25/06/2024
Oduu Hidhaa:- Harargee Bahaa, Baabbilee.
Waxabajjii 24,2024 (17/10/2016)
==============================
Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, Giddugala Bahaa, Wiirtuu Harargee Bahaa, Galma Baabbilee irraa Waaqeffattoonni torbaatamii sagal (79) hoggantoota dabalatee Jimaata dabre Gaafa Guyyaa 21/06/2024 (14/10/2016) qaama nageenyaa Magaalaa Baabbileetiin Galma Baabbilee irraa fuudhamanii to'ataman. Namoota gaaffiif dhaqanis nama sadi/3/ itti dabaluun walumatti namoota saddeettamii lama /82/ fi kormi sagantaa kanaaf qophaa'ee tures qabamuun hanga ammaatti Waajjira Poolisii Aanaa Baabbileetti argama.
Waaqeffattoonni qaama nageenyaatiin qabamanii hidhaman kunneen Walgahii Mana Maree Walakkeessa Waggaa Wiirtuu Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Harargee Bahaa geggeessuuf walgahan, koreelee hoggansa Giddugala Bahaa, Hoggansa Wiirtuu Harargee Bahaa fi Konyaalee akkasumas koreelee fi miseensota Galma Baabbileeti.
Tarreen maqaa hoggantootaa fi miseensota Walgayii Mana Maree Wiirtuu Harargee Bahaa kana irraa qabamanii hidhaman kan armaan gadiiti.
1. Shanoo Hawaas Cuqqaalaa~Hogganaa Giddugala Bahaa
2. Taajii M/Amiin Aliyyii~Hogganaa Wiirtuu Harargee Bahaa
3. Taarikuu Dassaaleny Madinee~Itti Aanaa Hogganaa Harargee Bahaa
4. Kumsaa Xurunaa~Barreessaa Wiirtuu Harargee Bahaa
5. Shallamaa Tulluu Bokii~Itti Aanaa Barreessaa Wiirtuu Harargee Bahaa
6. Daraaraa Gulummaa~Hoj-Geggeessaa Bulchiinsa Faayinaansii,Qabeenyaa fi Bittaa Wiirtuu Harargee Bahaa
7. Shifarraa Gooroo Gammadaa~Geggeessaa Faayinaansii Wiirtuu Harargee Bahaa
8. Girmaa Tashoomaa~ Qabaa Mallaqaa Wiirtuu Harargee Bahaa
9. Bariisoo Asheetee Galataa~Hoj-Geggeessaa Odiitii fi To'annoo WWiirtuu Harargee Bahaa
10. Shallamaa Margaa Baallamii~Itti Aanaa Odiitii fi To'annoo Wiirtuu Harargee Bahaa
11. Qalbeessaa Fiqaaduu Baallamii~Itti Aanaa Barreessaa Odiitii fi To'annoo Wiirtuu Harargee Bahaa
12. Araddaa Baarrakaa~Hoj-Geggeessaa Kutaa Of danda'uu Wiirtuu HHarargee Bahaa
13. Olaanaa Bultoo~Itti Aanaa Hoj-Geggeessaa Kutaa Of danda'uu Wiirtuu Harargee Bahaa
14. Moosisaa Taayyee Qaroo~Barreessaa Kutaa OOdeeffannoo Qunnamtii Wiirtuu Harargee Bahaa
15. Maabraatuu Asaffaa~Itti Aanaa Barreessaa Kutaa Odeeffannoo fi Qunnamtii Wiirtuu Harargee Bahaa
16. Abdataa Boggaalaa Nagaraa~Hoogganaa Konyaa Haramaayaa
17.Diinaa'ol Tolasaa Boggaalaa~Itti Aanaa Barreessaa Konyaa Haramaayaa
18. Jorroo Gaarii Birruu~Hoj-Geggeessaa Bulchiinsa Faayinaansii,Qabeenyaa fi Bittaa Konyaa Haramaayaa
19. Guutaa Fayyee~Bitaa Meeshaa Konyaa Haramaayaa
20. Damee Bashaadaa~ Barreessaa Kutaa Of-danda'uu Konyaa Haramaayaa
21. Raajii Badhaadhaa~Hoogganaa Konyaa Oborraa
22. Shallamaa Suyyumee Dassee~Itti Aanaa Barreessaa Konyaa Oborraa
23. Abdataa Baay'isaa~Qabaa Maallaqaa Konyaa Oborraa
24. Gaddafaa Tashoomaa Gaarii~Hoj-Geggeessaa Kutaa Barnootaa Galma Bokkuu
25. Ofta'aa Kabbabaa~Qabaa Mallaqaa Galma Malkaa Baatee.
Koreelee 25 Waajjira Poolisiitti fi Waaqeffattoota 54 immoo Kaampii Waraanaatti akkasumas namoota gaaffiif dhaqan 3, walumatti namoota 82 hanga guyyaa har'aatti hidhaa jiru. Ammas namoota Galma dhaqan akka Waaqeffannaan hin geggeeffamneef waraanaan Galmatti doorsisni irra gahaa jira.
Kanaafuu qaamni dhimmi ilaallatu Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa jaarmayaa amantii kan beekamtii qaama seerummaa qabuu fi adeemsa seera biyyaa kabajee sosso'u ta'uun hubatamee, mirgi amantichaatis eegamee, hoggantoonni fi Waaqeffattootni to'ataman kun akka gadi lakkifamuun hojiin idilee Galmaatis itti fufu cimsinee gaafanna.
Barri roobaa-nagaa,
Gadaan quufaa-gabbina nuuf haa ta'u!