Badhaadhina Hunda galeessa

Badhaadhina Hunda galeessa Partiin Badhaadhinaa yeroo hundaa injifatadha Partii waada isaa dhugoomsuu

"Haasawaa Soofumar" mata duree jedhuun mariin qophaa'e har'a galgala sa'a 2:30'tti tamsa'a nu eegaa.Marii kanarratti Min...
20/10/2025

"Haasawaa Soofumar" mata duree jedhuun mariin qophaa'e har'a galgala sa'a 2:30'tti tamsa'a nu eegaa.

Marii kanarratti Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) dabalatee hoggantoonni duraanii fi yeroo ammaa hojiirra jiran hirmaataniiru. Waajjira Ministira Muummee.

Hirkattummaa irraa gara Oomishtummaatti ce'uuf yeroon sirrii kutatanii hojjeetan amma.Obbo Izzaddiin Abubakar IG waajjir...
08/08/2025

Hirkattummaa irraa gara Oomishtummaatti ce'uuf yeroon sirrii kutatanii hojjeetan amma.

Obbo Izzaddiin Abubakar

IG waajjira Paartii Badhaadhinaa godina Baalee bahaa

Humni Waloo Bu’uura Aadaa Oromoorraa Maddu Humna Misoomaa Guddaati.==Biyya keenya rakkoowwan walxaxaafi hiyyummaa hamaa ...
23/07/2025

Humni Waloo Bu’uura Aadaa Oromoorraa Maddu Humna Misoomaa Guddaati.
==
Biyya keenya rakkoowwan walxaxaafi hiyyummaa hamaa keessa turte keessaa baasuun gara badhaadhinaatti ceesisuuf humni mootummaa qofti gahaa miti. Mootummaan Naannoo Oromiyaas dhugaa jiru kana bu’uurarraa hubachuun kuufamaa rakkoo kaleessarraa as ce’e, fedhii har’aafi dorgommii haala qabatamaa addunyaa keessa jiru waliin walsimuuf humnoota waloo qindeessuun fayyadamaa jira. Humna uummataafi dhaabbilee deeggartoota misoomaa qindeessuun hojiiwwan gurguddoo hojjechuun bu`aa qabatamaa galmeessisaa jira.

Humnootni waloo bu’uura aadaa keenyaa qabu kun osoo faayidaarra hin oolin turuus yeroo ammaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna ummataa cimaa ittiin ijaaraa jira. Mootummaanis ummata Oromoo bu’uura humna waloo qaban kana sirnoomsuun humna misooma dabalataa taasisuufi sirna uummataa cimaa ijaaruu irratti xiyyeeffannoon hojjetaa jira.

Sirnoonni bu’uura duudhaafi eenyummaa uummata Oromoo irratti ijaaramuun hojiirra oolfamanis dhimmoota Misooma Waloo, Haqa Fudhatamaa, Aadaa waliif waliin dhaabbachuufi Nageenya Waloo irratti kan xiyyeeffataniidha. Hojii hanga ammaatti hojjetameenis bu’aawwan jajjaboo ta`an galmaa’anii jiru.

Tajaajila Lammummaa hojiirra oolaa jiruun manneen barnootaa, daandii, riqaalee, manneen harka qalleeyyii suphuufi haaraa ijaaruu, Ashaaraa magariisaafi k.k.f irratti bal’inaan hojjetameera. Sirni kun hawaasa bal’aa hirmaachisu bira darbee hojiiwwan maallaqa mootummaan hojjetamuu qaban tajaajila lammummaan hojjechuun baasii mootummaa birrii biliyoonatti lakkaa’aman hambisaniiru.

Manni Murtii Aadaa rakkoo haqa argachuufi dhugaa baasuu, baasii ummataa sababa deddeebiin hawaasa keenya mudaataa ture hiikuu, baay’ina galmee gara manneen murtii idilee dhaqanii hir’isuun dhaqqabummaa haqaa mirkaneessuu irratti gumaacha guddaa taasisaniiru.

Buusaa Gonofaadhan rakkoolee hawaas–dinagdee uumamaafi nam-tolchee hedduu furuun danda’amee jira. Akkasumas Gaachana Sirnaatiin ummanni Oromoo gurmaa’

Daandii Beeltuu Dirree Sheek Huseen irratti Koreen Oromiyaa fi Sadarkaan Godina irraa dhufan waliin Aanichaatti mari'ata...
23/07/2025

Daandii Beeltuu Dirree Sheek Huseen irratti Koreen Oromiyaa fi Sadarkaan Godina irraa dhufan waliin Aanichaatti mari'atan.
‎Adoolessa 16/2017
‎Godina Baalee Bahaa Aanaa Laga hidhaatti Daandii Beeltuu Dirree Sheek Huseen geessu irratti Koreen Qorannoof Sadarkaa Oromiyaa fi Godina Baalee Bahaa irraa dhufan Bakka Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Laga hidhaa Obbo Muniir Muhammad fi I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Laga hidhaa Obbo Sulxaan Aliyyii argamanitti qooda fudhattoota waliin mariin bal'aan Aanichaa mari'atameera

‎Bu'uuraalee misoomaa ilma namaaf murteessaa fi barbaachisaa ta'e keessaa Daandiin isa olaanaadha. Haaluma kanaan Aanaa Laga hidhaa keessatti rakkoo bulchiinsa gaarii kan ta'e rakkoon Daandii akka furamuuf qindoominaa fi xiiyyeffannoo hoggansa aanichaa, gaaffii jiraattota Aanichaa Mootummaan deebisuuf halkanii fi guyyaa hojjatamaa jira. Gaaffiin hawaasa keenya deebisaa argatuun Qorannoon Daandii Dirree Sheek Huseen fi Magaalaa Guddattuu Beeltuu qoratamuu eegale jira.


Kan Gabaase Kominikeeshinii Bulchiinsa Laga Hidhaa ti.

Hogansa quqama qabuu fi hojii Uummaata qofti Amaanuu Awwal Rashiid
22/07/2025

Hogansa quqama qabuu fi hojii Uummaata qofti Amaanuu Awwal Rashiid

Address

Roobee
Robe
ADDEELLEE

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Badhaadhina Hunda galeessa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Badhaadhina Hunda galeessa:

Share