Lelisa diriba

Lelisa diriba Adamaa

Iskeeliin mindaa hojjettoota mootummaa haaraan ifoomeFinfinnee, Fulbaana 22, 2018  Iskeeliin mindaa hojjettoota mootumma...
02/10/2025

Iskeeliin mindaa hojjettoota mootummaa haaraan ifoome

Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 Iskeeliin mindaa hojjettoota mootummaa inni haaraan ifoomeera.

Komiishinarri Komiishinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Haayilee Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, fooya'iinsi miindaa kun baatii Fulbaanaa 2018 kana irraa eegalee hojiirra oola.

Komiishiniin Siivil Sarvisii kan ifoomse Iskeelichi akka itti aanutti dhiyaateera.

02/10/2025
Qabxii Ol'aanaa Sadarkaa biyya teenyaatti qabxii ol'aanaa 591 dhibbarraa kan galmeeyse barataa Khaalid Bashiir naannoo O...
14/09/2025

Qabxii Ol'aanaa

Sadarkaa biyya teenyaatti qabxii ol'aanaa 591 dhibbarraa kan galmeeyse barataa Khaalid Bashiir naannoo Oromiyaa mana barumsa Ifa boruu dodolaa irraa.

Goota barnootaa, Fakkeenya dhalootaa maqaa Oromiyaafi biyyaas waamsise.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Ammas Oduu Gaarii!= = = = =Mootummaan rakkoo hojjettootaa miindaa fooyyessuun qofa otoo hin taane filmaatawwan biroo kan...
19/08/2025

Ammas Oduu Gaarii!
= = = = =
Mootummaan rakkoo hojjettootaa miindaa fooyyessuun qofa otoo hin taane filmaatawwan biroo kanneen akka mana jireenyaafi yaala bilisaa (Inshuraansii fayyaa) dabalee kanneen biroo irratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibsame.

Rakkoo hojjettootaa mindaa fooyyessuun qofa kan hiikamu waan hintaaneef fuulduratti dhiyeessii manaafi uwwisa inshuraansii fayyaa dabalatee furmaatawwan adda addaa akka fudhataman Komishiniin Siivil Sarvisii Federaalaa beeksise. Kana malees filmaatawwan birootiinis furuuf yaadamaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan haala kaffaltii gadaanaa hojjetaa mootummaa barootarraa gangalachaa dhufeefi dhiibbaa jireenyaa walqabatee dhufe fooyyessa mindaa yeroo tokkon taasifamuun furuu akka hindandeenye nihubata kan jedhe ibsi komishinicha, kun akka jirutti ta’ee mootummaan boqonnaa badhaadhinaa Itoophiyaa hunda keessatti lammiileen hundi fayyadamaa ta’uu qabu jedhee amana.

Kana waan ta’eef, mootummaan fooyya’iinsota taasifaman biroo dabalataan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjetaa mootummaaf fooyyessa mindaa taasisuu, akkasumas Siivil Sarvisiin alatti hojjettoota mootummaa dameelee addaddaarratti bobba’aniif fooyyessi mindaa akka taasifamu eeree; sirreeffamni mindaa kun bajata dabalataa qarshii biliyoona 160 gaafachuusaa ibseera.

Fulbunaa booda oduu gammachuu hedduutu jira!

Daballiin mindaa hojjettoota mootummaa miiliyoona 3.3 oliif baatii Fulbaanaa irraa eegalee hojiirra oola‎‎AMN PLUS-Hagay...
18/08/2025

Daballiin mindaa hojjettoota mootummaa miiliyoona 3.3 oliif baatii Fulbaanaa irraa eegalee hojiirra oola

‎AMN PLUS-Hagayya 12/2017

‎Daballiin miindaa hojjettoota mootummaa Bara 2018'tti Baatii Fulbaanaa irraa eegalee hojiirra akka oolu himameera.

