Free Jawar Mohammed and all Oromo politicians

Free Jawar Mohammed and all Oromo politicians Hanga gaaffiin uummataa deebi'utti biyyi keenya guddinni ishee mamsiisaa dha

03/04/2025

Qunceen wal wabattee arba hiiti...!

17/01/2025
07/08/2024
09/07/2024

Xiinxallaan siyaasaa fi qondaalli Kongaransii Federaalawaa Oromoo Jawaar Mohaammad mallaqaaf jecha nama butuun naannoo waraanni itti adaamsifamaa jiru qofatti osoo hin taane, naannoo waraanni hin jirre keessattis babal'atee daldalaa bu'aa guddaa argamsiisu ta'aa dhufee jira jedhe.

Yakka kana hooggansa dirree jiru dabalatee qaamoleen dhimmi ilaaluu irratti qabsaa'uu qabu jechuun gaafatee jira.

Jawaar Mohaammad barruu gabaabaa ibsa Ambaassaddar Massingaa wajjiin maxxanseen namoonni hidhatan mootummaa fi kan mootummaa hin taane namoota nagaa ukkaamsuun maallaqa garmalee gaafatu jedhe.

Mallaqaaf jecha nama ukkaamsuun kun namoota ukkaamfaman qofa kan miidhu osoo hin taane kan jedhu Jawaar, aadaa saamichaa haaraa biyyatti keessatti kan uumuufi qaamolee hidhatani saamicha kana raawwatan hiikkachiisuuf rakkisaa ta'uu akka danda'u ibse.

Namoonni dhuunfaa waytaa gareewwan hidhatanitti dabalaman kaayyoo siyaasaatiifi malee bu'aa walitti bu'iinsa irraa argataniin kaka’aniitii miti, har'a garuu bu'aa walitti bu'iinsa keessaa argamu akka humna sochitti yeroo dhimma itti bahamu argaa jirra jedha.

Kun ammoo hoji dhabdummaa olaanaa fi kaayyoo siyaasaa mallaqaan jijjiiruu irraa kan dhufe ta'uu danda'a jechuun barreesse.

Qaamoleen hidhatan kunniin mallaqaaf jecha nama butuu qofa osoo hin taane, naannoowwan waraanaan miidhaman keessatti Albuuda saamuu, meeshaa waraanaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu daddabarsaa jiru jechuun eera.

Qaamoleen mootummaatis mallaqaaf jecha nama ukkaamsuu keessattis hirmaataa jiraachuu isaanii agarsiiftuun akka jiru Jawaar eeree jira.

Garaagarummaan siyaasaa mootummaa fi finciltoota jidduu jiru namoota dhuunfaa garee hidhatanitti makamaniif riqicha ta’us nageenya buusuuf qormaata guddaa ta'ee jira jedha Jawaar.

Jawaar Mohaammad qabsoon mallaqaaf namoota nagaa butuu irratti taasifamu hooggantoota finciltootaa kaayyoo siyaasaa dhugaa hordofaniin durfamuu qaba jechuun, sababoota qabsoon namoota nagaa butaman kana dhaabsiisuu Finciltoota kaayyoo siyaasaa dhugaa hordofaniin durfamuu qabu tarreessse.

Jalqaba irratti yakki namoota mallaqaaf butuu maqaa isaaniitiin raawwatamu kun, maqaa isaanii waan xurreessuuf waan kana dhaabsisuuf fedhii olaanaa qabu jedhe.

2ffaa rakkoon kun yoo hidda gadi fageefate finciltoonni har'aa kun bor gaafa mootummaa ta'anis rakkoo kana ittisuun waan ulfaatuufi jedhe.

3ffaa irratti namoonni idilee garee kaayyoo siyaasaa tarkaanfachiisanii fi garee saamicha irratti bobba'an addaan baasuuf ni rakkatu jechuun kana addaan baasuu kan danda'u hooggansa dirree jiru qofa jedha.

Akka Jawaar jedhutti yakka mallaqaaf jedhani nama butan kana dhaabsisuuf adda dureen qaamoleen kaayyoo siyaasaa dhugaa tarkaanfachiisaa jiran, kaayyoo siyaasaaa isaanitiif jecha irratti qabsaa'u qaban.

Hayyuun Seenaa Piroofeesar Isqeel Gabbisaa turtii as dura OMN waliin taasisaniin hidhannoon hawaasa keessatti baay'achuun seer-dhabdummaa biyyatti keessatti baay'isaa jedhan.

27/06/2024
13/04/2024

Address

South West Shoa Zone
Woliso

Telephone

+251985853761

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Free Jawar Mohammed and all Oromo politicians posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Free Jawar Mohammed and all Oromo politicians:

Share