Seenaa Show

Seenaa Show SABAAF

"ስንኖር ኢትዮጵያ ስንሞት ኢትዮጵያዊ "jedhe Koloneel.Ammaa achi osoo hin du'inuu itoophiyaawii taatee jiraatta.Gaafdurii"taargaan jij...
08/10/2025

"ስንኖር ኢትዮጵያ ስንሞት ኢትዮጵያዊ "jedhe Koloneel.Ammaa achi osoo hin du'inuu itoophiyaawii taatee jiraatta.Gaafdurii"taargaan jijjiiramuuf" jennaan "eenyummaa nu balleessuuf"jettee warra booyaa turte takkaaf,warri makiinaa qabu soft haa laatuufi🙏

Habtaamiif taargaa makiinaa jijjiiranii hundaa Itoophiyaawii godhan. Warra makiinaa hin qabne akka anaaf si'iif immoo mattaawoqaa qabalee gara NATIONAL ID'tti jijjiiranii Itoophiyaawii guutuu nu godhan."ከፍ ብለን እንደንስ" jette birqeen😜

"Ishoo! Mangistuu". Carqii alaabaa tokkos osoo tokkichumatti deebisanii waan gaarii ta'a.Biyyanatti namni cuftuu dasee uffatee kukkute walitti suphee alaabaa jedhee mirmirsa.Kun hin barbaachisu.Akka biyyaatti alaabaan tokkichi nu gaha.

Alaabaan 666 biyya tokko keessaa maal dalaga🙆? Gaafasillee "eenyummaa na jalaa balleessan"jechuun hin hafuu,osoma xiixxee ittantu bishaaniin jiiftee liqimsiista koroneel😂😜
Kun taargaa haarawaa beeki.Akka durii sirkaalli killilii ilaaltee wal rukutuun ni hafti🙏

Comment Ummataa✍️Abbaa qeerroo Abbaa keenya jawaar baaaayyee sijaalannaaa onne ORomoo hundda keessa jirtta
25/09/2025

Comment Ummataa✍️
Abbaa qeerroo Abbaa keenya jawaar baaaayyee sijaalannaaa onne ORomoo hundda keessa jirtta

Bulchitoonni Itiyoophiyaa tibbana hooggansa waraanaa isaaniitiif gateetitti Urjii daddabalanii muudama hedduu kennan. Bi...
22/09/2025

Bulchitoonni Itiyoophiyaa tibbana hooggansa waraanaa isaaniitiif gateetitti Urjii daddabalanii muudama hedduu kennan. Biyya wal waraansa waloo keessa jirtutti guddinni gulantaa hooggansa waraanaa kun hiikkaa hedduu qaba.

Qabxiilee muraasa yeroo muddama akkanaa keessatti gulantaa loltuu itti kennaman yoo ilaallu:-
1. Mootummaan loltoota guddina gulantaatin ofitti qabee too’achuuf (Government Control” sodaa loltoonni nurratti finciluu danda’an jedhan yoo horatan gulantaa dabaluu fi faayidaa addaa kanneen mana jireenyaa fi iddoo hojii dansaa kennuudhan too’annoo ofii jala gochuuf.

2. Amantaa siyaasaa hooggansa waraanaa kanneenitiin argachuuf (political loyalty) loltoota kanneen akka isaan siyaasessitootatti of amananii dantaa sabaa dhiisanii fedhii aangawoota siyaasaa tiksan taasisuuf. Kun kan ta’u gulantaa Kana kan nuuf kenne jara siyaasa kana, jiruu fooyyee akka jirannu kan taasise aangawoota siyaasaati, kanaafuu yoo isaan achii buqqifaman wanti argannu hundumtuu waliin dhabama jedhanii ergamtuu siyaasessitootaa akka ta’aniif.

3.Ilaalcha ummataa (Public perception) ummanni dabaa fi shira warri siyaasaa irratti dalagan qaama loltootaa kanatti himatee ykn isaan qabatee akka warra siyaasaa ofirraa hin dhoorkine ykn fonqolchaaf hin sochoone loltoonni ummata waliin osoo hin taane qaamota siyaasaa (mootummaa) waliin akka jiran ummatatti argisiisuf. Ummannis yoo mootummaa kana mormine ykn irratti fincille loltoonni kun tarkaanfii nurratti fudhatu jedhee cunqursaa baatee akka jiraatuf.