‎Ministeerri Maallaqaa Riifoormii Tajaajila Mootummaa fi Bulchiinsa Pablik Sarvisii guutummaatti hojiirra oolchuu isaatiin Komishinii Siivil Sarviisiitiin beekamtii argateera.

‎Sirna beekamtii kennuu kanarratti haasawa kan taasisan Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shideen, riifoormiin gama hedduun mootummaan waggoota muraasa darban hojiirra oolche bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan.

‎Keessattuu, haaromsi dinagdee gooroo bal’aan galii sharafa alaa guddisuu fi kaka'umsa dinagdee uumuun keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

‎Mootummaan safartuun sharafa alaa gabaan akka murtaa’u, keessumaa namoota miindaa gadi aanaa qabaniif tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuusaas yaadachiisaniiru.

‎Mootummaan rakkoo namoota miindaa dhaabbataa argatan salphisuuf ejjennoo jabaa ta’een hojjechaa akka jiru hubachiisaniiruun fooyya'insi miindaa Fulbaana irraa eegalee hojiirra ooluuf jiru akka ragaa ta’e himameera.

‎Komishinarri Komishinii Siivil Sarvisii Makuriyaa Haayilee (Dr.) gurmaa'insaa fi hojii dhaabbilee mootummaa ammayyeessuun, bulchiinsaa fi misooma humna namaa ogummaa fi ga’umsa qabu diriirsuun tajaajila ga’umsaa fi bu'a qabeessa ta'e ummataaf kennuudhaaf riifoormiin adda addaa taasifamaa akka jiru ibsan.

‎Riifoormiin kun Ministeera Maallaqaa dabalatee dhaabbilee saddeet keessatti sadarkaa sadarkaan hojiirra oolaa akka tures yaadachiisaniiru.

‎Dhaabbileekanneen keessaa Ministeerri Maallaqaa hojiilee qophii adda addaa xumuruun guyyaa har’aa irraa eegalee gara hojiirra oolmaa guutuutti seenuusaa dinqisiifataniiru.

‎Ministeerichi adeemsa raawwii keessatti raawwii fooyya’aa galmeessisuun namoota biroof fakkeenya ta’uu akka qabu akeekaniiru.

‎Mindaa hojjettoota mootummaa Miiliyoona 3.3 ol fooyyessuuf Birrii b

31/07/2025

ULFAADHU WAAQA KOO
GOOD IS GOD

23/06/2025

Qajeelfama Soorama Hojjettoota Mootummaa Itiyoophiyaa

1️⃣ Soramaaf Galmaa'uu

Hojjetaan mootummaa kamiyyuu, guyyaa hojii eegale irraa kaasee guyyoota 60 keessatti Ejensii Wabii Hawaasummaa keessatti sooramaaf galmaa'uu qaba.

2️⃣ Hirmaannaa Gumaacha Sooramaa:

%7 hojjetaa irraa,

%11 mootummaa irraa

=> Waliigala = %18

Poolisii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa:

%7 hojjetaa irraa,

%25 mootummaa irraa

=> Waliigalaan = %32

3️⃣ Sababoota Soorama Baasu:

— Yeroo umurii waggaa 60 guute

— Rakkoo fayyaa cimaa qabachuun hojii yoo dhaabu

— Miidhaan qaamaa hojiirratti isa qaqqabe

— Du'a

— Yoo umurii waggaa 55 guutee fi tajaajila waggaa 25 ol qabaate (fedhii isaatiin soorama bahuu danda'a)

4️⃣ Sorama Bakka Bu’aadhan Kaffalamu:

— Sababa dulloomaa

— Sababa dhukkuba cimaa

— Du’a

5️⃣ Soorama Duubatti Hafe (Kan Yeroo Darbeef Hin Kaffalamu)

— Yoo gaafii sooramaa dhiyaachuu baate, yookiin soorama isaaf murtaa’e osoo hin fudhatin waggaa 3 oliif turame, soorama sun hin kaffalamu.
👉 Garuu, guyyaa gaafii dhiyeesse irraa eegalee kaffaltiin ni eegalama.

