18/06/2026
KUTAA 5ffaa & Xumuraa
SEENAA ERGAMAA SAALIHI FI GAALA ALLAHAA:
๐ฉ๐ถ๐ฑ๐ฒ๐ผ ๐๐ผ๐ผ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฏ๐ฎ๐ฎ๐ฑ๐ฑ๐ฎ๐ป ๐น๐ถ๐ป๐ธ ๐๐ผ๐บ๐บ๐ฒ๐ป๐ ๐ถ๐ฟ๐ฟ๐ฎ ๐ท๐ถ๐ฟ๐ฎ
Guyyaa 3ffaa (Sanbata): Fuulli isaanii gurraacha dinkataa (black) taโe; akka waan halkan dukkanaa uffataniitti. Manneen isaanii keessa cal'isni fi eeggannaan guutee taa'an. Kafana isaanii qopheessanii duโa eeggatan. Adabni eessaa akka dhufu fi akkamitti akka taโu hin beekan turan.
Guyyoonni sadan ni dhumatan. Fajrii guyyaa afraffaa (Dilbata) irratti, uummata Samuud kanneen manneen isaanii keessatti kukkufanii xumura eeggachaa jiran irratti aduun baatee laftis bariite. Cal'isni guutuun sulula sana marsee ture.
Battalatti ajajni Allahaa ni dhufe. Innis 'ุงูุตูุญุฉ' (Iyya) tokko qofa ture. Iyya samii irraa dhufe, sagalee sodaachisaa fi dandeettii namaati ol taโe, daangaa dandeytii ilma namaa kan darbe. Sagaleen sun onnee isaanii tarsaasee, miira isaanii bakkaa buqqise. Iyyi samii irraa dhufe kun kirkira lafaa jabaa uume. Lafti miila isaanii jalatti socho'uu jalqabde, samiin immoo gubbaa isaaniitiin isaanitti iyyite.
SUBHANALLAH!
daqiiqaa muraasa keessatti, Ummanni jajjaboon namni humnaan nu caalu dachii irra hin jiru jechaa turan suni hundi gara raqa duโaatti jijjiiraman; manneen isaanii keessatti kukkufanii hafan. Bakka qubatanitti duโan; eenyuyyuu tarkaanfii tokko deemuu ykn jecha tokko dubbachuu hin dandeenye. Namni dhaabbatee ture akkuma dhaabbatetti du'e, namni taaโee tures akkuma taaโetti duโe. Lubbuun hundi ni badde, sochiin hundi ni cal'ise; akka waan kanaan dura namni tokko keessa hin jiraanneetti magaalan guutuun cal jedhe.
Goolaba fi Fakkeenya Bara Baraa
Seenaan uummata Samuudโ kan uummata gaarreen bocanii keessa jiraatanii, Ergamaa isaanii mormanii, fi gaala Allahaa qalaniiโbifa kanaan xumurame. Allahaan rahmata Isaatiin Saalihi fi warra isa waliin amanan ni baase; Saalih erga ummanni isaa badanii booda, reeffa uummata isaa dura dhaabbatee, bifa gaddaa fi fakkeenya qabuun akkana jedhee isaanitti dubbate: "Yaa uummata koo, ani ergaa Gooftaa koo isiniin gaโee jira, isiniifis gorsa kenneera, garuu isin warra gorsitoota jaallattan hin taane." Isaaniin jedhe. Jechoonni kun onnee Ergamaa uummata isaa jaallatu, kan milkaa'ina isaanii barbaadu keessaa kan baheedha; garuu isaan qajeelumma irra doofummaa filatan.
Hanga har'a bara keenyaa kanattis mallattoowwan ummata sanaa sun ni jiru; magaalota duwwaa, qabriiwwan dhagaa keessaa, fi fakkiiwwan gara garaa uummata guddaa cubbuun isaanii isaan balleesse irratti ragaa baโan, harโas ni mulโatu. Har'a garuu buโaa turizimii qofaaf daawwatama. Garuu Kun mudannoo tuurizimii qofa miti; kun barumsa bara baraa nama iddoo sana bira darbu hundaafi.
Barumsi sunis akkana jedha: "Humni tokko qabeenyaa (material power) hamma fedhe yoo qabaate, Allahaa duratti waan tokko isa hin fayyadu. Dinqiin Allahaas taphaaf miti, muโujizaan ragaa Allahaa isa dhumaati." Dhagaan dhoohee gaala dhale sun, gaalli ajjeefamte suni fi iyya hammaa sanaan baduun sun hundi kutaalee mormii bara baraa kan Iimaanaa fi Kufrii gidduu, kan Tasgabbii fi Boona gidduu jiruuf waan deebii tahuudha. Mudannoon kun yeroo hunda kan nu yaadachiisu: "Adabni Allahaa baay'ee jabaadha; Inni yeroo kenna malee hin dagatu." Mee namni herregatu jiraa? Namni barumsa irraa fudhatu jiraa?
Badiin Boonaa fi quufa daangaa dabreen dhufu hundi ni bada, hojiin gaariin dhalootaaf hojjatame garuu ni hafa; cal'isni rabbiin warra ganda 'Waadii Al-Hijr' keessa jiran calโisiise suni, dhalootaaf, seenaa gaalattii sanaa fi dinqii rabbiin isaan irratti hojjate himaa hafa. Bifa kanaan seenaan uummata samuud warra dandeetti rabbii gaafatuuf mallattoo taโee hafe.
Allahaan gabricha isaa Saalihiif rahmata haa godhu, jallattoota irratti immoo abaarsi haa ta'u. Galanni hundi kan Allahaa Gooftaa aalamaati. Video'n yoo isinitti tole like gochuu hin dagatinaa. Allaahummasalli_wasallim_alaa_sayyidina_muhaammad.
๐๐ช๐ป๐ป๐ฎ๐ฎ๐ผ๐ผ๐ช๐ช๐ท: ๐ฐ๐๐ ๐จ๐๐๐๐
๐ป๐ธโ๐โ๐ธ๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐ผ๐ป๐๐ธ