4.Olaantummaa Humna waraanaa (Military influence) qaamota siyaasaa mootummaa karaa kamiinuu mormmuutti jiran ittiin doorsisuuf. carraan Olaantummaa humna waraanatti fayyadamuu ni baldhataaf. Qaamni karaa nagaatin ummata qindeessee mormus ta’ee falma hidhannootti jiru siyaasni biyyatti siyaasa waraana biyyaalessaatin deeggaramuudha siyaasni siyaasa loltuu (militarization of politics) ta’eera jedhanii abdii akka kutataniif.

5. Fonqolcha mootummaa gama waraanaatiin dhufu ofirraa dhoorkuf. Hooggansi waraanaa qaama hawaasa gidiraa argaa jiru kanaati. waan ta’eef hawaasni keessaa bahe gidiraa dhuma hin qabne keessatti gaafa gadadoo argu ilaaluf yoo dadhabe gulantaa oliitii hanga gadiitti wal ijaaree ykn loltuu idileetii hanga hooggansa gulantaa gara garaatti haaluma walitti dhufeenya isaatin wal ijaaree fonqolcha mootummaa geggeessuu ykn haawasa tumsee mootummaa aangorraa kaasuf akka hin sochoone too’achuuf keessa filanii muududhaan walitti gaarreeffannaan akka ummamu tochuu.

Qabxiilen gama 10tti siqan dhimma kana ittiin madaalan kanneen akka bakka bu’ummaa sabaaf sablammii eeguu fi kkf jiraatanis ammatti Itiyoophiyyaatti qabxiilen shanan armaan olii kun hiikkaa qabu. Xiinxala baldhaan tibbana keessummoota waliin walitti deebina.

Yoom gulantaan kennamuu mala jettu isin?
Balballi kun mareedhaf banaadha.

Habtamu Tesfaye Gemechu

Ati Kumaan jaallatamta Jamaan boojuu keeti Ani Isaan keessaa tokko Kanan siif maraadhu Jaaladheenii miti Si jaaladheetan...
24/08/2025

Ati
Kumaan jaallatamta
Jamaan boojuu keeti
Ani
Isaan keessaa tokko
Kanan siif maraadhu
Jaaladheenii miti

Si jaaladheetani
Siif raafameetani
Siif laadhameetani
Qalbii koo gateetani

Gaafuma si uumu
Siif looge faakkaata
Kanaaf xiqqaa guddaan
Biyyi si jaallata

Mee si gaafadhuu?
Atoo…
maal yaadda laata?
Enyutti naata?

Ana ta’innaa?
Hawwiin dhugoominnaa?
Si’iin argadhinnaa?
Hir’uu guuttatinnaa?
Moo!
Abjoochaa hafinna?

Rabbitu beeka!

#@

Bifa lama qabna.Ani ifan beeka atimmoo dukkana Ani dhugaan beeka keemmoo soba kanaAni nan ilaala akka keef jaamadhaAdeem...
24/08/2025

Bifa lama qabna.

Ani ifan beeka
atimmoo dukkana
Ani dhugaan beeka
keemmoo soba kana
Ani nan ilaala
akka keef jaamadha
Adeematin jira
garuu dhaabbataadha
Innin ani ilaalee
asii oli jedhu
Si'iif dalga ta'e
kan garaan kee fedhu

Warqeen inni harki koo
qabachuuf hiixate
Osuman ilaaluu
galaanni haree gate
Gonfoo kabaja koo
of duratti ilaalu
Narkaa fudhateera
dhufee inni caalu
Uleen an qabadhe
na jalaa reeqqise
Biqiltuun koo inn goge
inni dura mise

Qaqqabadhee ga'een
qabannaaf hiixadha
Na duraa miliqeen
galee of komadha

Wayinii dhaabetan
qobboon naaf biqile
Himadhe hin arganne
dhaddacha ilaale
Sagalee koo dhokseen
ijaan dhiiga cobse
Firiin ani dhaabe
Eenyu kan buqqise

Nan yaade nan iyye
watwaadhee nan boo'e
Yeroo hin daangeffamneef
off wallaalan ta'e
Dhugaan qaba jechuuf
deeggaraa hin arganne
Nan balleesse jechuuf
namni na hin himanne.

