhaasaa ganamaa sirnoota darban keessatti cabee tureetti akka deebi’uuf humna waloo kan ta’e Gaachana Sirnaa hundeessee hojiiwwan bal’aa hojjechuurrattis argama. Kanaanis, gama nageenyaafi hojiilee inisheetiiwwan misoomaa garaagaaraa bocamanii naannichatti hojiirra oolaa turaniifi hojiirra oolaa jiraniin milkaa’inoonni gurguddoon galmaa’aaniiru.

Hoogganaan Waajjira Milishaa Oromiyaa Obbo Abarraa Bunnoo dhimmuma kana ilaalchisuun turtii addatti Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa waliin taasisaniin Gaachanni Sirnaa erga hundaa’e as Ummanni Oromoo gurmaa’uun nageenya qe’ee isaa akka eeggatu taasifamuusaatiin bu’aan guddaan argamee jira jedhan.

Kaayyoo guddaan mootummaan Gaachana Sirnaa hundeesseefis Naannoo Oromiyaa keessatti nagaafi tasgabbiin uumamee ummanni naannichaa hojiilee misoomaarratti hirmaachuun faayidaafi dantaa argachuu malu akka argatuufi uummata nageenyarratti abboomsuun nageenyaafi tasgabbii waaraan akka mirkanaa’u taasisuuf ta’uu dubbataniiru.

Kunis, bakka uummanni nageenyarratti hin abboomnetti nageenya ceesisuun waan hin danda’amneef Gachana Sirnaa uummata keessaa ijaaruun nageenyi akka waara’u hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Gama biraatiin, dhaloonni amma jiruufi itti aanee dhufu akka aadaafi duudhaa Sirna Gadaatiin nagaafi tasgabbiin akka kabajamu taasisa. Sirna Gadaa keessatti akkaataa nageenyi itti eegamu beekuufi bu’uura godhachuun dhaloonni kun gahee ofii akka bahu taasisuu keessattis Gaachanni sirnaa shoora olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Gaachanni Sirnaa caaseeffama mataasaa kan qabu ta’uu kan himan, Obbo Abarraan umurii waggaa 7 hanga 17 Kaadhimamaa Gaachana Sirnaa, waggaa 18 hanga 56 miseensa Gaachana Sirnaafi waggaa 57 ol ammoo Gorsitoota Gaachana Sirnaa ta’uun qe’ee Oromootti itti fufiinsaan nagaafi tasgabbiin uumamee ummanni dantaa argachuu malu akka argatu kan hojjetaa jiru ta'uus himaniiru.

Filannoon Gaachana Sirnaa kan geggeeffamus ijaarsa misooma ollaan ta’uu ibsuun, Miseensi Gaachana Sirnaa ijaarsa gandaa ollaa hunda kana keessaa filamuun leenjii fudhachuun hojii keessa kan galu ta’uus Obbo Abarraan himaniiru. Haaluma kanaan, Gaachanni sirnaa filatamee leenjii fudhate qe’ee Oromootti nagaafi tasgabbiin akka uumamu karaa qindaa’een hojjetaa jira jedhan. Kana malees, barbaachisummaa humnoota waloorratti hundaa’uudhaan uummataaf hubannoo kennuun ummanni dammaqee tokkummaan hojii misoomaafi nageenyaarratti akka hirmaatu kan taasisu ta’uu Obbo Abarraan himaniiru.

Waggoottan ja’an darbanittis miliishaafi hoggansi naannichaa waliin ta’ee aarsaa hedduu kaffaleera kan jedhan Obbo Abarraan, Oromoon dammaqee firaafi diinasaa akka addaan baafatu gochuu, waliisaa ijaaree diinasaa dura dhaabbatee qe’eesaa akka eeggatuufi ijaaruuf kutannoon akka waliif birmatu, hireen argate akka isa harkaa hin baane taasisuu keessatti shoora guddaa taphateeras jedhan.

Gaachanni Sirnaa guutuu Oromiyaatti akka babal’atu hojii hojjetamaa jiru cinatti sadarkaa barbaadamuun akka cimuufi itti gaafatamummaasaa gahuumsaan akka bahuuf dhimmoota akka Heeraafi Seera biyyaarratti, naamusa hojiisaarratti akkasumas Oromoon akkamiin nageenyasaa tikfatee ollaa waliin jiraachaa akka ture, Aadaa, Duudhaafi Safuu Oromoon qaburratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun leenjiin karaa qindaa'een kennamaa jiraachuus Obbo Abarraan kaasaniiru. Akkasumas deggersaafi hordooffii walitti fufiinsa qabu taasisuun rakkoowwan adeemsa raawwii keessatti mudachuu malan furmaata argachaa akka deeman taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Kanaaf, ummanni naannichaa sadarkaan jiru akkuma gochaa jiru Gaachanni Sirnaa uummanni nageenyarratti akka abboomu taasisuun qe’ee Oromootti nageenyi waaraan mirkanaa’uun dantaa argachuu malu akka argatu kan taasisu ta’uu hubachuun tumsa walirraa hin cinne taasisuufi akka qabu Obbo Abarraan dhaamaniiru.

26/12/2023

Waamicha Dr. Abiyyi Ahmad, dhaloota lammataaf lammiileen Itiyoophiyaa gara biyyaatti akka dhufaniif taasisan✍️

Dargaadal

15/12/2022

Address

12
Robe

Telephone

+251954665153

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when 𝗛𝗲𝗲𝘆𝗱𝗮𝗿 𝗮𝘀𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share