03/09/2025
Dargaggoota irratti tamsa'inni dhukkuba kalee yaaddoo ta'aa jira. Of eeggannoo muraasa gochuun barbaachisaadha.
1. Fincaan keessan yeroo dheeraaf qabachuu irraa of qusadhaa.
Fincaan ujummoo fincaanii keessatti yeroo dheeraaf qabachuun balaa qaba. Kunis baakteeriyaan saffisaan akka baay’atu kan taasisu yoo ta’u, yeroo fincaan gara tiruutti deebi’u wantoota summii qabaniin infekshinii fiduu danda’a. Kunis infekshinii ujummoo fincaanii (UTIs), inflammation tiruu, fi uremia (summii dhiiga keessatti kuufamuu) fiduu danda’a. Akkuma fedhiin fincaa'uu sitti dhaga'ameen fincaa'i.
2. Soogidda guyyaatti giraama 5.8 akka hin caalle daangeessaa.
3. Foon garmalee nyaachuun miidhaa qaba.
Pirootiiniin foon irraa argamu baay’achuun yeroo bullaa’insa nyaataa ammooniyaan akka uumamu taasisa, kunis kalee miidhuu danda’a.
4. Kaafeeniin, soodaa, fi dhugaatii lallaafaa hir'isuu ykn guutummaatti dhabamsiisuu.
Dhugaatiiwwan kunneen dhiibbaa dhiigaa dabaluu fi kalee irratti dhiibbaa uumu. Alkoolii fi dhugaatii kana fakkaatan hir’isuun barbaachisaa dha.
5. Bishaan gahaa dhuguu.
Bishaan hojii tiruutiif barbaachisaa dha. Bishaan gahaa dhuguu dhiisuun summii dhiiga keessatti akka kuufamu taasisa. Guyyaatti yoo xiqqaate bishaan burcuqqoo 10 dhuguuf yaalaa. Fincaan keessan halluu salphaa qabaachuu qaba.
6. Ciisicha dura bishaan xiqqoo dhuguu fi yeroo hunda osoo hin ciisin dura fincaa'uu.
✿✿ Hubachiisa: Barreeffamni kun isin fayyada yoo ta'e fii barnoota akkanaa yoo kan barbaaddan ta'e page fi barreeffamicha like fi share godhaa.
Rabbiin tiksaa fi deggarsa nuuf haa ta'u.
Hiriyoota keessaniif dhimmamtan yoo ta'e barruu kana share gochuun biraan ga'aa Galatoomaa.
Dr. Hamza Jemal Yunivaristii Harvarditti Ispeeshaalistii wal'aansa keessoo(Internist) fii Garargaa Piroofessoraa.