30/01/2023
BEEKTU LAATA?
Kana beektuu laata?
1. Nama tokkoof filannoon yoo dhiyaateef carraan inni filannoo Isa sadaffaa filachuu baay'ee guddaadha.
2.Nama tokko irraa waan barbaadde argachuu yoo barbaadde jalqabarratti waanta ulfaataa ta'e tokko akka siif godhu gaafadhu .Filannoo kee salphisaa gaafa deemtu haala salphaa ta'een filannoo kee Isa salphaa ta'e filata. Fakkeenyaaf ,namni tokko birrii tokko akka siif liqeessu yoo barbaadde birrii dhibba-lama fa'a gaafadhu . Gaafa birrii dhibba lama didu suuta suutaan filannookee gara birrii tokkootti fidi .
3.Guyyoota hojii keessaa guyyaa jalqabaa fi isa dhumaa carraan ati hoggantoota bira waajjira deemtee dhimma kee xumurachuu xiqqaadha. Sababniniis , guyyaa jalqabaa hojii torbaaniitu karoor fama , guyyaa isa dhumaa immoo ni xiinxalama.
4. Namni tokko akka inni si ilaalaa jiru yoo beekuu barbaadde hamuummadhu. Yeroo ati hamuummattu namni si ilaalaa jiru sun ni hamuummata.
5.Namni tokko gaafa dhaabbatee si ilaalu akka sibiraa deemu yoo barbaadde callisii osoo ija irraa hin libsatin kophee isaa ilaali . Yeroo ati callistee kophee isaa ilaaltu ni deema.
6.Bakka namoonni walitti qabamanii jiranitti namni tokko yoo quba abuudduu isaa dhokfate iddoon san hin mijanneef .Saalfachaa Jira jechuudha.
7.Namoota walitti qabamanii jiran keessatti yeroo wanti nama kofolchiisu tokko uumamu namni gara nama baay'ee jaalatuuti ilaala.
8. Namoota waliin yeroo haasoftu miilli isaa garamitti akka garagalee jiru ilaali. Namni haasaankee itti tolee sidhaggeeffachaa jiru miila isaa garakeetti garagalcha.
Itti fufa...........🔑🔑🔑🔑