20/08/2025
Tooftaa Mootummoonni Abbaa Irree Yeroo Rakkoo Fayadaman
Obsaan hamma dhumaa dubbisa hin hifatinaa / nufinaa
Hamzaa Booranaa/ Abbaa Liiban
Seenaa keessatti sirnoonni abbaa irree yeroo rakkoo siyaasaa, dinagdee ykn hawaasummaa isaan mudatu amala walfakkaatu agarsiisu . Hundee rakkina-kan akka wal-qixxummaa dhabuu, bulchiinsa gaarii hin taane, ykn misooma dhabuu-abbootiin irree yeroo baay’ee umrii isaani dheerefachuuf gara yaada namaa hihhiruu fi qoqqoodinsaatti tooftaa fayadamuun umrii dheerefatu .
1. Diina Uumudhaan fi garaagarummaa babaldhisuu
Namoonni ykn Uummanii waliin jiraatu yeroo tokko ta’an aangoo mootummaa sana mormuu danda’u. Kanaaf abbootiin irree tooftaa baratan fayyadamu: inis uummata addaan qoqqoodanii bulchuu. Waldhabdee bulchiinsaa, waldhabdee sabaa ykn waldhabdee naannoo uumuudhaan tokkummaa lammiilee gidduu jiru laaffisu. Yeroo kana ammoo bu’aan isaani argatani Hawaasni sirnicha gaaffii keessa galchuu irra wal loluu irratti bobba’a.
2. Xiyyeeffannoo Uummataa Jijjiiruu
Mootummaan Yeroo rakkinii dinagdee, wabii nyaataa dhabuu ykn Uummannii Mootummaa biyya bulchu irraa itti quufinsa dhabuuf abdii muratu, hoggantoonni Mootummaa abbaa irree yeroo baay’ee rakkoo haaraa Uumata gidduutti kakaasu. Yeroo kana Xiyyeeffannaan Uummataa hanqina bulchiinsa gaari, qaala’iinsa jireenyaa ykn malaammaltummaa irratti xiyyeeffachuu dhiise jeequmsa gidduu Uummataatti uumame irraa ifi ittisuu ykn jeequmsaaf deebii kennuutti fuula isaa gargalfata.
3. Amanamummaa Uummata Qormaata keessa galchuu
Mootummoonni Abbaa Irree yeroo baay’ee gareewwan kamtu akka isaan deeggaru fi kamtu akka mormu adda baasuuf waldhabdee kakaasu. Zoonii bulchiinsaa irra deebi’anii bifa haarawaan kaasuun hawaasni gama kam akka goru ilaaluun dhiibbaa gochuun sirnichi to’annoo akka cimsu salphaa taasisa. Fkn Uumata Oromoon kan biyya bulchaa jiru nu Oromoodha biyya guutu bulchaa jira maaf cinqamtani ? Murteen Caasefama kun haqameera hin yaadawina Oromoon jedhaa Garee Sumaalotaaf akkumma dhihoo kana agartani inmbaasi Itoophiyaa Keenya jiruf caasefama haaraf bagga gamaddan kun bu’aa Bulchiinsa Mootummaa keenya badhaadhina kan Muumicha Minsteraa Abiy Ahmediin gegeefamuun arganeedha jechuun gammachuu ibsachaa Manguddoota Oromoon ammoo Jarrii kun nu jalaat bulaa jiru ifi hin rakisinaa jechuun Oromoo gowomsun jarreen kaanin ammoo laftii guutun keessan hin cinqamin lafa kanas sanas fudhadhaa bulchiinsi keenyadha hin cinqaminaa jechuun abdii duwwaan jara Gammachiisun Uumata olaa issaa irratti onnachiisuu.
4. Aangoodhaaf “Crisis Justification” uumuu
Yeroo jeequmsi Uummata gidduutti babal’atu hoggantoonni abbaa irree gidduu seenudhaan akka “humna tokkicha” tasgabbii deebisuu danda’utti of agarsiisu. Kan nama ajaa’ibu, mootummaan ka’umsa tasgabbii dhabuu kanaaf kan boba’aa ta’e sun issa tahee ossoo jiru sana booda haala jirutti fayyadamee aangoo guddaa kan Mootummaa giddugaleessa gochuun Naannolee addaan qoodun waraanaa Biyyaalessaa cimaa ta’ee bobaasuni fi Uumaticha gidduut bilisummaawwan jiran daangessuuf sababa ta’a.
