02/10/2024
FAAJJII ABBAA GADAA
Oromoon ganamaa yeroo sirna Gadaa kalaqu Faajjii kanas waliin kalaqe.
Halluun Faajjii kanaa gubbaa irraa gara jalaatti:- Gurraacha, Diimaa fi Adiidha.
Halluuwwan kunneenis hiika mataa isaanii qabu. Hiikan halluuwwan kanaas akka Oromtichi ilaalee hiika itti kennetti:-
:- Gurraachi olaantummaa Waaqaa agarsiisa. Akka dhugeeffannoo Oromootti yeroo Waaqa kadhatu "Gurraacha garaa garbaa..." jedheetu Waaqa waammata. Kana jechuun Waaqni bifa gurraacha qaba, ni mul'ata jechuu miti. Gurraacha keessatti waan argitu hin qabdu, iccitiidha, garbi guddaadha, qilee ilaaltee hin xumurreedha. Waaqnis inaaffaa miti gara-laafessa, iccitii Waaqas beeku fi gurraachi adda baafachuun isaa ni ulfaata hin danda'amus. Beelii beleliidha Waaqan duras homtuu hin turre, isa boodas homtuu hin jiraatu. "Gurraachi uumedha, uumaatti nu bulchi" jedha Oromoon. Sababni isaas Oromoon waan hunda dura Waaqaaf iddoo kenna waan ta'eef. "Namni gaarummaa hojjate, akkasuma dhugaa, safuu, duudhaa Oromtichaa tumse abdii Waaqa irraa qaba" jedha. Kanaafuu gurraachi akka dhugeeffannaa Oromootti abdii egeree ibsa.
Gama biraatiin gurraachi ni safeeffatama ykn kabajama. Agartuun ykn qaroon ijaa gurraacha. Huurriin rooba of keessaa qabu gurraacha... Oromoo biratti gurraachi bakka guddaa qaba.
:- Diimaan wareegama, gootummaan Saba ofiif wareegamuu ibsa. Kun immoo cimina Oromtichi lammii, safuu, duudhaa, lafa isaa...walumaa gala eenyummaa isaa tiksuuf itti wareegamudha. Kanaafi qabsoof of kennee hanga har'a biyyaaf biyyoo isaaf kan dhiigu, kan wareegamu...
:- Adiin ammoo darbuu, xumuramuu, akkasuma raawwachuu agarsiisa. Rifeensi nama dulloomee harriin adiidha, mukti gubate daaraan adiidha, lafeen du'aa ykn waan du'e tokkoo boodarra adii ta'a. Kanaaf adiin waan darbe agarsiisa. Mallattoo gaddaati. kunis hawaasni tokko jiruuf jireenya gaggeessu keessatti akkuma gammachuun jiru gaddis jira. kanaaf mallattoo gaddaas lafa kaawwate.
Yeroo itti fayyadamnu taa'umsa isaa eeguu qabna🙏
Maddi Barreeffamaa:- Dooyyoo Bidoo
Yoo waa irraa hubattan share godha.