03/01/2023
Sefaaniyaa 3:14-20
Ergaa kana dubbifadhaa share Waliif godhaa.
Osoo hin dubbifamu sin bira hin darbinaa.achumaan ergaa kanaa Waliif qoodaa ykn share Waliif godhaa.
namoota Xiyoon, sagalee gammachuu dhageessisaa! Yaa saba Israa'el, sagalee keessan guddisaa ol kaasaa! Yaa namoota Yerusaalem, garaa keessan hundumaan gammadaa! Gammaduu keessanis beeksisaa*! Isa sitti faradame sana Waaqayyo si irraa kaaseera, diinota kees si irraa deebiseera; Waaqayyo mootiin Israa'el sii wajjin waan jiruuf, ati si'achi wanta hamaa hin sodaattu. Guyyaa sanatti namoonni Xiyooniin, “Yaa Yerusaalem hin sodaatin, harki kees lawwaasa'ee kan gad rarra'u hin ta'in! Waaqayyo gooftaan kee sii wajjin jira, inni oolchuudhaaf aango-qabeessa; inni of irraa bu'ee sitti in gammada, jaalala isaatiin gabii siif in kenna; akka warra guyyaa ayyaana beekamaatti gammadanii, sitti gammaduu isaas sagalee isaa ol fuudhee in dhageessisa” in jedhu*. Waaqayyo ammas, “Ani iyya isaanii, wawwaannaa isaanii, yeelloo isa akka ba'aa isaanitti ulfaates isaan irraa nan kaasa*. Kunoo, ani guyyaa sanatti warra isin cunqursan hundumaa nan adaba, warra naafa nan fura, warra tamsa'anis walitti nan qaba; warri guutummaa biyya lafaa keessatti yeellaasifaman, ulfinaa fi jajamuu akka argatan nan godhe*. Yeroo sanatti ani walitti isin qabee, biyyatti isin nan galcha; yeroo sanatti warra isin duraa booji'aman, utuu isin ilaaltanii isiniif nan deebisa; ani saba lafa irraa hundumaa gidduutti, ulfinaa fi jajamuu akka argattan nan godha” jedha; kana Waaqayyotu dubbate*.
Macaafa Sefaaniyaa Raajichaa 3:14-20
Share
Invite
Like
Comment keessan Nan barbàada page koo kana ol nàaf kàasaa iddoo gadi bu'ee jiruu.