Gadaan gaaddisa oromooti

Gadaan gaaddisa oromooti Kaayyoon page kana waa'e sirna gadaa wal barsiisu fi dhaloota dhufun dhaalchisuudha. Like &share gochu hin dagatin`

29/05/2025

ODAALEE SHANAAN OROMOO FI GODINALEE ISAAN KEESSATTI ARGAMAN

1,ODAA NABEE=ShAWAA BAHA

2,ODAA ROOBA=BAALEE

3,ODAA BULTUM=HARARGEE LIXAA

4,ODAA BULLUQ=WALLAGGA

5,ODAA BISIL=SHAWAA LIXAA

SIRNA GADAASirni gadaa sirna oromoon ittin wal bulcha turee fi wal bulcha jiruudha.Utuu sirni dimokiraasi kan warri giri...
19/03/2025

SIRNA GADAA

Sirni gadaa sirna oromoon ittin wal bulcha turee fi wal bulcha jiruudha.
Utuu sirni dimokiraasi kan warri giriik dimoo fi kiratos jedhani qoodan hin dhufin dura oromoon sirna Gadaan bula ture.Dimookiraasin warra giriiki achii as dhufteesa gaafa ilaalluu sirna gadaa waliin walitti hidhaminsa guddaa qaba.Oromoon dhalootasa guyya dhalateera kaase hamma du'atti sirna gadaa keessa dabarsa.Kana malees mirgaaf dirqamasa akka bahaatuf daballee kaase hanga gadamojjiitti itti gaafatamumma qoodefi sirnaan akka bahatuu taasisa.
Utuu dimookiraasin hin dhufin duratti oromoon dimookiraasitti fayyadama akka ture ragaalen mul'isan hedduutu jiru.
1.Daddabarsaa aangoo ykn filannoo
Oromoon sirna gadaa keessatti aangoo abba gadaa tokkorra gara abba gadaa kan biratti dabarsuuf marsaa wagga saddeet sadeetin rawwaata.
Gadaan tokko aangoo gadhisee Gadaa kan biraatin bakka buufama.Gadaan bakka bu'ees wagga saddeet booda karaa nagaa fi jaalalaan guuteen aangoosa gadaa itti aanuf dabarsee laata.kanaaf akka Gadaa oromootti sirni bulchiinsa fi daddabarsaa aangoo karaa nagaa fi haqaa qabeessa taheen kan gaggeeffamuudha.
2,Mirgaaf dirqama kennuu irratti

Kutaan itti aanu itti fufa
Follow and share gocha obsaan nu eega

17/08/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Harmee Koo, Urjii Zeenaa, Ahmed Abdureuf, Gelg Geleto

Qabaneessa aduu saafaaBoqochisaa laphee gubaaTasgabeessa miira ariiAddaa baasi dhugaaf sobaDhugaa dhabnee mariif dhufneH...
01/04/2024

Qabaneessa aduu saafaa
Boqochisaa laphee gubaa
Tasgabeessa miira arii
Addaa baasi dhugaaf soba

Dhugaa dhabnee mariif dhufne
Haqa qabnaaf si biratti
Beeka tahii nuuf dubbadhu
Dhugaan dabsiin nu harkatti

Waaqa odaa kana uumte
Jirmaa guddaaf baala baattee
Dhugaa nama situ beeka
Si waammannan maaf cal jettee

Haqan qabnuu?haqni keenya
Maalif soban abuurame
Sarban dhaqne mirgi keenya
Badii malee maaf sarbamee

Nuuf dubbadhu mee ya rabbii
Dhiiga jigeef gumaa baasi
Roorroo hamtu nutti cimte
Kan nu falmuu mee nuuf kaasi

Irreechi  irree oromootaati.irreefannaan sirna galateefannaa oromoon duriirraa kaase uumasaaf galata galcha ture fi galc...
24/09/2023

Irreechi irree oromootaati.irreefannaan sirna galateefannaa oromoon duriirraa kaase uumasaaf galata galcha ture fi galchaa jiruudha.sirni sirna araaraati.kan wal dhabeetu araarama ,kan adda baheetu waliitti deebi'a,kan walirraa fagaateetu wal argaa .Kanaaf oromoon gaafa birraan bari'u waaqa ganna dukkana'a keessa dabarsee booqa birraatti baasef galata galcha.irreechi irree keenya.irreen keenya jabina keenyaa.jabinni keenya waaqa keenya. Bagaa ayyaana irreecha kan 2016 nagaan geessan.

