16/01/2024
Abre ❣️❣️ by
KUTAA 429FFAA
MAMI WATAAN EENYU?
➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️
Dubbistee hiriyoota keef gochuu hin dagatiin
Mami Wataan hafuura bara durii kan hidhata waaqolii tolfamoo waliin beekamtuu fi humna Seexanaa garaa galaanaa jala maandheeffattee jiraattu, akkasumas ilmoo namaa waliin bifa qabatamaan wal agartuudha.
Mami Wataan maqaa akka Mamba Muntu, Haadha Bishaanii, La Sirene jedhamuunis beekamtuudha. Hafuurri kun hafuura bishaanii Afrikaa Dhihaa, Giddugaleessaa fi Kibbaa, akkasumas diyaaspooraa Afroo-Ameerikaa keessatti kabaja guddaa qabuudha. Hafuuronni Mami Wataa yeroo baayyee dubartoota yoo ta'an, yeroo tokko tokko garuu dhiiras ni tati jedhama. Hafuurri kun dubartoota yeroo quunnamu dhiira, dhiira yeroo quunnamu ammoo dhalaa ta'a.
Mami Wataan mudhii olitti qaama dubartii kan qabduu fi mudhii gaditti qurxummii fakkaatti (Mermaid). Eegee ishee irraa bofa guddaa qabdi. Bofti eegee ishee irraa ka'u kun hanga qixxa lamaan harma ishee jidduutti deema. Boofti biraan ammoo eegee isaa harka ishee bitaa irratti xaxuun saggoo ishee irra maramee mormi isaa harka ishee mirgaan qabamee mul'ata. Walumaagala bofti kun kan ibsu mallattoo raajii fi waaqummaa isheeti.
Hafuurri kun saalquunnamtii fi fedhii saalquunnamtii waliin hidhata guddaa qaba. Namoonni Mami Wataa waliin saalquunnamtii yeroo raawwatan akka madda soorumaatti ilaalu. Mami Wataan waadaa lubbuu erga seensiftee booda saalquunnamtii namoota waliin raawwatti. Sana boodadha namni waan ishee gaafate kan argatu. Iccitii Mami Wataa waliin qaban baasuun faallaa waan argatan sanaa deemuudha.
Gama biraan Mami Wataan Lixaa fi naannoo jiddugaleessa Afrikaatti akka waaqa fayyinaatti ilaalamti. Namni tokko dhukkuba irraa hin fayyamne yoo qabaate Mami Wataan wal argee ajaja ishee raawwata, booda irra fayyina isaa fudhata jedhama.
Hafuurri Mami Wataa waaqota tolfamaa warra Gibxii, Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Kibbaa Afrikaa waliin hidhata guddaa qaba. Biyyoota kanneen keessatti namoonni baay'een hafuura kana waan baay'eef dhimma itti ba'u. Hafuurri hamaan kun naannoo galaanaatti namoota hedduu waliin wal quunnameera. Isa kanaaf danuutu raga-baatuudha.
Dhiyeenya asi garuu hafuurri kun raajota sobduu Afrikaa wajjin hidhata guddaa agarsiiseera. Raajonni dinqii fi milikkita gurguddaa agarsiisuu barbaadan hafuura kana waliin waliigaltee lubbuu raawwachaa jiru. Waliigaltee kana boodadha kan isaan ittiin namoota wallaalchisuun irraa nyaatan. Lubbuu isaaniif garuu gubannaa barabaraa qooodaniiru.
Qarqaraa galaanaa Poort-Haarkoortitti taateen raawwatamaa jiruufi waldoonni naannoo sanatti hundaa'anii jiran hedduun hojii daldalaa humna bishaanii kana raajota, paasteroota fi barsiisota sobduu Afrikaa waliin walquunnamsiisan ta'anii hojjechaa jiru. Golee biyyoota Afrikaa hedduu keessaa raajota sobduu hedduutu ulaa kana deemee humna kanaaf lubbuu wareegee dhaloota faalaa jira.
Dhaloonni Wageela dhugaa harkaa qabdan dammaqaa ofii keessan, dhaloota eegumasa barbaadu, akkasumas Waldaa Kristiyaanaa eegaa!
“Ati aangoo keetiin galaana gargar hirtee, mataa bineensota akka jawwee galaanatti galaniis bishaan irratti in caccabsite.”
— Far. 74:13
Amen Eebbifamaa
Madda Oliifan Margaa Eebbifamaa koo
YESUUS NI DHUFA