Shukrii barodaa

Shukrii barodaa 👉Waan ittiin dhaloonni si waamu osoo hin hojjatin hin jiraatin, Seenaa hojjachuuf ka'i!

28/01/2025
27/01/2025

Addunyaa tana miliyoonotaafi biliyoonotaan yoo qabaachuu baatte, digriilee baayyees yoo lakkaawuu baatte, beekkamtii hundaa olitti qabaattee namni hundi yoo ol si fuudhuu baate, kana hunda Dhabdee nama sodaa Rabbii qabu yoo taate haala hunda keessattuu abbaa fadhe irra gammachuu qabda.

♡Nama namni tokko hin beeyne, Kan ammoo inni Rabbii isaa malee hin beeyne bira deemtee gammachuufi quufa inni koflee sitti himu yeroo argite dubbii kana hubatta. Si caalaa Rakkina keessa Odoo jiruu si caalaa isaa gammadee dubbii lamaan miira kee si jijjiiru argita.

♡Allaahaan "akka na gabbartaniifiin isin Uume" yeroo nuun jadhu, haala sirrii taheen gabbartii kana gootan malee hin gammaddan, kana yoo gootan immoo jireenya gammachuun guute argattan akka inni nuun jadheen hubadhe.

Yaa Ilaahii.......🤲

27/01/2025

1. Hamilee moo Sammuu:- Jireenya hawwitu galmaan gahuuf sammuu caalaa hamilee barbaachisa.
2. Namoota Gaariif Iddoo Kennuu:- Namoonni gaariin, yaada namaaf yaadu baay’ee xiqqaadha; isaan waliin riqicha isin jidduu jiru akka maletti gubuu irraa fagaadhu.
3. Hubannoo Invastimantii: Invastimantiiwwan hundarra gaarii ta’an yeroo baay’ee jalqaba irratti akkas ta’anii hin mul’atan.
4. Fayyaa fi Ofitti amanamummaa: Ofii keef fayya qabeessa yoo taate ofitti amanamummaa, qaroo, gammachuu fi jaallatamaadha.
5. Dhuunfaa Keetti Gammaduu:- Hiriyoonni gaaʼelaa gammachuudhaan gaaʼela godhatan hedduun ni jiru; yeroo baay’ee jireenya dhuunfaa geggeessu.
6. Dandeettii fi Naamusa:- Yeroo baay’ee dandeettiin bu’aa leenjii qormaata dabalaa dhufe danda'uu ti.
7. Rakkoo Furi:- Yoo rakkoon si ta'e bakka jijjiiruun hin furamu.
8. Miiraa Too'adhu:- To’annoo miiraa dhabuun murtoo ogummaa waggootaaf godhame gocha ariifachiisaa tokkoon balleessuu danda’a.
9. Ofii Irratti Invast godhi:- Jireenyatti yoo hin gammadne, hanga eenyummaa kee dinqisiifattutti of fooyyessuu irratti xiyyeeffadhu; gama biraatiin kanneen hafan si hordofu.
10. Miidhamaa fakkaachuu irraa fagaadhu: Akka miidhamaa tatee socho’uun nama hin hawwatu; namoonni guutummaatti dhimma sitti hin qaban.
11. Namoota Kaan Miti Ofii Irratti Xiyyeefadhu: Namoota birootti qoosuun tasgabbii dhabuu argisiisa; jireenya kee fooyyessuu irratti xiyyeeffadhu.
12. Shaakala Fayyaa:- Sochii qaamaa yeroo hunda gochuun, nyaata gaarii nyaachuun, yeroo gaarii ta'e namoota jaallannu waliin dabarsuu fi hirribni gahaa ta’e fayyaa sammuu fi tasgabbii haalaan fooyyessa.

27/01/2025

Hammam akka qabnu osoo hin taane karaa itti gammadnutu gammachuu argamsiisa.

27/01/2025

Si yaaddii onneen tiyya 🥰

27/01/2025

Carraa Gaariitti fayyadamuu

Carraan gaariin haala kee fooyyessuuf ykn jijjiiruuf si gargaara., kan akka waan haaraa barachuu, hojii fooyya’aa argachuu ykn michoota haaraa horachuudha. Carraa gaarii yeroo uumamu adda baasuu fi itti fayyadamuun barbaachisaa dha.

26/10/2021

people

Address

Barodaa
Dire Dawa
SHUKRI

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shukrii barodaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Shukrii barodaa:

Share