Bifti inni keetii
hedduu dhokataadha
Ibsuufdhibe malee
hunduu qorataadha
Dukkana siin jedhan
bariitet si argu
Bariidha jedhanis
dukkanatti fiigu

Amala akkamiin
ibsamuu dandeessa
Yoom qaqqabatamta
iddoo kamiin teessa
Situffachuu wayyaa
moo sijala fiiguu
Marii keen ijaaruu
marii keetin diiguu?

Dachee.......

✍️

24/08/2025

si yaadee si yaadee
si yaadee halkaniin
gad ciisuus na dide
na qabu hirribni
yaada keetu ari'e
ija korraa hirriba
halkan rafuu didee
onneen koo siif sirba

24/08/2025

Bakka hin baaneetti hafte!....
Ayii sagalee kee
Kiloolee lallaafaa
gurra koo na bu'ee
Na dhuunfate nafa
humni Koo gad bu'e
Miirri koo lamshaa'e
Weedduu kee dhaga'ee
Abdiin lafaa ka'e
Wayyoo ragada kee
Sochii kee hawwataa
haalaa fi akkataa keen
Qilleensi hin dhaabbata
Aduunuu gad ba'ee
Sumaan dinqifata
bareedina keetiin
Dacheen miidhagfame
Gammadee dhadata
Si baachuuf carroomee
Urjiin gitasaatti
Inniis galee tarree
dhugaa miidhaga keef
Ifa laate hiriiree
simboon lafa ibsu
Seeqi kee miliqee
hirribaa dammaqsee
Onnee koo xuxxuqee
Qalloo mudhii soonsaa
Dhaabbannaa kee argee
Miirri koo coollige
Deebi'eeyyuu marge
Na keessatti horte
Jaalalan kakadhe
Kakaa galee diigee
Deebi'een jaalladhe
Liphsuu ijaa takkaan
Gola onnee koo seentee
Amalaan tiruu koo
Boraafattee raftee
Bakka hin baaneetti hafte

Tooftaa Mootummoonni Abbaa Irree Yeroo Rakkoo Fayadaman Obsaan hamma dhumaa dubbisa hin hifatinaa / nufinaa Hamzaa Boora...
20/08/2025

Tooftaa Mootummoonni Abbaa Irree Yeroo Rakkoo Fayadaman

Obsaan hamma dhumaa dubbisa hin hifatinaa / nufinaa

Hamzaa Booranaa/ Abbaa Liiban

Seenaa keessatti sirnoonni abbaa irree yeroo rakkoo siyaasaa, dinagdee ykn hawaasummaa isaan mudatu amala walfakkaatu agarsiisu . Hundee rakkina-kan akka wal-qixxummaa dhabuu, bulchiinsa gaarii hin taane, ykn misooma dhabuu-abbootiin irree yeroo baay’ee umrii isaani dheerefachuuf gara yaada namaa hihhiruu fi qoqqoodinsaatti tooftaa fayadamuun umrii dheerefatu .

1. Diina Uumudhaan fi garaagarummaa babaldhisuu

Namoonni ykn Uummanii waliin jiraatu yeroo tokko ta’an aangoo mootummaa sana mormuu danda’u. Kanaaf abbootiin irree tooftaa baratan fayyadamu: inis uummata addaan qoqqoodanii bulchuu. Waldhabdee bulchiinsaa, waldhabdee sabaa ykn waldhabdee naannoo uumuudhaan tokkummaa lammiilee gidduu jiru laaffisu. Yeroo kana ammoo bu’aan isaani argatani Hawaasni sirnicha gaaffii keessa galchuu irra wal loluu irratti bobba’a.

2. Xiyyeeffannoo Uummataa Jijjiiruu

Mootummaan Yeroo rakkinii dinagdee, wabii nyaataa dhabuu ykn Uummannii Mootummaa biyya bulchu irraa itti quufinsa dhabuuf abdii muratu, hoggantoonni Mootummaa abbaa irree yeroo baay’ee rakkoo haaraa Uumata gidduutti kakaasu. Yeroo kana Xiyyeeffannaan Uummataa hanqina bulchiinsa gaari, qaala’iinsa jireenyaa ykn malaammaltummaa irratti xiyyeeffachuu dhiise jeequmsa gidduu Uummataatti uumame irraa ifi ittisuu ykn jeequmsaaf deebii kennuutti fuula isaa gargalfata.

