Abdi baker

Abdi  baker Harar

RamadaanMaaliin naa galchitaMaqaa Koo rabbittiAti gala kaatee Deebi'uuf arsh*ttiWaa'ee koo maalumaanDeebita rabbitti..?N...
21/04/2022

Ramadaan

Maaliin naa galchita
Maqaa Koo rabbitti
Ati gala kaatee
Deebi'uuf arsh*tti
Waa'ee koo maalumaan
Deebita rabbitti..?

Naaf himi hadaraa
Hamtuu gaarii tahuu
Silaahuun fudhatuu
Gurri haa dhagahuu..

Narra naannoyta moo
Barana geessita..
Hadaraa natti himi
Maaf na yaaddessita..?

Yaa ji'a dardaraaf
Ji'a dardartii
Warraa hamtuu irraa
Dandayee uf qabee
Naaf himi qooda koo
An garaa dadhabee
Bu'aa naa fidderraa
Argadhe moo dhabee....?

21/04/2022

Allahumma razaqnii hazaal leeyli..

Yaa Allah aameeen

Yaa Allah give me with my Muslim family.. aameeen

Say aameeen

    ...!!!
20/04/2022




...!!!

 ..Yaa dhinsituu madaaGartuu garaa lammiiKa'ii gaarii namiiBakka bal'ifattuuQubsiiftuu qubattuuOnnee qoma lammiiAna si d...
20/04/2022

..
Yaa dhinsituu madaa
Gartuu garaa lammii
Ka'ii gaarii namii
Bakka bal'ifattuu
Qubsiiftuu qubattuu
Onnee qoma lammii
Ana si dubbisaa
Inni ati dhiiftee
Biraa deemte lammii
Ati ngy jirtaa mee akkami..??

Ani akkan qabu
Akki Koo dhibumaa
Dabni gaafa saniif
Dabeessis sanumaa
Biyyi deemtan san hoo
Akkami nagumàa...??

Say maashaa Allah
19/04/2022

Say maashaa Allah

If Allah not give u No one give you.. !!Allahu Akbar
19/04/2022

If Allah not give u No one give you.. !!
Allahu Akbar

Mirror image
19/04/2022

Mirror image

 !!Ni dhufaa nilufaWal_horri quufaaHormaanni itti fufaaHin qabu guduunfaaJiruun irra lafaa           Daangaadha cufaa   ...
19/04/2022

!!
Ni dhufaa nilufa
Wal_horri quufaa
Hormaanni itti fufaa
Hin qabu guduunfaa
Jiruun irra lafaa
Daangaadha cufaa
Manaaf hangafa
Tahaan rabbi qofa

Namuu nigulufa
Amna jabaa lafaa
Sadarkaaf hinàafaa
Dhalataan yoom rafaa
Jireenyi buufaa
Kaan itti kufa
Gariin itti gungufa
Ginaa ifdura duufaa
Kan gogse hancufa
Of keessaa tufa
Een keessatti hafa
Eentu keessa wal-afa..??

Cabsaadha cufaa
Akka waan raafaa
Namuu wal hordofa
Guyyaa waljala oofaa
Kan arra abbaa lafaa
Boru maqaan reeffaa...(2

Yaa hameenya bifaa
Maamamaa fi nafaa
Foon keellee tu sibalfa
Deessee tee qofa
Obboleessa haadha qofa
Ajaawaa yaa'a nafaa
Kan sirraa dhiqu laafaa (2

Alagaan ilkee koflaa
Gariin laalchaaf dhufa
Moggaa dhaabbattee xarafa
Hancufa tuttufaa
Boollattiin daddafaa
Gakkaayaa itti cufaa
Isaafii hujii isaa qofa
Ja'a jiraan irra lafaa
Of lallaalaa suufa.!!(2

Guyyaan jabaa lafaa
Kan beekaa doofaa
Kan hin tarree
Jaamaa nafa
Eeggadhu siif dhufaa
Simataan abbaan qofaa (2

Namuu ni imalu
Bakka irraa dhufeggalu
Xurree beekuu wallaaluu
Kun eenyuu hin madaaluu
Yaa ! abalu yaa abalu
Hojiidha kan sisaaxilu (2

Hayyuu gamna qaalluu
Kan mataan maqaa caalu
Yaa abbaa abalu
Tuutni dhufee si awwaalu
Kanneen booyee ololu
Obsa dhabaan wal awwaalu
Firaa firiin sikkalu
Jaalalloon siif bololu
Tokkolleen sifaanan galu
Arra eentu siif toluu .? (2

Barreessaan [email protected]

 Tanan dhiisu jechuuAkkanaan cal'iseeOrmaafuu toltaniiIsintu gabbiseeSabni Koo maal godheenKan ana salphise...??Mee laal...
18/04/2022



Tanan dhiisu jechuu
Akkanaan cal'isee
Ormaafuu toltanii
Isintu gabbisee
Sabni Koo maal godheen
Kan ana salphise...??

Mee laalaa komantiif
Sheerii warra ormaa
Guddoon miliyoonaa
Xiqqaattus kumaamii
Bar kuma soddomaa..!!

Maaliif akkas tuffiin
Dhaamsi koo haphate
Harka keessan biraa
hanqate...??

Akkanaa ree haadhoo koo
akki waliin jenne..?
Akkanaa ree haadhaa too
Akki waliin. Jenne ??

 Yaa Saba diraaraaDiruun feene namaSilaa hedduun qabaaDhaamsa mi'aan dammaaEessaan siin haa gayuWarra natti gamaa...! Ya...
17/04/2022



Yaa Saba diraaraa
Diruun feene nama
Silaa hedduun qabaa
Dhaamsa mi'aan dammaa
Eessaan siin haa gayu
Warra natti gamaa...!

Yaa joollee oromoo
Joollee fiixaan saafii
Isin anaa humnaa
Humna gaafa gaafii
'IMAA
Mee guddisaa naafii

..

Galatoomaa..!!

 Boontuu too boonsituuMeetoo haadha.bifaaOolmaa keen mirgi koomirga tahee ifa..(2             Yookaan jabin jiru        ...
17/04/2022



Boontuu too boonsituu
Meetoo haadha.bifaa
Oolmaa keen mirgi koo
mirga tahee ifa..(2

Yookaan jabin jiru
Jaba dibichoomaa
Hurkaan dhiqatullee
Maaltu nahaaf homaa..?
Akkan duune daabboof
Imimmaan olloomaa..(2

Masloo fakkiin qabne
Maddituu aananii
Tan ijaan sooratan
Quufan gammadanii
Maaf si kennu ormaa
Addaan babbadanii...?? (2

Kan galatan qabne
Galiin gala isaa
Godaannisa huubaa
Qulfii quufa misaa
Kan dammeeysuu didu
Laalee lalachiisaa
Dur_duubbee duri_durii
Tahee na rakkisa (2

Marii malaa kutee
Maraatuun duwwisee
Kan gatamuu qabu
Gateettii luqqaatee
Jiraata namaamii
Sareellee hanqatee..

Onnachiifni onnee
Onee onni dambii
Uf irraanfachiisee
Irrattee dadhabbii
Qalamshiisha godhee
Baata maqaa dhabbii..!!

Address

Oromia
Hirna
24

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdi baker posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Abdi baker:

Share