11/06/2026
Jilli Yuunivarsiitii Salaalee Giddugala Aadaa Oromoo Finfinneetti Argamu Daawwate
===============***===============
Yuunivarsiitii Salaalee, Waxabajjii 11, 2026
Jilli Pirezidaantii Yuunivarsiitii Salaalee, Dr. Fayyeeraa Dhiinsaan durfamu, Giddugala Aadaa Oromoo Finfinneetti Argamu Daawwate. Kaayyoon daawwannichaa, walta'iinsa dhaabbilee lameenii cimsuu, duudhaalee, aadaafi hambaalee Oromiyaan qabdu waliin beeksisuufi hambaalee adda addaa waliin kunuunsuudha.
Jila kana keessatti Diiniin Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namoomaa, Obbo Katamaa Jorroo, Qindeessaan Giddugala Aadaa Yuunivarsiitii Salaalee, Obbo Kennasaa Alamuu, akkasumas barsiisonniifi qorattoonni hirmaataniiru. Jila kanas Daayirektarri Olaantuu Giddugala Aadaa Oromoo, Aadde Makkiyaa Jamaaliifi gareen hooggansa giddugalichaa haala ho’aan simataniiru.
Daawwannaa kanaanis, Giddugalli Aadaa Oromoo hojii kunuunsa aadaa Yuunivarsiitiin Salaalee eegale deeggaruuf jecha, meeshaalee aadaa 30 fi hambaalee seenaa 2, waliigala meeshaalee 32 kenneera. Dabalataanis, dhaabbileen lameen dhimmoota fuula duraatti waliin hojjetan, kanneen akka misooma hambaalee aadaa, qorannoo, qabiinsa ragaa (documentation), hojii dijitaaleessuufi muuxannoo waljijjiiruurratti xiyyeeffachuun marii bal’aa taasisaniiru.
Sagantaa kanarratti haasawa kan taasisan Aadde Makkiyaa Jamaal, hariiroo cimaa dhaabbilee lameen gidduu jiru mirkaneessuun, hambaalee aadaa, seenaa, uumamaafi aartii Oromoo kunuunsuufi beeksisuuf kutannoo waliinii qaban irratti xiyyeeffatanii dubbataniiru. Dr. Fayyeeraa Dhiinsaas gama isaaniin, eenyummaa, seenaafi duudhaa Oromoo eeguu keessatti gahee guddaa Giddugalichi qabu kaasuun, qorannoo, kunuunsa hambaaleefi hojii dijitaaleessuu irratti walta'iinsa jiru bal'isuuf Yuunivarsiitichi kutannoo guddaa qabaachuusaa mirkaneessaniiru.
Daawwannichi walta'iinsa dhaabbilee caalmaatti cimsuuf, akkasumas hojii kunuunsa aadaa, qulqullina qorannoofi misooma walitti fufiinsa qabu, kan hambaalee Oromoo dhaloota dhufuuf dabarsee kennu akka ta'u qindoominaan hojjechuuf walii galtee waliinii ibsuun xumurameera.
Odeeffannoo Dabalataaf:
Website: http://slu.edu.et
YouTube: https://youtube.com/
X (Twitter): https://x.com/SalaleUniversi1
Telegram channel: https://t.me/salaleuniversitytchannel