14/05/2022
Namoota rakkoon itti hammaateef abdii kutanii, obsa jibbanii, kaayyoo fi carraa ofii abaaranii waan gochuu danda'an gochuu dadhabanii otoo baachuu danda'anii ba'aa ta'anii otoo dandeettii qabanii dandeettiin isaanii bu'aa buusuuf dadhabbii hanga yaadanii ol gaafa gaafatu deemsa isaanii kaleessatti gaabbanii fuulduraatti deemuu nuffanii jireenya jibbisiisaa jiraatan meeqa laata?
Faallaa kanaa immoo
Gaafa rakkoon irra gahe dhaabbatee rakkoo ofii yaadachuuf yaalee hanqina isaa fooyyeffatee ammas irra deebi'ee ammas irra deddeebi'ee yaalee nuffii nuffisiisee abdii kutannaa garaa mursiisee wareegama lubbuu irra darbu itti baasee otoo dukkanaa'uu abdii itti ibsatee,otoo rakkatuu obsa kudhaammatee irra deddeebi'ee gatii baasuu otoo hinjiille abjuu isaa dhugoomsee kaayyoo ofii kan galmaan gahe hoo?
Jireenyi bu'aa ba'iin faayamtee boqonnaa nama dhoowwitus galmi kaayyoo fagaatee yeroo heddu rakkoon marmaartee abdii namaa gaggabsitus nama obsa kudhaammatee qubeellaa kaayyoo keewwatee waadaa kaayyoof amanameef guyyaan jira! Kanaaf immoo Abdiin Koo ragaa kooti
Rakkinni hammaate jettee
Abdii kee hin maseensinee
Imala kaayyoo gattee
Rakkootti rakkoo hin dheessinee
Qubeellaa rakkoo baattee
Waadaa rakkoo hin haaromsinee
Si hin jilbeeffachiifne
Hammeenyi haalotaa
Si hin jilbeeffachiisus
Hundumaa ni moota
π