13/08/2022

Kaayyoon chaanali kana Walaaloo Qoosa Asoosama Jechama Afoola akkasumas Aadaa fi duudha Seena fi hambawwaan Oromoo baruu fi wal barsiisudha. Aadaan keenya ibsituu eenyummaa Keenyaati. Keenyatu keenya keenyaan haa boonnu. Share fi join godhaa

Akka seenan himut jechi oromoo jedhu jecha ormaaniya jedhurra dhufe.Hiikni isaas jaalala jechudha.Sabni oromoo saba hamm...
08/08/2022

Akka seenan himut jechi oromoo jedhu jecha ormaaniya jedhurra dhufe.Hiikni isaas jaalala jechudha.
Sabni oromoo saba hammattadha.
Mogaasa fi Guddifacha fudhachun saba kansa hin ta'in illee fudhate akka dhala ofitti guddifacha mogaasa ture;ammas guddificha jira.Oromiyyaan biyya bal'oo jarra kudha jahaffan dura afrikarra sadarka kudha 17 ffarratti argamtudha.sababbi impaayeerota itiyoophiyaa yeroo sanan laftishe saamama ture.sabashee gidduttis wal qoqqoodan gaggeefama ture.
Oromoon biyyoota addunya heddu keessa fafaca'e kan jiracha ture fi jiraachas jiru sababbuma kanaani.
Weellisotonni oromoo,qabsa'onni haqaa ,hayyoonni fi warri quuqama saba qaban hedduunsani mana hidhatti daraarama turan.
Kaan immoo biyya baqachuun biyya orma jiraacha turan.waluma galatti Oromoon saba bal'aa sabaaf sab-lammoota biyyaatti waliin jaalalan jiraacha kan jiru fi jiraachas kan tureedha.

07/07/2022

Oromummaan Afaan oromo dubbachuu fi oromiyyaa keessatti dhalachuun miti.
Namni afaan oromoo dubbatu marti oromoodha jenne murteessu hin dandeenyu.
Sababbinsaas afaan meesha walii galte dhala namaati malee ;eenyumma
nama tokko bakka bu'u hin danda'u.Afaan ni barama , ni dhaalama ni bada, ni dhalatas.
eenyumman garuu baduu, dhaalamu yookis baramu hin danda'u.Namni haadha fi abbaansa oromoo ta'e tokko eessattis dhalatu;afaan kamiis dubbaatu;dhiigni qomoo inni irra ijaarame Oromoo hamma ta'etti daa'imni dhalatu sun oromummaansa ciruma jijjiramu hin danda'u tarii lamummaansa iddoo bira Oromiyyaan ala ta'u mala.Eenyummansa garuu sanyii inni irra dhalata sana fakkaate hafa.fkn maasi keenya irratti qamadii yoo facaafne ;ijji sanyii ishee lafa keessa mutaa'e kan inni nuuf biqilchu sanyuma isa facaafne qamadiidha.sababnisaas seeliin inni irra ijaarame seeli qamadii waan ta'eef qamaduma ta'ee biqila.Akkasuma dhalli namas seeli haati fi abbaansa ijaaraman irra ijaarama.kanaaf afaan oromoo nama dubbaatu fi oromiyya keessa kan jiraatu maraan Oromoodha jenne waamu hin dandeenyu.Oromummaan dhiiga oromoo qofa keessatti argamudha.
Kan biroos akkuma kana dhiiguma saba sanatin dhalatu jechuudha.
Haa ta'uyyu malee namni kammiyyuu namummaa isaatin wal qixa.Addunyaa kanarratti sabaaf sab -lammii hedduutu jia.Isaan kana hunduma kan wal fakkeessu namumma isaaniti.Afaan,aadaa,duudha fi seena garagaraa ha qabaataniyyu malee martisani nama.Gurrachas haa ta'u adii diimas haa tahu magaala namni namumman wal caalu hin jiru.Namummaan eenyumma keessa keenya jiru malee foon irra mul'atu kana miti.
Waluma galatti eenyumma nama tokko kan ibsuu afaani fi iddoo dhaloota qofa osoo hin taane seeli inni irra ijaarame sana

10/06/2022

SIRNA GADAA

Sirni gadaa sirna oromoonni waggoota dheeraf ittin wal bulcha ture fi ammas ittin wal bulcha jiruudha.akka sirna gadaatti namni kammiyyuu sadarka keessa darbu qaba.sadarka kana keessa gaafa darbus gahee mataasa bahachatu adeema.sadarkaaleen sirna gadaa oromoo daballeedha kaase Hamm's jaarsatti kan jiruudha.
1 daballee (0-8)
2 foollee / gaammee xixiqqaa (8-16)
3 qondaala /gaammee gurgudda (16-24)
4 kuusa (24-32)
5 raaba doori (32-40)
6 Gadaa (40-48)

7 Yuuba 1ffaa (48-56)
8 yuuba 2ffaa (56-64)
9 yuuba 3ffaa (64-72)
10 gadamoojjii (72-80)
11 jaarsa (80 ol)
Sadarkan kun warra dhiira kan ilaalatudha.dubartoonni gadaa hin qabaani.Haa tahu malee.Sirna gadaa keessatti gahe gudda taphaatu.

Address

Oromia
Dukem

Telephone

+251968135120

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaan gaaddisa oromooti posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share