Jaalala jollummaa

Jaalala jollummaa confuse speech different on your page

22/07/2022

Dhimma qubee 'k' fi 'kh' falmisiisaa ta'e

==========================

Afaan Oromoo keessatti qubeen dachaa dabalataa ni barbaachisaa? Wanti irraa hir'atu hoo jiraachuu malaa? Yoo tahes, adeemsi isaa akkam tahuu qaba?

Inistitiyuutii Qo'annoofi Qorannoo Oromootti qindeessaa garee caaslugaa kan tahan kaadhimamaa Doktoraa Baqqalaa Buukkoo, qubeen haaraa yoo filatamu seera mataasaa kan qabuufi adeemsa saayinsaawaa kan hordofudha jedhu.

''Gareen tokko ka'ee akkasumaan Qubee kana uumuu hin danda'u. Saayinsiin qubee ittiin filatan jira,'' jedhu.

Barreessaa fi qorataan etinoogiraafii Afandii Mutaqqii namoota qubeen dachaa 'kh' Afaanicha keessatti ni barbaachisa jedhan keeysaati.

Afandiin dhimma kana ilaalchisee barruu 2017 keessa onlaayinii irratti qoreen ''Ogeeyyiin afaanii tokko tokko Oromoonni Harargee sagalee kana afaanota kanneen akka Somaalii, Hararii fi Arabaa irraa ergifatan kan jedhuun akka wal hingalle kaasa.

''Yaadni kun bu'uura hinqabu. Sababiin isaa sagaleen ''kh'' loqoda Oromoo kaan birattis ni argama,'' jechuun jechoota ergifannaan afaanota biraarraa fudhataman qofa osoo hin taane, jechoota bu'uura Afaan Oromoo qaban keessattis ni argama.''

Fakkeenyaafis jechoota kanneen akka: "khaleessa", "khannuu", "khaayuu", "khiyya", "khoottu" lafa kaa'eera.

Jaarsoo Goollisaa Roobaa kitaaba 'Mammaassa Oromoo Booranaa' jedhee maxxansise irratti, barreeffama Afaanichaa keessa qubeen dachaa dabalataa barbaachisaa tahuu hima.

''Qubee dacchaa durii jaha qabani Afaan Oromoo kha nu beennu, Afaan Oromoo damee Afaan Booranaa kheessatti ammoo woma yaadde cufaa qoruuf qubee dacchaa torbeessitootti feesisa,'' jechuun fakkeenyaanis ni kaasa.

Barreessaan kitaaba 'Khulleessa Nageellee Booranaa'' Halakee Dabbasoo gamasaatiin: ''Jechi k fi kh nu biratti akkaataan qooqa isaa gargari,'' jechuun Afaan Oromoo yeroo barreeffamu akka dubbatamutti jedha.

Odeessa guutuu: https://bbc.in/3RI56QL

Suuraa: Getty images

25/07/2021
16/07/2021
27/04/2021

jam'aa joollee Caffee Oromiyaa kan keeyrii rabbi haa godhu.

23/11/2020

dhiiroo maal isinitti haa odeessu waanumaan je'uutu nadhibe.falli maali?
fala hin qabdu naan hin jedhu seetanii

Address

WALL
Gelemso

Telephone

+251945618082

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jaalala jollummaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share