16/08/2023
Isin warri mawlida mormitan sagantaan ifxaaraa tan biyya hunda keessa fiigdanii lallabaa turtan bid'aadhamoo bid'aa miti? Afaan kamiin mawlidni haraami jettan?jalqaba sagantaa ifxaara sun ragaa isaa qur'aanaafii hadiisaan mirkaneessaa, sahaaboota keessa eenyuutu ifxaara jedhee daandiirratti hawaasa muslimaa gadi baasaa ture? rasuulli alayhissalaatu wassalaam hojjatnii ? Yoom eessatti hijiraa duramoo booda? daandiirratti hawaasa baasuun kuni hojii gaarii tayuu wallaaleeti lakkise? Duuba isin akkamitti gaarii tahuu isaa beektan?
Duuba isin waan sahaabaan tokkolleen hin hojjatin hojjachaa gaafa mawlidni haraami jettan xiqqollee hin qaayfattanii ?
Tuni fedhii ofii jala deemuudha malee daandii shari'aa jala deemuu miti.
sagantaan ifxaaraa bid'aadhamoo miti ? Yoo bid'aa tahuu isii amante mawlidnis akkasuma yoo bid'aa miti jette gaafam hojjatame eenyuutu hojjate ragaadhaan ibsi.
HUBACHIISA nama arrabsuun mallattoo cabinsaati.