Zeynuddin abdusamed

Zeynuddin abdusamed Business

14/10/2025
Jartii jabduu yoo mana kesssa qabatte riizqiin sii barbaadi yoo halkani fi guyya walumaa cinqaa ooltaan riizqiin nama dh...
04/11/2024

Jartii jabduu yoo mana kesssa qabatte riizqiin sii barbaadi yoo halkani fi guyya walumaa cinqaa ooltaan riizqiin nama dheysiita jartiii jalloo rabbi isiiniraa haa qabuu qaceltuun waliiti isiin haa qabu

Faayidaalee Qullubbii Adii:1. Dhibee biroonkaayitii cimaa ni fayyisa2. Dhibee asmiif3. Dhibee gogaa qaama keenyaaf4. Dhi...
13/10/2024

Faayidaalee Qullubbii Adii:

1. Dhibee biroonkaayitii cimaa ni fayyisa
2. Dhibee asmiif
3. Dhibee gogaa qaama keenyaaf
4. Dhibee mar'ummaan keenyaaf
5. Dhibee dhiitoo fi dhullaaf
6. Dhibee kintaarootiif
7. Dhibee buusaa qaamaaf
8. Madaa ni qoorsa
9. Dhabiinsa hirribaa ni hir'isa
10. Qaamni keenya dhibee akka dandamatuuf
11. Miira dhukkubbii ilkaanii ni hir'isa
12. Dhibee shukkaaraa ni salphisa
13. Fedhiin nyaata keenyaa akka banamuuf ni gargaara
14. Itita dhiigaa ni hambisa
15. Dafanii dulloomuu ni hir'isa

16. Raammoo garaa keessaaf ni fayyada
17. Qufaa daa'immanii adda hin citne ni fayyisa
18. Nyaatni akka daakamu taasisa
19. Babal'ina Kaanserii Piroostireetii ni dhorka
20. Kaanserii harmaa fi buubbuu (a**s) ni dhowwa
21. Kaanserii hadhooftuu ni dhorka
22. Tatamsa'ina kaanserii kooleenii jedhamu ni dhowwa
23. Seelii (Metabolism) ni dadammaqsa
24. Dhibee Saal-qunnamtii (Trichomoniasis) ni fayyisa
25. Madaa malaa makate ni fayyisa
26. Dhibee sombaa(TB) ni yaala
27. Dhibeewwan hargansuu waliin wal qabatan ni fayyisa
28. Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa
29. Hamma koolestroolii ni to'ata
30. Dhibee ujummoo dhiigaa dhiphisu(Itirooskiliiroosis) ni faccisa
31. Dhibee ijaa kaataaraaktii sababa umriin dhufu ni fayyisa.

https://t.me/wiirtuwallansazeynuddinabdusamed

Kutaa 2ffa itti fufaaQoricha Cetirizine fudhachuun durati maali godhuu qabna?✍Namoonni alarjii qoricha Cetirizine qabu q...
13/10/2024

Kutaa 2ffa itti fufaa
Qoricha Cetirizine fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍Namoonni alarjii qoricha Cetirizine qabu qoricha kana gonkuma fayyadamuu hin
qabuu.
✍Qoricha kana yaalaaf fudhachuun durati yoo rakkoo fayyaa kan akka dhibee
kalee,dhibee tiruu fi kkf qabaanne ykn qabaachaa turre ogeessa fayyaatiif himnu malee
qoricha kana fayyadamuu hin qabnuu.
✍Namoonni guyya guyyaan qorichoota biroo kan akka....
* Qorichoota rakkoo fayyaa qabbanaa fi alarjii.
* Qorichoota rakkoo fayyaa dhukkubbii kan hadoochaaf gargaaru.
* Qorichoota rakkoo fayyaa hirriibaa.
* Qorichoota rakkoo fayyaa gaggabdoo.
* Qorichoota rakkoo fayyaa dhiphinaa fi yaaddoo.
* Qorichoota rakkoo maashaalee qaamaa fi kkf yaaluuf gargaaru fayyadamu
qoricha Cetirizine waliin walirra buusnee yaalaaf fayyadamuu hin qabnuu sababni isaa
qoricha kana waliin fayyadamuun hirriiba dhabuuf nu saaxiluu wan danda'uuf.
✍Qorichi Cetirizine dandeettii yaaduu sammuu hir'isuu wan maluuf qoricha kana yeroofayyadamne hojiilee akka konkolaataa konkolaachisuu,hojiilee ciccimoo fi kkf of
eeggannoon hoojjachuu qabnaa.
✍Yeroo qoricha Cetirizine yaalaaf fudhachaa jirruti alcoolii fayyadamuu irraa fagaachuuqabna,waliin yoo fayyadamnee miidhaa qorichi kun geessisuu malu cimsuu wan
danda'uuf.
✍Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu qoricha kana fudhachuun daa'ima ishii
miidhuu danda'aa jedhamee wanti abdatamu hin jiru ta'ullee garuu ogeessa fayyaa
Haati hoosiftu qoricha kana yeroo yaalaaf fudhatu qorichi kun gara harma
haadhaatiin daa'ima ishii bira ga'uu wan danda'uuf qoricha kana fayyadamuu hin
qabduu.
✍Qoricha kana namoota ga'eessa ta'anii fi daa'immanii umriin isaanii ji'a 6 ta'an fi kansaani olii mallatoolee alarjii add addaa yaaluuf fayyadamuu ni danda'u.
✍Qoricha kana iddoo hoo'a fi jiidhaa irraa fageeysinee tempireechara dareetti kuusuu
qabna.

