01/01/2022
Kun ergaa keedha
=====================
✍Lubbuu kee waan hin tanen hin dhiphisin. Sababni isaas akka si darbuuf kan sif barreeffame sin argatu. Akka si argatufimmoo kan sif barreeffame sin dhabuuti.
✍Namni hamaan milkaa'ina isaarra kufaatii nama biraatu isa gammachiisa. Kanaaf namoota akkasii irraa fagaadhu🏃♂🏃♂
✍Waan hunduma amanuudhaf hin ariifatin. Sababni isaas sobni dhugaarra ariifatee gurra si lixaati.
✍Kufuu kee caalaa shakkuu keetu abjuu kee bori dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhu tiradhuu ka'i karakee itti fufi.
✍Yeroo hojechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo Kolfu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu.
✍Sobdee deebitee immoo maqaa waaqatin hin kakatini yakki tokkoyyuu siga'ati.
✍Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaaffi kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'ef.
✍Oduu Kuntaala 1 odeessa oolurra hojii kilo 1 hojjatte yoo agarsiste sif wayya. Kanaaf xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi.
✍Gaarumman ati har'a hojjattu galaa kee borii sif ta'a. Kanaf jallina lafa kaa'ii Wan gaggaarii qofa facaafadhu.
✍Nama hasaa keetif gatii hin kennine jalaa cal jechuun deebii sirridha. Kanaaf nama yeroo baay'ee haasaa keetin barsiisuf dhamaatee garu haasaan kee bu'aa buusuu dide, al-takka takka immoo callisun kee isa barsiisa waan ta'ef caluma jedhi usi.
✍Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatini. sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta wan ta'ef.
👉Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin.
👍Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'etu jiru.
👉Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaf arifattee hin banin. Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata wan ta'ef.
👉Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofadha. Gaafa milka'innike baay'atu hinaaftonnikees lakkoofsan danuudha. kanaaf si dinqin.
✍Gaafa qabeenyaa argattu Uumaakee yaadadhu. Qabeenyi hiyyummaa irra malee Du'arra sin oolchu waan ta'ef.
✍Dandetti kee kan agarsisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffataniti haata'u.
✍Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jallina sirratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi. Isaanirra wayya'u kee itti agarsiisi.
✍Nama gaarii yaaduf gaarii hojjatu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni sidhabummoo jira.
👉Jireenya mataa kee oofuu yoo hin daandenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhisi kankee geggeeffadhu.
🙏Maliif sitti fakkaata daawwitiin konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef,Isa dudduubarra inni fuulduraa waan caalufidha. Atis boriin kee har'af kaleessa kee caalaa waan ta'ef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadacha borii kee fageessi ilaali.
🙏Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofadha. Guyyaan kun Waaqayyo wajjin ni darbama jabaadhu.
==============
30/12/2021
👇👇👇👇👇👇
Barumsa dabalataaf
Youtube👉https://youtu.be/ArfuSkJdFcU
Telegram👉
Tiktok👉
Instagram 👉
SOLDAN Studio tti faaruu keessan qindeessifachuf
👉0920583990
👉0922384530
Adress: Holata