— Erga soorama gaafateen booda waggaa sadii guutuu osoo hin fudhatin yoo ture, soorama isaa cufamee kaffaltii jalaa haqama (hin kaffalamu).

6️⃣ Shallaggii Soorama Yeroo Umuriin Waggaa 60 Guutu

Yeroo hojjetaan mootummaa umuriin isaa waggaa 60 guutu, mindaan soorama akkasitti shallagama:

Waggaa 10 jalqabaa = %30

Kan waggaa 10 olii = tokkoon tokkoon waggaatti %1.25

Fakkeenya: Tajaajila waggaa 27 yoo qabaate:

Waggaa 10 jalqabaa = 30%

Waggaa 17 × 1.25 = 21.25%

=>Waliigala = 51.25%

Yoo mindaan waggoota sadii gara dhumaa Birrii 6,000 ta’e:

51.25% × 6,000 = Birrii 3,075

👉 Kana jechuun, Birrii 3,075 ji’aan soorama argata jechuu dha.

7️⃣ Hojjetaan Mootummaa Tokko Fedhii Isaatiin Soorama Bahuu kan Danda’u:

— Umuriin isaa waggaa 55 yoo guute, fi

— Tajaajila waggaa 25 fi isaa ol yoo qabaate, fedhii mataa isaatiin soorama bahuu ni danda’a.

⚠️ (Kan Poolisii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa kanarraan adda)

8️⃣ Hojjetaan Soorama O

22/06/2025

Oromiyaan Kubbaa Kaachoon waancaaf, kubbaa Miilaan ammoo walakkaa xumuraaf darbe

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017 (FMC) – Tapha guutuu Ityoophiyaa 6ffaan Oromiyaan dorgommii Kubbaa Kaachoo dhiiraan waancaaf, kubbaa Miilaan ammoo walakkaa xumuraaf darbeera.

Tapha Guutuu Itiyoophiyaa 6ffaa Kubbaa Miilaan dhiiraan gareen Oromiyaa, Gaambeellaa, Sidaamaa fi Kibbi Lixaa Itiyoophiyaa walakkaa Xumuraaf darbaniiru .

Tapha kubbaa kachoo dhiiraan ammoo Naannoon Oromiyaa 66 fi 50n Tigiraay injifachuun waancaaf darbeera.

Dorgommii tapha guutuu Itiyoophiyaa 6ffaa hanga har'aatti dorgomameen Oromiyaan meedaaliyaa warqee 71 fudhachuun dursaa jira.

Finfinneen meedaaliyaa warqee 59n sadarkaa 2ffaa fi naannoon Amaaraa meedaaliyaa warqee 35 fudhachuun 3ffaadha.

Luq. 21¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯²⁰ "Yesus itti fufee, "Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan garuu, diigamuun ishee akka...
17/06/2025

Luq. 21
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁰ "Yesus itti fufee, "Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan garuu, diigamuun ishee akka dhi'aate beekaa.
²¹ Yommus Yihudaa kan jiran gara gaarotaatti haa baqatan, mandarattii keessa kan jiranis ba'anii haa adeeman, biyya keessa kan jiranis mandarattiitti ol hin galin.
²² Guyyoonni kun 'Guyyoota adabaa ti'o', kan caafame hundinuu haa raawwatamuuf.
²³ Garuu guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif wayyoo! Gidiraan jabaan biyyicha irratti, dheekkamsis saba kana irratti in dhufa.
²⁴ Kaan qara billaatiin in du'u, kaan immoo biyya hundumaatti in booji'amu; Yerusaalemis saba Waaqayyoo warra hin ta'iniin irra in ejjetamti, kunis hamma barri, warra saba Waaqayyoo hin ta'initti kenname raawwatamutti" jedhe. Elias West

Address

Gerba Guracha
Nazareth
14

Telephone

+251935538010

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Lelisa diriba posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Lelisa diriba:

Share