06/01/2023
Yaadannoo Tulluu Bifleewwanii (Alii Mohaammad Muusaa)
Yuunivarsiitii Jimmaa, Muddee 16/2015.
************
Yuunivarsiitiin Jimmaa bara dhufu irraa eegalee barattootaaf carraa barnoota tolaa (scholarship) barnoota Muuziqaa maqaa Artistii Alii Biirraatiin akka kennu murteessuu pirezdaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa beeksisaniiru.
Pirezdaantii Yuunivarsiitii Jimmaa, Dr. Jamaal Abbaafiixaa kana kan beeksisan sagantaa "Tulluu Bifleewwanii: Dr.kabajaa Artiist Alii Birraa", jedhuun yaadannoo, galatafi kabaja hojiilee Dr. Alii Birraatiif qophaa'errattidha.
Dr. Jamaal Abbaafiixaa, Artist Alii Birraa badhaasoota kabajaa bara jireenya isaanii biyya keessaa fi biyya alaa irraa argatan sassaabamee Yuunivarsiitii Jimmaatti kabajaan akka kaa’amu fedhii guddaa qabaachuu ibsaniiru. Dr. Artist Alii Birraan artistii idil-addunyaati kan biyya tokkoo yookin kan naannoo tokkoo miti jechuun gumaacha Aliin Muuziqaa Addunyaa keessatti qabu eeraniiru.
Keessummaan kabajaa sagantichaa fi haati warraa Dr.kabajaa,Artist Alii Birraa, Aadde Liillii Maarqoos, "miira keessa akkan hin seenne yaaleen ture, garuu dhiibbaa waltajjii dandamachuu hin dandeenye" jedhanii, "Yuunivarsiitiin Jimmaa qe'ee Aliiti, miseensonni Mana Barumsaa Muuziqaa Alii Birraa immoo ijoollee Alii ta'uu keessan agarsiiftaniittu " jedhan. Yuunivarsiitiin Jimmaa sagantaa kana fakkaatu qopheessuufi maqaa isaatiin carraa barnootaa kennuun keessan Aliin akka bara baraan yaadatamus gumaacha guddaa qaba jedhaniiru.
Ogeessi muuziqaa Obbo Sertse Firesibahat barruu isaa mata duree hundagaleessummaa hojii aartii Itoophiyaa karaa Alii Birraan saaqeen jedhuun hojiilee Dr.Artiist Alii Birraa irratti haasawa tasisaaniiru. Aliin dhuunfaan nama baay'ee guutuu ta'e, nama hundaaf ifa ta'e, ogummaa isaatiin qindeessitoota mara kan injifate, muuziqaan isaas lammilee biyya alaafillee kan mijatu ta'uu akeekee. Itti dabaluudhaanis, hojiiwwan Artiist Alii Birraa qorannoon irratti geggeeffamuu fi woltajjii guguddoo irratti dhiyaachuu qaba jedhe.