02/01/2021
Bara 2020 keessa Namoota dhiibbaa uumuun bebbeekamoo ta'aan kanneen Addunyaan kun dhabde keessaa Artsit Hacaaluu Hundeessaa nama tokko jechuun BBC'n gabaasa addaa keessatti hammachiisuun barreesse.
BBC'n gabaasa addaa taateewwan gurguddoo bara 2020 addunyaan keessummeesite keessaa namoota bebbeekamoo Afirikaan dhabde ilaalchisuun gabaasa dheeraa barreesse jira.
Namootni bebbeekamoo Afirikaa keessatti dhiibbaa guddaa uumuu danda'an kanneen Addunyaa kanarraa du'aan darban kunniinis, xabattoota kubbaa miilaa, Saayinsistoota, ogeessota Muuziqaa, namoota daldalaa keessatti hirmaatan, oogeessota fayyaa, namoota siyaasa, Rogeeyyiiwwanii fi Aartstoota keessaa, kanneen Ardii Afrikaa keessatti hedduu jaallatamummaa qaban duraa duubaan BBC'n yaadateera.
Toora namoota bebbeekamoo kana keessatti Artistiin jaallatamaafi dhageettii guddaa qabu Hacaaluu Hundeessaa ji'a ja'an kaleessaa Magaalaa Finfinnee keessatti qaama hanga ammaatti qabatamaatti hin beekamaneen kan ajjeefame namoota bebbeekamoo Ardiin Afrikaa bara 2020 keessa dhabde jedhamuun gabaasicha keessatti kan barreeffame yoo ta'u, addatti ammoo sababa ajjeefamuu Artist Haacaaluu Hundeessaatiin dhiibbaan guddaa Ardicha keessatti uumamuus gabaasnichi ni heera.
Sababa ajjeefamuu Artist jaallatamaa kanaatiin biyyattii keessatti, Mufannaa fi hokkora uumamee faana dha'uun lubbuun namoota 160 ol ta'anii darbeera .
Kana qofaas osoo hin taane ajjeechaa suukkanneessaa Artist Oromoo qaalii kana booda, Rogeeyyiiwwan siyaasa Oromoo jajjaboo dabalatee hooggantoonni paartii siyaasaa Oromoollee yeroo sana kan hidhaman yoo ta'u hanga gabaasni kun ba'uttis mana hidhaa kan jiranidha.
Gama Mootummaatiin dhimma ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaan wal qabatee hanga ammaatti qorannoo qabatamaan ibsamuu baatus, tibba dura inni ajjeefame 'Shaneetu ajjeese' darbee ammoo "TPLF'ttu ajjeesee' akkasumas ammoo maqaa namoota dhuunfaa eenyummaan isaanii beekamaa hin taane waamuudhaan yakka ajjechaa kanatti namootni hirmaatan to'atamuu Miidiyaaleen mootummaa fi Qondaalonni biyyattii Ibsaa turaniiru. Ta'us garuu hanga ammaatti dhimmicha ilaalchisuun wanti qabatamaatti ibsamuun murtiin yakkamtoota kanarratti dabarfame hin jiru.