Ajandaan Caaseffama haara kun Maaliif Amma Itoophiyaatti raawata jira? Tooftaalee Abbootiin Irree fayyadaman olitti kaasneen waan wal qabatu qabaa? Mee haa laalluu!
Mootummaan Paartii Badhaadhinaa (PP) waldhabdee hawaasa Horsiise Bulaa Daangaa Oromoo, Affaar, fi Somaalee gidduu jiru deebisee amma kaasaa jiru kun wanta akka tasaa miti. Itiyoophiyaan yeroo ammaa qorumsa diinagdee, siyaasaa, nageenyaa gadi fagootu ishee mudata jira.
Waldhabdee kakaasuun:
• Qaala’iinsa jireenyaa, hoji dhabdummaa, fi gatii jireenyaa irraa yaada ummataa guutumat jijiiru dandaha. Qabxii kana ibsuuf Yeroo kanatti Uumata daangaa gubbaa jiru kamuu rakkoon kee maal yoo jetteen dhimma weerara daanga dubbata malee rakkoo bira abadan dursee sit hin himatu .
• Garee cunqurfamoo gidduut osoo akkas ta’ee jijjiirama dimokiraasii argachuu dandeenya jedhani wol mari’achuun tokko ta’uu danda’an jedhamani gidduutti gamtaa isaani guutumat akka laafu taasisu .
• “Nagaa eeguun” barbaachisaa dha jechuun waraanaan guddaa Uumatoota kana gidduu qubsiisun qubachuun humna Waraana kun seera qabeessa akka tahu taasisu.
Dhugumat ammoo Kun waa’ee misoomaa ykn bulchiinsa haqa qabeessa miti-waa’ee to’annoo Sirna Bulchiinsa Abbaa irree isaani eeguuti.
Gorsa Hawaasa Horsiise Bulaa / Tiksee (Oromoo, Affaar, Somaalee)
1- Tarsiimoo Addaan isin qoqooduf deemamu kanaaf beekamtii kenna – Falmiin gidduu keessaniit Uumama jiru meeshaa siyaasaa malee jiruuf jireenya hawaasa keessaniif furmaata dhugaa akka hin taane hubadhaa. Keessatu Uumani Sumaale shira kana dammaqi ifiraa qoladhu.
2- Tokkummaa Hawaasa Gidduu jiru Ijaaruu – Gareen Horsiise bulaa lafa, bishaan, fi hidhata aadaa jaarraa hedduuf qaban qooddatu. Sirna waldhabdee hiikuu aadaa haaromsaa, yaalii isin qoqqooduuf godhamu irratti tokkummaa agarsiisaa. Laftii kun keessan akka hin taane ossoo beektanu qaamni biyya bulchu keessani yoo isiniin jedhes diduu qabdu malee gammachuun lafa keessani hin tahin hin labsatina . Balaa san booda jiru dursaa hubadhaa wol gorsaa wol qajeelcha . Keesumatu Horsiise bultooni Somaale dhimma kana nu hubadhaa jechumaaf .
3- Ragaa, seenaa, fi ragaa akkaataa mootummaan ittiin Soboota addaan qoode too’atu woliif qooda. Dhugaa dubbachuun humna guddaa qaba. Isiniis wanta lafa dhugaa jirtu wolit himaa woliin gaha woliin marii’adhaa.
4- Ilaalcha Daangaa Sabaa darbuun Ilaaluu
Ummannii Oromoo, Affaar, Somaalee, Amaarri, Sidaamaa, fi kanneen biroo hundi sirna cunqursaa tokko jalatti akka rakkataa jiran hubadhu. Tokkummaan gareele Sabaaf Sablamoota gidduutti taasifamuun farra sirna abbaa irree isa guddaadha.
Walumaagalatti: Abbootiin irree diina uumuun, sabaaf sablamii addaan qooduun, rakkoo dhugaa sabaaf sablamii dararaa jiru irraa yaada isaanii kara maqsuudhan umrii dheera jiraatu. Garuu tokkummaan, ogummaan, wal loluu diduun tooftaa kana laaffisa. Hawaasni Horsiise bulaa Itoophiyaa nagaan waliin dhaabbachuun “ Sirna qoqqoodanii bulchuu” dura dhaabbachuuf fakkeenya cimaa ta’uu danda’u.
Yoo kan namaaf liqinfamuu tahee silaa dhugaan jiru kanaadha garuu kan dhugaan hadhooftuun kun liqinfamuuf muraasa qofaadha.
Kaayyoo qabna! Kaayomsi Waaqa!