04/02/2023
Yunivarsitiin Haramaayaa barattoota kuma 4fi 174 sagantaa garagaraatiin barsiisaa ture eebbise.
Yuunivarsitiin Haramaayaa barattoota bara 2012 eebbifamuu qaban kan har’a eebbise kuma 4fi 174 keessaa barattoonni 1325 (%35) dubartoota.
Pireezdaantiin Yuunivarsitii Haramaayaa Dr. Jamaal Yuusuf, Yuunivarsitiin Haramaayaa hojii baruu fi barsiisuu cinatti hojiilee qoronnoo garagaraa gaggeessaa jiraachuu himan.
Eebbifamtoonni hojii irratti hirmaataniin, imala badhaadhinaa biyyatti jalqabde milkeessuuf gahee isaanii bahuu akka qabani dhaamaniiru.
Deetaan Ministira Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo Dr. Saamu'el Kiflee, eebbifamtoonni muuxannoo barsiisoota, maatii fi hawaasa naannawaa irraa argatan hojiin agarsiisuun, yeroo gara hojiitti seenan waa hunda dura hawaasa isaanii tajaajiluuf dursa kennuu akka qaban dhaamaniiru.
ሐረማያ ዩኒቨርሲቲ በተለያየ የትምህርት መስክ ያስተማራቸውን
4ሺ 174 ተማሪዎችን አስመረቀ
ዩኒቨርሲቲው በኮቪድ-19 ወረርሽኝ ምክንያት ባለፈው አመት ሳይመረቁ የቀሩትን ተማሪዎቹን ነው ዛሬ በመጀመሪያ፣ በሁለተኛ እና በ3ኛ ዲግሪ ያስመረቀው።
በምረቃ ሥነ-ሥርዓቱ ላይ የኢፌድሪ ሳይንስና ከፍተኛ ትምክርት ሚኒስትር ዴኤታ ዶ/ር ሳሙኤል ክፍሌ ጨምሮ ተለያዩ የፌዴራል እና የክልሉ የሥራ ኃላፊዎች በምረቃ ሥነ-ሥርዓቱ ላይ ተገኝተዋል።