Sharaf Ziyaad sabaa

Sharaf Ziyaad sabaa Tokkummaa jabeeysa

Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa; birmadummaa biyyaa kabachiise!(WKGHB,Hagayya 21/2018) Yeroo teeknooloojiin addunyaa ...
27/08/2026

Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa; birmadummaa biyyaa kabachiise!
(WKGHB,Hagayya 21/2018)
Yeroo teeknooloojiin addunyaa saffisaan guddachaa jiru kanatti dandeettiin nageenya kabachiisuufi ittisa biyyootaa sirna waraanaa baramaa qofaan osoo hin taane beekumsa, odeeffannoofi teeknooloojii ammayyaa irratti hundaa’aa dhufeera.

Raayyaan Ittisa biyyaa Itiyoophiyaas barii jijjiiramaarraa eegalee riifoormii gaggeeffameen falaasama saayinsii waraanaa ammayyaa bu’uura godhachuun humna ittisaa cimaa ta'uun ijaarameera.

Har’a meeshaalee waraanaa ammayyaa, gurmaa’insa sirrii fi qarooma yaada saayinsaawwan durfamuun teeknooloojii fayyadamuun, akkasumas loogii siyaasaa irraa bilisa tahuun akkuma maqaa isaa raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa ta’eera.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa, yaadama seeraa fi seenaa cimaa, caasaa ammayyaa fi dandeettii teeknooloojii olaanaatti fayyadamuu, seera kabachiisuu fi nageenya biyyaa eeguu keessatti gahee ol’aanaa bahachaa jira.

Humnoonni finxaaleyyii fi jeequmsa uumuuf socho'an fedhii isaanii galmaan gahuuf nageenya hawaasaa fi tokkummaa biyyaa gaaga'ama keessa galchuuf xixxifatanis, Raayyaan Ittisa Biyyaa qophii ammayyaa fi tarsiima’aan gocha isaanii fashaleessaa jira.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa, misoomawwan bu’uuraa kanneen akka geejjibaa, annisaa fi teeleekoomii akka hin mancaane eegumsa cimaa taasisa.

Akkasumas, dandeettii odeeffannoo fi teeknooloojii ammayyaatti fayyadamuun sochiiwwan badii dursanii ittisuu irra darbee, odeeffannoowwan dogoggoraa humnoota kaniinuu faca'an caaluudhaan tasgabbii uumaa jira.

Waraanafi jeequmsa ittisuun imala guddinaa fi nageenya biyyaatiif filannoo kan hin qabne yoo ta'u, Raayyaan Ittisaa Biyyaas gahee heeraMootummaan itti kenname gahumsa olaanaan ba’uun kabaja biyyaa mirkaneessaa jira. OBN

18/07/2026

SAMMUU CIMAA TA'E QABAACHUUF:-

1. Yeroo kophaa taatu hin sodaatin.

2. Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin.

3. Addunyaan liqii akka taate sitti hin dhaga'amin.

4. Risky fudhachuu hin sodaatin.

5. Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in.

6. Ofitti gadditee yeroo hin gubin.

7. Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna hin qisaasessin.

8. Namoonni biroo miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin.

9. Milkaa'ina namoota biroo irratti hin aarin.

10. Itti gaafatamummaa irraati hin qaana'in.

11. Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin.

12. Bu'aa hatattamaa hin eegin.

Share godhaa waliin gaya
✏️ Sheraf Ziyad.

18/07/2026
25/06/2026

Alhamdu lillaah Maashaa allaah lafti kun Bara dabre osoo humaa hin magarsin kan turte arra kennaa isaatin bakka kana ga'eera warra nyaatu nu haa godhu rabbiin

25/06/2026

Alhamdu lillaah Maashaa allaah lafti kun Bara dabre osoo humaa hin magarsin kan turte arra kennaa isaatin bakka kana ga'eera warra nyaatu nu godhu rabbiin

Address

Harar
HARAR

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sharaf Ziyaad sabaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share