3. Amanamummaa Uummata Qormaata keessa galchuu

Mootummoonni Abbaa Irree yeroo baay’ee gareewwan kamtu akka isaan deeggaru fi kamtu akka mormu adda baasuuf waldhabdee kakaasu. Zoonii bulchiinsaa irra deebi’anii bifa haarawaan kaasuun hawaasni gama kam akka goru ilaaluun dhiibbaa gochuun sirnichi to’annoo akka cimsu salphaa taasisa. Fkn Uumata Oromoon kan biyya bulchaa jiru nu Oromoodha biyya guutu bulchaa jira maaf cinqamtani ? Murteen Caasefama kun haqameera hin yaadawina Oromoon jedhaa Garee Sumaalotaaf akkumma dhihoo kana agartani inmbaasi Itoophiyaa Keenya jiruf caasefama haaraf bagga gamaddan kun bu’aa Bulchiinsa Mootummaa keenya badhaadhina kan Muumicha Minsteraa Abiy Ahmediin gegeefamuun arganeedha jechuun gammachuu ibsachaa Manguddoota Oromoon ammoo Jarrii kun nu jalaat bulaa jiru ifi hin rakisinaa jechuun Oromoo gowomsun jarreen kaanin ammoo laftii guutun keessan hin cinqamin lafa kanas sanas fudhadhaa bulchiinsi keenyadha hin cinqaminaa jechuun abdii duwwaan jara Gammachiisun Uumata olaa issaa irratti onnachiisuu.

4. Aangoodhaaf “Crisis Justification” uumuu

Yeroo jeequmsi Uummata gidduutti babal’atu hoggantoonni abbaa irree gidduu seenudhaan akka “humna tokkicha” tasgabbii deebisuu danda’utti of agarsiisu. Kan nama ajaa’ibu, mootummaan ka’umsa tasgabbii dhabuu kanaaf kan boba’aa ta’e sun issa tahee ossoo jiru sana booda haala jirutti fayyadamee aangoo guddaa kan Mootummaa giddugaleessa gochuun Naannolee addaan qoodun waraanaa Biyyaalessaa cimaa ta’ee bobaasuni fi Uumaticha gidduut bilisummaawwan jiran daangessuuf sababa ta’a.

Ajandaan Caaseffama haara kun Maaliif Amma Itoophiyaatti raawata jira? Tooftaalee Abbootiin Irree fayyadaman olitti kaasneen waan wal qabatu qabaa? Mee haa laalluu!

Mootummaan Paartii Badhaadhinaa (PP) waldhabdee hawaasa Horsiise Bulaa Daangaa Oromoo, Affaar, fi Somaalee gidduu jiru deebisee amma kaasaa jiru kun wanta akka tasaa miti. Itiyoophiyaan yeroo ammaa qorumsa diinagdee, siyaasaa, nageenyaa gadi fagootu ishee mudata jira.

Waldhabdee kakaasuun:

• Qaala’iinsa jireenyaa, hoji dhabdummaa, fi gatii jireenyaa irraa yaada ummataa guutumat jijiiru dandaha. Qabxii kana ibsuuf Yeroo kanatti Uumata daangaa gubbaa jiru kamuu rakkoon kee maal yoo jetteen dhimma weerara daanga dubbata malee rakkoo bira abadan dursee sit hin himatu .

• Garee cunqurfamoo gidduut osoo akkas ta’ee jijjiirama dimokiraasii argachuu dandeenya jedhani wol mari’achuun tokko ta’uu danda’an jedhamani gidduutti gamtaa isaani guutumat akka laafu taasisu .

• “Nagaa eeguun” barbaachisaa dha jechuun waraanaan guddaa Uumatoota kana gidduu qubsiisun qubachuun humna Waraana kun seera qabeessa akka tahu taasisu.

Dhugumat ammoo Kun waa’ee misoomaa ykn bulchiinsa haqa qabeessa miti-waa’ee to’annoo Sirna Bulchiinsa Abbaa irree isaani eeguuti.

