Athlete Kenenisa polytechnic college

Athlete Kenenisa polytechnic college Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Athlete Kenenisa polytechnic college, College & University, Asella.

Kolleejjiin pooliiteekinika Atileet Qananiisaa Baqqalaa kabaja ayyaanaa sabaaf sablammii sababeeffachuun mooraa kolleejj...
01/12/2023

Kolleejjiin pooliiteekinika Atileet Qananiisaa Baqqalaa kabaja ayyaanaa sabaaf sablammii sababeeffachuun mooraa kolleejjichaa qulqulleessuu fi oomisha garbuu walitti qabaa oolee jira.

22/11/2023
 'amaKolleejjiin Pooliiteeknika Atileet Qananiisaa Baqqalaa Godaansa seeraan alaa gara biyya alaatti taasifamu hanbisuuf...
30/10/2022

'ama

Kolleejjiin Pooliiteeknika Atileet Qananiisaa Baqqalaa Godaansa seeraan alaa gara biyya alaatti taasifamu hanbisuuf qaamolee gara garaa wajjiin hojjachuu irratti argama.

Yeroo ammaa kana dhasbata miti Mootummaa LVIA jedhamu faana leenjifamtoota Itti fayyadama teeknolojii Qonnaa irratti Qoteebultoota deeggaraa ofii isaaniitiif Hojii uummachuu danda'an Aanota 4 irraa filatamaniif leenjii kennaa jira.

Kolleejjiin pooliiteekinika Atileet Qananiisaa hojii tola ooltummaa ijaarsa mana  waldaa gargaarsa maanguddootaa Afoomiy...
26/10/2021

Kolleejjiin pooliiteekinika Atileet Qananiisaa hojii tola ooltummaa ijaarsa mana waldaa gargaarsa maanguddootaa Afoomiyaa bakka hooggantootni bulchiinsa magaala Asallaa (obboo Gazaalii Hashuu- kantiibaa magaala Asallaa fi Taaddalee Nigusee - itti gaafatamaa waajjira paartii Badhaadhinaa bulchiinsa magaala Asallaa)fi hooggantootni waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa oromiyaa(obboo Nigusuu Biraanuu- Gorsaa olaanaa waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa) jiranitti eegalame. Hooggantootni hojii kana eegalsiisanis hojiin tola ooltummaa hojii dirqama namoomaa fi namni kamuu irratti hirmaachuu qabu waan ta'eef hojii kolleejjiin pooliiteekinika Atileet Qananiisaa akka magaala Asallaatti eegale kan nama jajjabeessuu fi isa galateeffachiisu ta'uu hima. Ijaarsa mana maanguddoota gargaarsa hin qabne kanaas qarshii mili'oona 1 oliin kan hojjatamu ta'uu diiniin kolleejjichaa obboo Tubbaa Maammaa himaniiru.

Hawaasni kolleejjii keenyaa baga gammaddan baga gammanne. Kolleejjiin pooliiteekinika Atileet Qananiisaa Baqqaalaa hojii...
26/09/2021

Hawaasni kolleejjii keenyaa baga gammaddan baga gammanne. Kolleejjiin pooliiteekinika Atileet Qananiisaa Baqqaalaa hojii madaallii bara 2013 wiirtuu madaallii gahumsa ogummaa Oromiyaa damee Adaamaa waliin hojjateen raawwii daraan olaanaa waan galmeessiseef sadarkaa 1ffaa bahuun abbaa geebaa taaneerra. Carraa kanaan kolleejjiin hawaasa kolleejjii keenyaan galatoomaa jechuu barbaada. Duruu 1ffaan keenyuma. Ammas 1ffaa taanee itti fufuuf hunduu jabaachuu qabna.

Leenjistootnii fi hojjattootni kolleejjii keenyaa baga bara 2014 nagaan geessan isiniin jenna.  Barri 2014 kan jaalalaa,...
15/09/2021

Leenjistootnii fi hojjattootni kolleejjii keenyaa baga bara 2014 nagaan geessan isiniin jenna. Barri 2014 kan jaalalaa, gammachuu, kan waan yaaddan itti argattan akka siniif ta'u kolleejjiin keessan siniif hawwa. Kanatti aansuun hojiin kolleejjiin keenya boqonnaa leenjistootaa booda hojiin eegalamee hojii keessa akka jirru ni beekama. Haaluma kanaan Hawaasni kolleejjii keenyaa gaafa 07/01/2014 dhimma ariifachiisaaf waan barbaadamtaniif guyyaa jedhame saatii 2:30 irratti galma kolleejjichaatti akka nuuf argamtan kabajaan isin beeksifna.

14/07/2021
Leenjiin foundry walta'insa Biiroo BLTO Oromiyaa fi IMX federaalaa waliin IMX kennaa ture harra 04/10/2013 haala gaariin...
11/06/2021

Leenjiin foundry walta'insa Biiroo BLTO Oromiyaa fi IMX federaalaa waliin IMX kennaa ture harra 04/10/2013 haala gaariin Aadde Biraanee Dafarshaa bakka jiranitti xumurame. Leenjichi miira leenjistootaa haalaan kan kakahare fi hojii gaariin kan itti hojjatame ta'uu hirmaattotni leenjichaa dubbatan. Bara baajata 2014tti ogummaan kun gulantaa I fi II yoo baname hojii uumuu akka danda'us himameera.

Leenjiin foundry haala gaariin itti fufee jira.
09/06/2021

Leenjiin foundry haala gaariin itti fufee jira.

Leenjiin foundry kolleejjii pooliiteekinika Atileet Qananiisaatti kennamuu eegaleera. Leenjiin kun IMX federaalaa fi bii...
08/06/2021

Leenjiin foundry kolleejjii pooliiteekinika Atileet Qananiisaatti kennamuu eegaleera. Leenjiin kun IMX federaalaa fi biiroo BLTO Oromiyaa waliin ta'uun kan kennamaa jiru yoo ta'u 30/09/2013 irraa eegalee hirmaattotni 23 kolleejjotaa fi PT Oromiyaa keessa jiran keessaa kan walitti bahan ta'uu beekameera. Biiroo BLTO Oromiyaa irraa leenjii kana daawwachuuf kan dhufan obboo Nigusuu Biraanuu fi Aadde Biraanee Dafarshaa, leenjiin foundry namoota baayyeef hojii uumuu kan danda'u waan ta'eef hirmaattotni leenjichaa wayita gara kolleejjii irraa dhufaniitti deebi'an sirriitti irratti hojjachuu akka qaban dhaamaniiru. Akkasumas IMX federaalaaf galata dhiheessaniiru. Hirmaattotni leenjichaas leenjichi baayyee barbaachisaa waan ta'ee itti gammaduu isaanii ibsaniiru.

Address

Asella

Telephone

+251223312252

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Athlete Kenenisa polytechnic college posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share