Hayyube Ahmed

Hayyube Ahmed Hayyube

11/01/2026

Waliin Aamir Show – Itti fufeen jira! Walitti aansee ji'a 13f deeggaraa olaanaa ta'eera. πŸŽ‰

28/12/2025
08/11/2025

Yeroo cehuumsaa bara 1983 mootummaan naannoo Somaalee teessoo isaa magaalaa Godee akka godhatu, Jijjigaan immoo qaama Oromiyaa akka taatu murtaa'ee akka ture hooggantoonni DHDUO/OPDO yeroo cehumsaa turan himan.

Hooggantoonni DHDUO/OPDO yeroo sana turan OMN'f yaada isaanii kennan, mootummaan naannoo Somaalee Godee teessoo godhachuuf erga deemee booddee magaalattiin misooma bu'uuraa barbaachisaa akka hin qabne eeree, bulchiinsaaf mijataa akka hin taane beeksisee jedhan.

Ergasii magaalota naannichaa biraatti dabarsuuf yaalamee magaalonni jiran Godeedhaa gadi ta'uu isaaniitiin yeroof Oromiyaa irraa ergifatanii Jijjigaa akka fayyadaman obbo Mallas Zeenaawiitiin kallattiin kaayamuu dubbatan.

Mootummaan naannoo Somaalee yeroof Jijjigaa taa'ee, magaalaa Godeetti saffisaan misoomni bu'uuraa akka ijaaramu ergasiis mootummaan naannoo Somaalee Jijjigaa kan Oromiyaa taate gadhiisee gara Godee akka deebi'u murtaa'ee jedhan.

Mootummaan naannoo Somaalee carraa argate fayyadamee Jijjigaa teessoo godhatee itti fufuuf, misoomni magaalaa Godee akka harkifatu taasisuu himaniiru.

Mootummaan naannoo Somaalee turee Wayyaanee waliin shira xaxuun Jijjigaan Somaalee jalatti akka bultu, mootummaan naannoo Somaalees teessoo isaa achitti akka jabeeffatu taasisan jedhan qondaalonni yeroo sana turan.

Olaantummaan Wayyaanee waan tureef DHDUO/OPDOn dhiibee gaafachuu sodaatee, akka sanaan magaalaan lafa Oromoo irratti hundoofte Jijjigaan shiraan naannoo Somaaleen akka fudhatamu taasifamuu dubbataniiru.

Magaalaa Dirree Dhawaa waliin walqabatee immoo falmiinunti wayiituu akka hin turre eeranii, naannoon Somaalee magaalaadhuma Dirree Dhawaatu hin daangessu turee jedhan.

Magaalaan Dirree Dhawaa Oromiyaa jala akka turte, kallattii maraanuu gandoota baadiyyaa naannoo Oromiyaatiin marfamtee akka turtes dubbatan.

Takka turanii gandoota baadiyyaa kan magaalattii marsanii jiran bulchiinsa Dirree Dhawaa jala galchuu yaadachiisan.

Carraa kanaan naannoon Somaalee godinni Shinillee kan gandoota baadiyyaa Oromiyaa kanneen daangessu shiraan magaalaa Dirree Dhawaa akka daangessu taasisuu Wayyaanee fi naannoo Somaalee himan.

Mootummaan naannoo Somaalee carraa kana argate gara bulchiinsa Dirree Dhawaa gaafachuutti cehuu dubbatan.

Kana duukaa taa'ee kan godhu Wayyaanee akka ture kan yaadachiisan qondaalonni yeroo sanaa, erga mootummaan naannoo Somaalee gaaffii akka dhiheessu taasisanii booddee magaalattii waliin ta'aa bulchaa yaada jedhu fidanii jedhu.

Uummata magaalattii keessaa yeroo sana naannawaan dhibbeentaa 50 uummata Oromoo akka ta'e ibsanii, dhalattoonni naannoo Somaalee magaalattii jiraatan gara dhibbeentaa 13 akka turan yaadachiisan.

Sana booda reeshoo hooggansaa magaalattiin ittiin bultu 40%(Oromoo), 40%(Somaalee), 20%(Saboota biroo) jedhu hojii irra oolchanii jedhu.

Uummanni Oromoo Dacheen Dirree Dhawaa kan isaa taatee, uummata magaalattii keessa jiraatu keessaa naannawaa 50% ta'ee dhalattoota Somaalee 13% magaalattii keessa turan waliin qixa aangoo akka qooddatu taasifamee haqxi jallatee jedhan.

Kantiibaan dabaree akka ta'us godhanii jedhu.

Ergasii toftaadhaan lakkoofsa dhalattoota naannoo Somaalee magaalaa keessatti baay'isuutu hojjatamee jedhu.

Yeroo dabareen kantiibummaa Oromoo ta'e Wayyaaneen to'annaa cimaa gochuun akka hojii wayiituu hin hojjanne godhaa akka turte eeranii, yeroo dabareen kan Somaalee ta'e immoo Somaalee fi Wayyaaneen qindoomanii hojiin Deemoogiraafii jijjiiruu bal'aan akka hojjatamu taasifamuu dubbatan.

Haala kanaan baay'inni dhalattoota naannoo Somaalee magaalaa Dirree Dhawaa jiraatanii dhibbeentaa 13 irraa gara 30tti akka guddatu taasifamuu ibsaniiru.

Akka kanaan shiraan dubbiin magaalaa Jijjigaa achumaan dagatamee Somaaleen magaalaa Dirree Dhawaattillee akka cehanii abbummaa gaafatan taasifamee jedhan.

Dirree Dhawaa waliin walqabatee olaantummaa Wayyaaneetiin haqa Oromootu jalaa awwaalame, magaalaan Jijjigaas seeraan ala Somaalee jalatti akka bultu taasifame kan jedhan aangawoonni buleeyyiin, haqni kun sorooruu akka qabu dubbataniiru.

08/11/2025

Waliin Aamir Show – Itti fufeen jira! Walitti aansee ji'a 11f deeggaraa olaanaa ta'eera. πŸŽ‰

08/11/2025

Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu ​​natti dhaga'ama! Adisu Katama Abara, Amiir Best

29/09/2025

Dhugaa jedhii mee

Address

Eest
Hirna
XULLOO

Telephone

+251914953490

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hayyube Ahmed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Hayyube Ahmed:

Share