23/11/2021
Tooftawwan Nama Jaallatan Ittiin Dagatan
__________________________________________
Yoo sitti tole share godhi
https://youtube.com/channel/UCgCt54jI5rOiUh7QKF3vIbQ
◈ Jaalala eegaluun hedduu salphaadha, garuu
keessaa bahuun hamma jedhamuu ol namatti ulfaata.
Nama dhugaan jaalattu gaafa dhabdu addunyaan kun
sitti dukkanoofti. Gaafa nama jaallataniin gargar
bahan, jireenyi namatti ulfaata, waan of dura
tarkaanfachuun hin danda'amne namatti fakkaata.
Garuu adda bahuun dirqama ta'ee yoo argame hariiroo
dabre irraanfachuuf maloota armaan gadii hordofuun
furmaata ni ta'a.
➲ Nama san irraa fagaachuu : Nama sana guyyaa
guyyaan ni argita yoo ta'e ykn oduu isaa ni dhageessa
yoo ta'e irraanfachuun hin danda'amu. Hojii guyyaa
guyyaa keessatti irraa fagaachuu qabda. karaa inni
deemu irraa jijjiirachuu, Iddoon itti wal argitan yoo
jiraate kamuu dhaquu hin qabdu.
➲ Wantoota yaadannoo darbe si yaadachiisan
balleessuu fi ofirraa fageessuu : Bilbila isaa/ishii
ofirraa balleessuu. Kan akka "facebook, telegram"
irratti ofirraa ugguruu(block gochuu). Ergaa
gaggabaaboo duraan walii barreessitan yoo jiraate
balleessuu. Kennaa isa/ishii irraa fudhatte yoo jiraate
ofirraa fageessi. Suuraa isaa/ishee yoo qabaatte,
ofirraa balleessi ykn ofirraa fageessi.
➲ Xiiqii fii haaloo hin qabatin : Yeroo gaddaa fi
miidhaa sirra gahe yaadachuu hin qabdu. Miidhaa
sirra gaheef haaloo bahuu hin yaadin. Xiiqiin waan
jaalala nama qabsiisan keessa isa hangafa. kanaafuu
xiiqiin sammuu kee keessaa bahuu qaba.
➲ Yaaddoo keessa keetii ibsachuuf yeroo murtaa'aa
fayyadamuu : Isa/ Ishii dagachuu yoo dadhabdee fi
sammuu kee boqachiisuu yoo dadhabde, yeroo
murtaawe tokko fayyadamuun, waan sitti
dhagahamuu fi waan sirra gahe sammuu keetti fidiitii
lammata akka yaaduu hin qabne of amansiisii
faayilicha cufi.karaa youtube na argatgu subscribe godhaa
https://youtube.com/channel/UCgCt54jI5rOiUh7QKF3vIbQ
Telegram
https://t.me/joinchat/9SSJ4VtUn04wNzZk