07/11/2025
Shimbirroo Project miliyoonaa $250 dhaabsifte.
Biyya Jarman magaala Barlin keessatti. Hospital guddaan umrii dheertuu qabu kan Darbii ykn gammoo jiddu galeessaa taheetu waggaa hedduunbbooda qaama isaa guutuu haaroomsuuf dollar 250 barbaachise. Jahaataniin haaroomsaa Hospital jalqabamuuf Yeroo qorannoo godhan shimbirroon tokko mana isii ijaarrattee jirti.
Haaroomsaa Hospital kana godhuuf manni shimbirroo Kun ni diigama. koreen hospital dubbii shimbirroo kana gaafa ilaalan if godhanii madaalan. Jireenya keenya tolchuuf Jireenya shimbirroo kanaa diiguun fafa jechuun project dollar miliyoonaa 250 Akka dhaabbatu murteessan. Shimbirroon Kun waggaa 9f projectichi Akka dhaabbatuuf sababa taate. waggaa 9 booda Hospitalli Kun haaroomsaa isaa jalqabe.
" Ilmi namaa Jireenya ifii tolchuuf Jireenya nama Akka isaa balleessa."💔🥲