Gorsa Hawaasa Horsiise Bulaa / Tiksee (Oromoo, Affaar, Somaalee)

1- Tarsiimoo Addaan isin qoqooduf deemamu kanaaf beekamtii kenna – Falmiin gidduu keessaniit Uumama jiru meeshaa siyaasaa malee jiruuf jireenya hawaasa keessaniif furmaata dhugaa akka hin taane hubadhaa. Keessatu Uumani Sumaale shira kana dammaqi ifiraa qoladhu.

2- Tokkummaa Hawaasa Gidduu jiru Ijaaruu – Gareen Horsiise bulaa lafa, bishaan, fi hidhata aadaa jaarraa hedduuf qaban qooddatu. Sirna waldhabdee hiikuu aadaa haaromsaa, yaalii isin qoqqooduuf godhamu irratti tokkummaa agarsiisaa. Laftii kun keessan akka hin taane ossoo beektanu qaamni biyya bulchu keessani yoo isiniin jedhes diduu qabdu malee gammachuun lafa keessani hin tahin hin labsatina . Balaa san booda jiru dursaa hubadhaa wol gorsaa wol qajeelcha . Keesumatu Horsiise bultooni Somaale dhimma kana nu hubadhaa jechumaaf .

3- Ragaa, seenaa, fi ragaa akkaataa mootummaan ittiin Soboota addaan qoode too’atu woliif qooda. Dhugaa dubbachuun humna guddaa qaba. Isiniis wanta lafa dhugaa jirtu wolit himaa woliin gaha woliin marii’adhaa.

4- Ilaalcha Daangaa Sabaa darbuun Ilaaluu
Ummannii Oromoo, Affaar, Somaalee, Amaarri, Sidaamaa, fi kanneen biroo hundi sirna cunqursaa tokko jalatti akka rakkataa jiran hubadhu. Tokkummaan gareele Sabaaf Sablamoota gidduutti taasifamuun farra sirna abbaa irree isa guddaadha.

Walumaagalatti: Abbootiin irree diina uumuun, sabaaf sablamii addaan qooduun, rakkoo dhugaa sabaaf sablamii dararaa jiru irraa yaada isaanii kara maqsuudhan umrii dheera jiraatu. Garuu tokkummaan, ogummaan, wal loluu diduun tooftaa kana laaffisa. Hawaasni Horsiise bulaa Itoophiyaa nagaan waliin dhaabbachuun “ Sirna qoqqoodanii bulchuu” dura dhaabbachuuf fakkeenya cimaa ta’uu danda’u.

Yoo kan namaaf liqinfamuu tahee silaa dhugaan jiru kanaadha garuu kan dhugaan hadhooftuun kun liqinfamuuf muraasa qofaadha.

Kaayyoo qabna! Kaayomsi Waaqa!


17/08/2025

Al-Mukharbaxuun Ja'e 'ab Buta

magaalaan guyyaa tokko qofaaf magaalaa guddoo Itoophiyaa taatee tajaajilte magaalaa kam?????
16/08/2025

magaalaan guyyaa tokko qofaaf magaalaa guddoo
Itoophiyaa taatee tajaajilte magaalaa kam?????

Namuu if quba hin qabu malee, Yeroo oowwaa kana hundi akkasitti rafaa oola 🦎🙄
16/08/2025

Namuu if quba hin qabu malee, Yeroo oowwaa kana hundi akkasitti rafaa oola 🦎🙄

‏🔴  #إثيوبيا : في إنجاز غير مسبوق يعزز مكانة البلاد كقوة زراعية صاعدة، باتت  #إثيوبيا أكبر منتج للقمح في إفريقيا! وقد تج...
12/07/2025

‏🔴 #إثيوبيا : في إنجاز غير مسبوق يعزز مكانة البلاد كقوة زراعية صاعدة، باتت #إثيوبيا أكبر منتج للقمح في إفريقيا! وقد تجاوزت #مصر، التي كانت تُعتبر أكبر دولة منتجة للقمح في إفريقيا، بثلاثة أضعاف في إنتاج القمح، من خلال زراعة 7.7 مليون هكتار من الأراضي الخصبة.🇪🇹🇪🇹🇪🇹


🇪🇹🇪🇹🇪🇹

Address

Dire
Dire Dawa

Telephone

+251977863457

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Seenaa Show posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share