KUTAA 3FFA INSHA ALLAH ITTI FUFAA
https://t.me/wiirtuwallansazeynuddinabdusamed

Abbaa manaa kan yeroo Gara hojii deemu ija tee Si dhungatee gurra kee Si fuunfatee akka daa'imaa Sossobee niin dhufaa na...
11/10/2024

Abbaa manaa kan yeroo Gara hojii deemu ija tee Si dhungatee gurra kee Si fuunfatee akka daa'imaa Sossobee niin dhufaa na Eegi jedhee of jalaa si Hanbisu Rabbiin isin hundaf Haa kannu yaa shamrn Keenya

Haadha manaa tan yeroo Ati gara manaa galtu Gama kee fiigdee qoma kee irratti utaaltee sitti maramtee morma kee Keessa s...
10/10/2024

Haadha manaa tan yeroo Ati gara manaa galtu Gama kee fiigdee qoma kee irratti utaaltee sitti maramtee morma kee Keessa si dhungattu Rabbi Siif haa kannu

Jaartii gaarii Quraana Rabbii wajjiin qaraatu, tan salaata shanan yeroo irratti salaattu, tan halkan walakkaa hirriibaa ...
10/10/2024

Jaartii gaarii Quraana Rabbii wajjiin qaraatu, tan salaata shanan yeroo irratti salaattu, tan halkan walakkaa hirriibaa sikaaftee Leeylii wajjiin salaattu, tan Yoo ati mufatte daftee dhiifama sigaafattu, Akka walii galaatti tan ati jaalatte osoon tahin tan Rabbi jaalatu Rabbi siif haa kennu!

WAA'EE QORICHA CETIRIZINE 10mg~~~~~~~~~~~~\\~~~~~~~~~~~~⃣.Qorichi cetirizine maali?✍Cetirizine~jechuun qoricha farra his...
09/10/2024

WAA'EE QORICHA CETIRIZINE 10mg
~~~~~~~~~~~~\\~~~~~~~~~~~~
⃣.Qorichi cetirizine maali?
✍Cetirizine~jechuun qoricha farra histaaminii jenereeshiinii(dhaloota) lammaffaa ta'eekan dhiibbaa keemikaala histaaminiitiin qaama keessaati uumamu hir'isuuf
gargaarudha.
⃣.Qoricha Cetirizine maalif fayyadamna?
✍Mallattoolee adda addaa sababa keemikaala histaaminiitiin kutaalee qaama
keenyarrati uumaman kan akka....
* Haxxifachuu.
* Ijji imimmaan yaasuu.
* Funyaan fi laagaan nyaachuu.
* Mallatoolee alarjii garagaraa.
* Dhangala'oo funyaanii.
* Qabbana.
* Diddiimatee nyaachuu gogaa.
* Mallattoo alarjii sababa jijjiirama waqtiitiin dhufu.
* Mallattoo alarjii sababa dhibee asmiitiin dhufu.
* Mallattoo alarjii gogaan dhangala'oo godhachuun horbabbaa'ee nyaatu kan yeroohamma torbee 6 turuu danda'uu (chronic urticaria) fi kkf yaaluuf gargaara.

KUTA 2 ffan itti fufa

▪︎Dadhabii cimaa qabaachuu.          ▪︎Rakkoo kaleetiin fincaan xiqquma finca'uu,fedhii nyaataa dhabuu,fincaani keessati...
08/10/2024

▪︎Dadhabii cimaa qabaachuu.
▪︎Rakkoo kaleetiin fincaan xiqquma finca'uu,fedhii nyaataa dhabuu,fincaani keessati dhigni mul'achuu,fedhii nyaataa dhabuu,ulfaatinni qaamaa dabaluu fi kkf mul'achuu.
▪︎Qoricha Omeprazole waggaa 3 oli yoo fayyadamnee hanqina vitamini B-12 fi kkf mul'achuu fa'adha.

✍Kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna.

Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.

05/10/2024

Address

Oromiyaa
Nazareth
215

Telephone

+251941868045

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Zeynuddin abdusamed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Zeynuddin abdusamed:

Share