05/12/2021
Jaalala Teenya Haa Madaallu
© Abu Ibtisam
Sahaabaan tokko gara Ergamaa Rabbii ﷺ dhufee, “Yaa Ergamaa Rabbii Saa’aan sun (Qiyaamaan) yoom dhaabbatti?” jedhee gaafate. Nabiinis ﷺ “Maal qopheeffattee jirta?” jedhanii gaafiidhaan deebisaa kennaniif. Innis deebisee, “An wanti heddus qopheesse hin jiru. Salaata, soomanaa fi sadaqaanis hagas hunda guddaa miti. Garuu Rabbii fi Ergamaa isaa nin jaaladha” jedhee deebise. Ergamaan Rabbiitis ﷺ, “Ati warra jaalattu wajjiin taata” jedhaniin.
Sahiih Bukhaarii, Kitaaba Adabaa, Hadiisa 6171
Hadiisa biraa keessatti ammoo Namni tokko mu’mina dhugaa jedhamuudhaaf Abbaa, haadha, ilmaan, qabeenyaa fi waan hunda caalaa Ergamaa Rabbii ﷺ jaalachu akka qabnu ibsamee jira. Kanaafuu nutis waan dachii kanarra jiru hunda caala, Nabii keenya jaalachuu qabna.
Akka carraa ta’ee, yeroo ammaa kana jaalalli nuti Ergamaa Rabbiif qabnu jaalala biraatiin ukkaamfamaa jira fakkaata. Kun ammoo nu yaachisuu qaba. Dargaggoonni keenya hedduun isaanii karaa namoota islaamummaan ala jiranii filachuu jalqabanii jiran. Gam tokkoon gara Masjiidaa dhufuun dargaggoota keenyaa yoo nam gammachiisu, garuu akkaataan uffannaa, akkaataan rifeensa itti muratan, akkaataan dubbii isaaniitii fi kanneen biroo ammoo namoota biroo waliin wal fakkaachuun isaa daran nama yaaddeessa. Kanaafuu haga danda’ameen, Yoo Nabii keenya ni jaalanna jennee kan dubbannu taate, Moodeela isaan godhachuu qabna.
Nabi Muhammadiin jaalachuu jechuun Rabbii isaan erge jaalachuu jechuudha. Rabbiin jaalachuun ammoo amantii isaa fi hordoftoota amantii isanii akka jaalannu nu taasisa. Mee waanuma hundaafuu jaalala Rabbiif, Ergamaa isaatiif, akkasumas islaamummaf qabnu waan tanaan haa madaallu
• Yeroo Azaanni Masjiidaa godhamu, waan dalagaa jirru hunda dhaabnaa? Facebook, whatsapp… cufnaa? TV fi waan dhaggeeffataa jirru cufnaa? Akkuma azaanni godhameen gara masjiidaa deemnaa?
• Haalli amma itti jirru (Uffannaan, deemsi, dubbiin, wanti jaalannuu fi jibbinu), Waan ergamaan Rabbii ﷺ nu ajajaniin wal fa