Abdulle Hassan Abdo page

Abdulle Hassan Abdo page Justice for hachaalu.

Eysatti me warri beytan naaf himaa
14/06/2025

Eysatti me warri beytan naaf himaa

Waan aja,ibaati.
20/05/2025

Waan aja,ibaati.

Lammileen Itoophiyaa 47 mootummaa Sa'ud Arabiyaatiin murteen du'aa itti murtaa'ee 36 lubbuun jiran keessaa guyyaa kaleessaa nama lama akka ajjeefaman murtaa'uu namni dhimma kana itti dhiheenyaan hordofu OMNtti hime.

Kibba Sa'ud Arabiyaa Godina Naajiraan daangaa Sa'udii fi Yaman irratti qabamuun Magaalaa Naajiraan mana hidhaa waliigalaa “Sijinal ammi” jedhamu keessatti kan hidhaman lammiileen Itoophiyaa 47 murtiin du'aa itti murtaa'uu himan.

Rakkoo siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, hojii dhabdummaa, hiyyummaa fi dhiittaa mirga namoomaa mootummaa Itoophiyaatiin raawwatamu baqachuun gara biyyoota galoo galaana Edan kan imalan lammileen Itoophiyaa jireenyi baqaa dugda itti galuun murtiin du'aa irratti murtaa'uu OMNtti himan.

Gabaasa OMN Onkololeessa bara 2024 keessa lammiilee kana mana hidhaa keessatti bilbila dhoksaatiin dubbisuun gabaaseen, dallaalonni baala sammuu namaa hadhoochu dhoksaa fi dirqamaan baqattoota gara Sa'udi Arabiyaa imalanitti fe'uun ergaa turan.

Yeroo isaan daangaa irra gahan humnoonni nageenyaa mootummaa Sa'ud Arabiyaa sakatta'iinsa taasisaniin baqattoota kana yeroo garagaraatti baala sammuu namaa hadochuu waliin qabu jedhan.

Baqattoonni kunniin baala sammuu namaa hadhoochu baachuu isaanituu hin beekani, yoo beekanis dirqamaan itti fe'ani deemsisaniin jedhan.

Sababa kanaan mootummaan Sa'udii lammilee Itoophiyaa yeroo garagaraa baala sammuu namaa hadhoochaniin waliin daangaa biyyattii irratti qabe Magaalaa Naajiraan keessatti hidhuun murtee du'aa itti murteessuu ibsan.

Lammiilee Itoophiyaa 47 murteen du'aa itti murtaa'e keessaa 39 dhalattoota Oromoo ta'uu kan himu hidhamaan OMN dubbise, kanneen keessa nama lama kan maqaan isaani Mohaammad Ahmad Shaqab fi Abdallaa Yuusuf Elemoo jedhaman kan dhalootaan Oromiyaa Bahaa Harargee ta'an irratti murteen darbe gaafa Fulbaana 25 bara 2024 raawwatamuun ajjeefamu isaanii OMN gabaasuun isaa ni yaadatama.

Lammiileen kun erga murtiin kun irratti murtaa'ee yaaddoo qorqalbii hamaa keessa jiraachuu himuun, baala sammuu namaa hadoochu kana dirqamaan osoo hin beekin, dallaalotaan itti kennamee daangaa irratti qabamu himan.

Namoonni gariin qawween sodaachifamanii akka baatanii deeman taasifamuu himuun, jireenya fooyya'aa barbaacha biyyaa baanee yakka du'aan nama adabsiisu keessatti kufnee jedhan.

Namni dhimma kana itti dhiheenyaan hordofu kan OMN dubbise akka jedhutti, Wiixata kaleessaa Caamsaa 19 bara 2025, namoota 36 lubbuun jiran keessaa namoonni lama akka ajjeefaman murteen irratti darbee jira.

Lammiileen kun eega hidhamani waggaa 5 hanga 9 kan ta'an yoo ta'u, murteen du'aa itti murtaa'uun yeroo yeroon ajjeefamaa jiraachuu himani jiru.

Hidhamtoonni kun mootummaan Itoophiyaa, dhaabbileen mirga namoomaaf falmanii fi Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa gidduu seenuun akka furu gaafatani jiru.

Mootummaan Sa'udi Arabiyaa bara 2024 Itoophiyaa dabalatee lammiilee biyya alaa 100 ol irratti murtee du'aa fudhachuun isaa ni yaadatama.

16/05/2025
Dooniin Elektirikiidhaan hojjetuu fi meetira 130 dheeratu ifoome  **************************Awustiraaliyaatti dhaabbanni...
05/05/2025

Dooniin Elektirikiidhaan hojjetuu fi meetira 130 dheeratu ifoome
**************************
Awustiraaliyaatti dhaabbanni Taazmaaniyaa Doonii omishu Doonii Elektirikiidhaan hojjetu kan addunyaa irratti dheerina meetira 130 qabu hojjetame.

Dooniin “Haal 096” jedhamtu kun baatiriiwwan toonii 250 ol ulfaatan kan itti tolfameef yoo ta’u, dandeettii anniisaa meeggaa waattii 40 ol kuusuu qaba jedhamneera.

Dooniin kun laga Pilaat kan Arjantiinaa fi Uraaguwaay daangessu irratti imaltoota hanga 2,100 fi konkolaattota 225 geejjibsiisuu akka danda’u eerameera.
Wanuma aja,ibaa arkaa jirra.

Address

Harar
Hirna
AB

Opening Hours

Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251919873463

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdulle Hassan Abdo page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Abdulle Hassan Abdo page:

Share