Oromia shall be free

Oromia shall be free College&university

04/07/2025

Gulaallii: Waraanni furmaata hin ta’u - fi muddama gidduu isaanii daran hammeessuu irraa of qusachuu qabu

Waggaa torba dura maxxansi kun waldhabdee Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu tureef furmaata ariifataa laachuun balaa akka qabu akeekkachiisee ture. Adeemsa hojiirra oolmaa qabatamaa, iftoominaa fi of to’achuu hin qabne haala “waraanas, nagaas hin qabne” waggoota kurnan lamaaf ture xumuruu akka hin dandeenye akeekkachiifneerra. Har’a akeekkachiisni sun caalaatti barbaachisaa fi qabatamaa ta’aa jira. Biyyoonni lamaan ammallee irra deebiidhaan waraanatti seenuuf dhihaataniiru.

Muddamni haaraa kun sababa waan lamaan hammaataa jira. Isaanis Eertiraan gaaffii birmadummaa daangaa darbe kaasuu fi Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa ifatti mormuu ishee, akkasumas Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa argachuun “dhimma itti fufiinsa biyyaa” ta’uu cimsitee dubbachuu isheeti. Wal himannaan biyyoota lamaan gidduu jiru kun haala Waliigaltee Piritooriyaa booda jiru gara jechoota walitti bu’iinsa kakaasan waliitti darbachutti jijjiireera.

Galaana Diimaa to’achuuf wal’aansoo taasifamaa jiru humnoota alaa hedduu harkisee guutuu gaanfa Afrikaatti jeequmsi mul’achaa akka jiru hawaasni addunyaa hubachuu qaba. Itoophiyaa fi Eertiraan gara waraanaatti yoo seenan muddama bal’aa kana keessatti dirree waraanaa haaraa fi tasgabbaa’aa hin taane uumuun rakkoo namoomaa hamaa fi tasgabbii dhabuu siyaasa addunyaa geessisa.

Gama biraan, Itoophiyaan tasgabbii dhabuu keessoo hidda fageeffachaa dhufeen wal’aansoo qabaa jirti. Walitti bu’iinsa gareewwan hidhatan kanneen akka Waraana Bilisummaa Oromoo ( ) fi waliin adeemsifamaa jiru gahumsa humnoota nageenyaa biyyattii irratti dhiibbaa uumaa jira. Lammiileen Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'aman rakkoo diinagdee hammaachaa dhufeen rakkachaa jiru. Kun hundi osoo jiruu alatti waraana haaraa banuun balaa kufaatii biyyaalessaa qaba.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6505

Address

Shashemene

Telephone

+251922702278

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia shall be free posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share