25/09/2024
Akkas aabbee👏👏👏👏👏
????
Inni isin uume isin qofaa sirbitan😩
Inni isin waame isin morma achi qabaa darbitan!
✍️
Mee ana moo?
👉nama uumaa isaaf ol-aantummaa hin kenninetu Gowwaadha?
Gadi fageesseen dhugaa isinitti hima ganaa!
Ani nan jaalladha ❤️
Aadaa isaaf
Safuu isaaf
Duudhaa isaaf
Eenyummaa isaaf
Waan narraa eegamu hunda godheen isa gammachiisa!
Kana akka ani hin gooneef amantiin ko nan daangessu!
Garuu amantiin kan lubbuu ta’ee utuu jiruu!
Uummanni ko uumaa waan qabuuf,
Uumaa isaaf akka jilbeeffatu!
Karaa gooftaa Keenya fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraa lubbuu isaatiif akka argatuuf dhimmeen cichoominaan hojjedha!
Kun gowwummaa miti!
Itti aansuun namni abbaa fooniin isa dhalcheefuu kabaja guddaa qaba!
Aayyoo isaaf, Abbaa isaaf akkasumas hiriyyaa isaaf,
Mandara itti dhalate dabalatee sirba ykn weelluu baasaa oola!
Kana hunda keessaa kan dhaabbatee hafu hin jiru!
Hundumtuu akka awwaara bonaa bugugaa’ee baduuf jira!
Maarree akkamitti afaan keessaan keessaa waaqayyo isa hundumaa gararraa jiraatuuf!
Uumaa waaqaa fi lafaaf Sagaleessuu dadhabdan?????
Guyyaa fooniin duutanii lubbuun keessan gara isaa deemtu deebiin keessan maali?
Dhuguma waan itti jirtan kanatti gammachuu qabduuu?
Gabaabumatti dafaati utuu yeroo qabdanii gara Yesuus Kiristoos koottaa!
Inni hangafa qabsaa’aa mirga dhala namaa fi fayyisaa Cubbamootaati!
Waamichi kun kan lubbuuti dafaa maladhaa!
Namni kana dubbiftee gochuudhaan itti gaafatamummaa ke bahadhu!
Daddafee waanan barreesseef dogoggora qubee yoo argitan na offolchaa!
Waan dubbiftaniif galatoomaa🙏
Itti fufee waanan maxxansuuf page kana Dawit Girma Follow godhaa!
link comment jala jiruun deemaa waliif qoodaa!
godhaa!
Galatoomaa!