Abba Biyyaa

07/12/2025

Jimaan kemikaala sammuu si'eessu of keessaa qaba malee sammuu nama hin hadoochu! Jimaa caalaa wantoonni dhaloota kana miidhaa jiran baay’etu jira waan ta'eef dursa santu gorfamuu qaba ture malee ammatti dhimmi jimaa ajandaa ta'uu hin qabu. Hundaafuu jimaafii bunni kemekaala wal fakkaataa of keessaa qaban. Wanni bu'aa qabu hundi miidhas ni qaba! Oduma miidhaa qabaatellee miidhaa jimaan fidaa jiru balleessudha moo jireenya hawaasa miliyoona 20 olii kan jimarratti hundaa'uu san balleessutu bu'aa qaba? Fiiguu dura gara fiigan laallatuun gaaridha!

23/12/2024

Inglilaanditti ragaan daa'imman haaraa dhalatani fi maqaan moggafame bara baraan ifooma.
Bara 2023 keessa maqaan jaalatamaa ta'ee ijoollee hedduuf bahe Muhaammed kan jedhu ta'eera.

14/12/2024

Har'a galgala hiriyyaa kiyya kan ijollummaa irraa horofa laaqaa,bishaan daakhaa wajiin guddanne tokko dubbise ture
Hanga kutaa 4 waliin baranne dhiisee ana jala hafe
Gara biyya Ormaatti godaane
Ani ani barnoota kiyyaa hanga kolleejjiti bardheen amma hojjeetaa mootummaati
Gaaliin hiriyyaan kiyya kan hin baratin ittiin miindeeffamee harka 20 ykn dachaa 20n kiyya caala
Yeroon waan tokko tokko ilaalu itopia keessaati barachuu caalaa biyya ormaati godaanu wayya lubbuun ana jette!!

Gochi Cundhuraa kun gantummaa ykn tooftaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti fudhatame kan agarsiisu fakkaata. Moot...
28/11/2024

Gochi Cundhuraa kun gantummaa ykn tooftaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti fudhatame kan agarsiisu fakkaata. Mootummaa Naannoo Amaaraaf birrii miliyoona 100 kenne kan ture Cundhuuradha., Cundhuraan naannicharraa ABO-WBO balleessuuf abjoota ture garuu Milkii isaa hin jiru malee. Murteen Cundhuraa Faannoo gargaaruu WBO balleessuu ture.Har’allee Faannoodhaan Shororkeessaa hin jennee beekaa.-gocha jeequmsaa raawwachuun himatame- cinaa dhaabbachuu murteessuunsaa waldhabdee sabaafi siyaasaa adda addaa Itoophiyaa keessatti uumame hammeessee ta'uu himu garuu ammallee WBO dhaan shororkeessaa jedhaan malee faannoo dhaan hin jenne . Bo’ichi Cundhuuraa dhiigaatti akka jijjiramuu hin shakku!

Oduu Gaddaa 😭Bulchaan Godina Saba Oromoo Walloo Obbo Ahmed Alii qaamoota hin beekamneen ajj_eefame.Bulchaan Godina Saba ...
05/07/2024

Oduu Gaddaa 😭
Bulchaan Godina Saba Oromoo Walloo Obbo Ahmed Alii qaamoota hin beekamneen ajj_eefame.

Bulchaan Godina Saba Oromoo Walloo Salaata juma'aa solaatanii osoo galaa jiranii karaa irratti qaamoota hin beekamneen erga rukutamanii booda hospitala magaalaa kamisee galfamanis lubbuun isaanii olchuun hin danda'amne.

Rabbiin Lubbuu isaanii jannataal firdoosiin isaan haaqananiisu firaafii aantee isaanii akkasumas jallattoota isaanii fii ummata Oromoo Walloo maraaf rabbiin jajjabina haa kennu. 🤲😭😭

Harmee to si faarsu mitiWahe ke dubbachuf jechaatu na hanqateeOfi dukkanaa daakte Ana biyyaaf ibsiteeAkkan namummaa guut...
16/07/2022

Harmee to si faarsu miti
Wahe ke dubbachuf jechaatu na hanqatee
Ofi dukkanaa daakte
Ana biyyaaf ibsitee
Akkan namummaa guutuuf
Riqicha of taasiftee
Qoraan dudda battee
An qaraasifte.
Guyyaa borii ilaaltee
Arra cininnattee obsaan
Sammuu kiyya jaarte
Na gad baafte gorsaan.
Akkan dudda keetirraa
Ani fuudhu ba'aa
Guyyaa arra geesse
Waa hunda danda'aa.
Arra kinoo siittu
As gahe caccabaa
Ilmi kan kee kinoo
Mataa ol si qabaa.
Bakka guddaa geessa
Tasa murin abdii
Jireenyi,lafarraa
Waa hedduudha qabdii.
Jattee na onnachiifta
Kalee fi arrallee
Eebbi keeti harmee
Hubadhu yoomillee.

05/06/2022

JAWAR MOHAMMED❤

23/04/2022
Abiy Ahimad duula Oromiyaa olaantummaan akka hooggananiif Qondaalota waraanaa sadii muuduun dhagahame.Ministirri muummee...
13/04/2022

Abiy Ahimad duula Oromiyaa olaantummaan akka hooggananiif Qondaalota waraanaa sadii muuduun dhagahame.

Ministirri muummee Abiy Ahimad duula Oromiyaa irratti labsameef humna waloo bobbaafame olaantummaan akka hoogganan hooggantoota waraanaa sadii ramaduun ibsame.

Odeeffannoon keessoo mootummaatii OMN dhaqqabe akka mul’isutti, ministira muummichaan itti gaafatamummaan kan itti kenname: Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Lieutenant Jeneraal Getaachaw Guddinaa fi Lieutenant Jeneraal Yilmaa Mardaasaati.

Fiild Maarshaal Birhaanuun humna waloo akka qindeessan, Lieutenant Jeneraal Getaachaw Guddinaa immoo humna lafoo akka qindeessan qajeelfamni itti kennamuu maddeen keenya himan.

Address

Harar
Kombolcha

Telephone

+251983139321

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abba Biyyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Abba Biyyaa:

Share