Gadisa Haji

Gadisa Haji Psychology analysis

04/10/2025

Jechoota_Hayyootaa
=================
1. Farda lagaan ga’uu ni dandeessa; garuu obaasuu hin dandeeessu (Ingilizoota).
2. Saroonni lama; lafee tokko irratti, waliif galanii hinbeekani! (Faraansayota)
3.Kan arrabni yaabee dhalchu, kormi yaabee hin dhalchu! (Oromoota)
4. Miilli sochoonaan afaan agabuu hin bulu! Afrikaanota)
5. Bareedinni fuudhaa fi heerumaaf wabii hin ta’u! (Ariyaanota)
6. Iddoo yeroo dulloomtu teessu, iddoo yeroo dargaggummaa kee turte agarsiisa (Gaa’elikaanota)
7. Osuma barnoonni galaana ta’uuyyuu, harroonni garuu daakuu hin danda’an (Gaa’elikaanota)
8. Eenyummaa akaakayyuu kootii hin beeku; ilm ilmasaa garuu maal ta’uuf akka jiru beekuuf nan dhama’a. (Abraham Linkon)
9. Kan abbaan of hin gargaarre carraan isa hin gargaaru. (Oromoota)
10. Kan dhaggeeffatu hubachuuf, jechoota muraasatu isa ga’a (Afrikaa kibbaa)
11. Kan hiriyaa isaarra harka kaa’atee deemu fageenyi karaa itti hin beekamu (Nayijeeriyaanota)
12. Qalqalloon duwwaa jirtu dhaabbachuu hin dandeessu! (Taanzaniyaa)
13. Bareeda kan jennuun bareedinaan osoo hin taane, kan nu gammachiisaniini (Xaaliyaanota)
14. Kan carraa qabu galaanatti osoo darbattanillee qurxummiitu afaanitti qabatee baha! (Araboota)
15. Karaa si baasu osoo hin beekiin, deemsa hin eegalin. (Ingilizoota)
16. Kan fedhu, kan raawwatu nama cimaadha; kan hawwu kan argachuu danda’u immoo, nama abshaala! (Ayerlaandota)
17. Dhugaan lubbuu magarsiti; sobni garuu ni tortorsiti. (Oromoota)

18.Akka ganamaa seetee, galgalas narra ejjadhukaa jette kosorruun Oromoota)
19.Taa’umsi dhagaa fi jechi haadha ormaa suuta lafee nama lixa! (Oromoota)
20.Yaanni bilchaataan balbala cufamaa ni saaqa! (Africaanota)

28/09/2025

" 'Ani nama dogongoraan dhalatedha. Nama miti Waaqnuu waan na beeku miti. Maal jireenyi akkasii? Maal utuu dhalachuumtikoo hafeera ta'e hin wayyuu? Carraa abaaramaan akkasii kankoo qofa maaf ta'e" jettee beektaa?

Hiriyyootnikee hundumtuu si biraa milkaa'anii jireenyi toora galeefii...! Bakka gurguddaa gahanii. Atimmoo rakkinni manakeetti wal gahee, Rakkinakee uffataan dhokfattee daabboo gogaa tokko ciniintee manaa baatee, gaafimmoo isumayyuu dhabdee hagabuukee baatee beektaa?

Halkan waarii saa'atii 9tti hirriba keessaa kaatee rakkinootakee ilaaltee, carraankee karaa hundumaan cuccufaa ta'uusaa ilaaltee sireekeerratti imimmaan sii fi waaqni qofti argitan buuftee beektaa?

Namni ati baayee abdattu tokko "Abshir anuu siif jira. Hin yaadda'iin! Waan barbaaddeen si cinan jira" jedhee waadaa siif galee, rakkinni morma gaafa si gahu itti bilbilattee bilbila sirraa kaasuu didee beekaa?

Wanti ati gatii guddaa itti baafte (yerookee, humnakee ykn maallaqakees) itti baaftee, "kun naaf milkaa'eera" jettee abdatte tokkoo si jalaa babbadee, liqii namaa ofirraa baasuu dadhabdee karaa jallifattee dhokachaa jiraachuun si qunnamee beekaa?

Humnaa fi beekumsa utuu qabduu, waan ittiin mul'atakee galmaan gahattu dhabdee, karaa meeqa yaaltee dandeettiikee owwaaltee taa'uuf dirqamtee beektaa?

Bakka jireenyakee dhokfattee, bilbilaa fi location kee hundumaa jijjiirtee bakka maatii fi hiriyyoonni ykn namni si beeku kamuu sin argine jiraachuuf murteessitee beektaa?

Waan sitti hima!
Tasumaa abdii kee kuttee murtoowwan jireenyakee egeree dukkaneessan ofirratti hin murteessiin. Karaan ati irra adeemaa jirtuu fi haalli walxaxaan ati keessa jirtu daandii milkaa'insakeetti si geessanidha. Bor seenaa gootee dhalootatti akka himtuufidha.

Qormaata jireenyaa qoramaa jirta beeki. Qormaata kana injifattee darbinaan hayyootaa fi namoota gurguddoo bor addunyaaf bu'aa buusan, Kan miidiyaan biyya keessaaf alaa seenaa jireenyakee fi milkaa'insakee afgaaffii siif gochuuf dabaree qabatan akkat

Like tokko qarshii 1   WalloodhaSa'aati 12 keessaati
21/03/2024

Like tokko qarshii 1
Walloodha
Sa'aati 12 keessaati

Like tokko qarshii 1  WallooSa'aati 12 keessaati Like itti roobsaa Maloo Oromoo
21/03/2024

Like tokko qarshii 1
Walloo
Sa'aati 12 keessaati
Like itti roobsaa Maloo Oromoo

27/02/2024

Jiraachuuf qofa oso hin taanee kan dhalanneef falmaannee furmataa fiduufidha

15/07/2023

Hiyyuummaa ni baleessina Mo ni xiqeesina??

28/06/2023

Which have power
1 Education
2 Age

25/06/2023

What news now??

21/10/2022

Hogaansaa ta'uun salphaadha hogaannuun ulfaatadha
Qajeeltoowwaan Hogaansa muraasnii
1 Bilchiinaa(maturity)
2 Obsaa (Tolerance)
3 Rakkoo furuu(Riski taker)
4 Kaka'uumsaa qabaachu(motivation)
5 Kallaattii jijjiirruun furmaata barbaaduu(change direction or flexible)
6 mariidhaan xumuruu (discussion between employe )
Harirroo garii ummuu(make good relationship)
7 Amaanama ta'u ( Loyalty)....
Empaworment ,encourage, partipation, directing and leading all are used for good Leadership at workplace and in profit organization

What you see is better than what you hear! !!
01/10/2022

What you see is better than what you hear! !!

Address

Oromiya
Nazareth
PHILOSOPHY

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadisa Haji posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share