03/11/2025
DIRREE DHAWAA!
Araddaan Afran-qalloo
Onni Baabbilee’f Alaa,
Qe’een Oborraa’f Dagaa
Isheen Oromoof dhalaa,
Seenaafi seera kamiin
Somaalee jala galaa..?
Ulfoo jaalala malee
Jibbi si keessa'n jirre
Biiftuu barii Oromoo
Dirree Dhawaa, yaa dirree..
Dhawaa Elemoo Muudee
Ka’umsa maqaa keetii
Ormi akkamiin dagattee
Si’iin nu saamuu feetii?
Seena qabeettii lafaa
Manguddoo umriin qaataa
Handhuuraa Oromootaa
Kan ormaa akkamiin taata?
•••
Guddina kee inaafee
Oromummaa siin jibbee,
Warri har’a si saamuuf
Rukuchiifatu dibbee,
Dhangaggoo fi Calanqoo
Qullubbiif Haramaayaa
Qarsaa, Kombolchaaf, Huursoo
Ollaakee eessa kaayaa?
Uumaatoo keenya godhee
Nuun marsee si diriirsee,
Alagaan maaf dhama’a?
Daba kuma hiriirsee...
•••
Dahoon guyyaa rakkinaa
Goototaaf wabii taate,
Gucni aartii Oromoo
Dungoon dukkana-baate,
Gaazni qabsoo sabichaa
Qaanqeen jalqaba kaate,
Dirreen; dirri Oromoo
Dirmammaa’ee dhaanamaa
Qe’een uumamaan keetii
Alagaatti waamamaa?
Osoo argaa dhageessuu
Cuqqaalamtee teessaaree?
Ormaaf golaa gad-baatee
Diinqa kankee keessaaree?
Gaaffiin koo dhalootaafi
Deebii isiniifan dhiisaa,
An waa-koo ormaa'n kennu
Irra turuu dadhabu - du’eefiin jala ciisa!
✍️.... Riyaad Raayyaa tiin.